Ayyaanni guyyaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa 21ffaan sadarkaa biyyaalessaatti kabajamu taateewwan seenaa hedduun dabaalamee ni kabajama-kabajamoo af-yaa’ii adde Mufarihaaf Kaamil - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni guyyaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa 21ffaan sadarkaa biyyaalessaatti kabajamu taateewwan seenaa hedduun dabaalamee ni kabajama-kabajamoo af-yaa’ii adde Mufarihaaf Kaamil
Sadaasa 20/2019 (ENA)- Ayyaanni guyyaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa 21ffaan sadarkaa biyyaalessaatti kabajamu taateewwan seenaa hedduun dabaalamee akka kabajamu qindoominaan hojjetamaa akka jiru af-yaa’ii mana maree federeeshinii FDRI adde Mufarihaaf Kaamil ibsan.
Gareen jilaa adde Mufarihaat Kaamiliin durfamu ayyaana guyyaa sabdaneessa Itiyoophiyaa magaalaa Jimmaatti yeroo 21ffaaf qindeessummaa mana maree federeeshinii fi magaalaa Jimmaan kabajamu ilaalchisee qophii boqonnaa xumuraa taasifamaa jiru magaalicha keessa deemuun ilaalaniiru.
Qindoomina hooggantoota naannichaa, godinaa fi magaalichaan qophiin ga’aan taasifamuusaa gareen jilaa kun daawwannaa Kanaan mirkaneesseera.
Af-yaa’ii Mufarihaat Kaamiil wayita kana akka ibsanitti, ayyaanichi hirmaannaa ummataa cimaan akka kabajamuu fi sadarkaa qaroomina Itiyoophiyaa agarsiisuun akka qophaa’u qophiin taasifame fakkeenyummaan ka eeramudha.
Ayyaana guyyaa sabdaneessaa Itiyoophiyaa kan ta’e taateen biyyaalessaa guddaan kun dammaqinaan akka kabajamu tumsi qooda fudhattoonni hundi taasisaa jiran kan jajjabeeffamu ta’uu Af-yaa’iin kun ibsaniiru.
Mana maree federeeshiniirraa