Tamsaasa Kallatti:

Imalli keenya Finfinnee caalaatti miidhagduu, naga-qabeettii fi hundaaf mijattuu akka taatu gochuuf itti jirru cimee itti fufeera-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Sadaasa 20/2019 (ENA)- Imalli keenya magaalaa mAfriikaa kan taate Finfinnee caalaatti miidhagduu, naga-qabeettii fi hundaaf mijattuu akka taatu gochuuf itti jirru cimee itti fufuusaa Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebeeibsan.

Fiigichi km.5 pirezidaantiin duraanii Saahilawarq Zawudee, dippilomaatonni, hojjettoonni gamtaa Afriikaa fi jiraattonni magaalichaa irratti hirmaatan har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Kantiibaa Adaanech wayita kana akka ibsanitti, taateen kun miira tokkummaa Afrikaanummaa, obbolee fi obbolummaa cimsuun olitti Finfinneen wiirtuu nageenyaa fi dippilomaasii ta’uushee kan agarsiisudha.

Fiigichi km. 5 kun duudhaalee waloomaa, nagaa fi dippilomaasii magaalattii kan mul’ise taatee addaa ta’uusaa kantiibaa Adaanech beeksisaniiru.

Hojiileen misooma kooriidarii fi magaalaa miidhagsuuf Finfinnee keessatti hojjetamaa jiran jiraattotaa fi dippilomaatota magaalattii keessa jiraataniif magaalaa qulqulluu, mijattuu fi fayyummaan jiraachuuf mijattuu taate uumuuf gumaacha qaban qabatamaan kan agarsiisan ta’uu kantiibaa Adaanech abeebee cimsanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015