Tamsaasa Kallatti:

Aanichatti buna qulqullina qabu sassaabuun gaggeeffamaa jira

Sadaasa 19/2019 (ENA): Godina Lixa Oromiyaa aanaa Beegiitti bunni sassaababaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Lafa aanaa Beegii beeksise.


 

Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Bulchiinsa aanaa Beegii fi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa obbo Waaqgaarii Kabbadaa akka ibsanitti, aanaa Beegii keessatti lafti heektaara kuma 39 fi 860 ol biqiltuu bunaan uwwifamaa jira jedhani. Kanarraas buna kuntaala kuma 260 ol sassaabuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.

Omishni bunaa qonnaan bultoota aanichaaf madda galii ijoo ta’uu hubachiisanii; omisha bunaaf xiyyeeffannoon kennamaa akka jirus himaniiru.

Qonnaan bultoonni bunaa waggaa waggaan biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’e akka caalaatti fayyadamoo ta’aniif kennamaa akka jirus himaniiru.


 

Bunni haaraan aanichaa Muddee irraa eegalee kan sassaabamu ta’uu ibsanii; qonnaan bultoonni buna diimaa qulqullina qabu qofa akka sassaabuuf hojiin deeggarsaafi hordoffii ni raawwatama jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni bunaa Aanaa Beegii gama isaaniitiin yeroo oomishaa buna diimaa qulqullina qabu walitti qabuuf qophiirra jiraachuu himaniiru.


 

Daani’eel Iddoosaa qonnaan bulaa anaa Beegii kan ta’an,gama isaatiin bara kana buna diimaa qulqullina qabu sassaabuuf qophaa'aa jirra jedhani.

Qonnaan bulaan biraa aanaadhuma kanarraa Kamaal Jaafar akka himanitti, dhuma baatii Sadaasa irraa eegalee, gargaarsa muuxannoo ogummaatiin buna diimaa qulqullina olaanaa qabu sassaabuuf qophaa’aan jira jedheera.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015