Dorgommii fiigicha daandiirraa km. 10 humna qilleensaa dhiiraan atileet Biiniyaam Malaak fi dubartootaan atileet Adaanuu Hirphoo mo’atan - ENA Afaan Oromoo
Dorgommii fiigicha daandiirraa km. 10 humna qilleensaa dhiiraan atileet Biiniyaam Malaak fi dubartootaan atileet Adaanuu Hirphoo mo’atan
Sadaasa 20/2019 (ENA)- Dorgommii fiigicha daandiirraa km. 10 humna qilleensaa FDRI qopheesse barana yeroo lammaffaaf “mata duree “daandiin qilleensaa keenya wabii keenya” jedhuun magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.
Dorgommii Kanaan dhiiraan atileet Biiniyaam Malaak yoo mo’atu dubartootaan atileet Adaanuu Hirphoo mo’atteetti.
Sadarkaa tokkoffaa bahuun kan mo’atan tokkoon tokkoonsaanii birria kuma 500 badhaafamaniiru.
Leenjiftoota cimoo jedhamuun dhiiraan Huseen Shabboo Shaggar siitiirraa, dubartootaan Tasfaayee Nadhasaa shaggar Siitiirraa badhaafamaniiru.
Atileetonni mo’atan fiigicha dirreerraa gaachana biyyaa kan ta’e humna qilleensaarratti hirmaachuusaanii fi mo’achuusaaniitti akka boonan ibsaniiru.