Tamsaasa Kallatti:

Diijitaal Itiyoophiyaa: Imala Itiyoophiyaa Bu’urarraa Jijjiiraa Jiru

Imalli jijjiirama diijitaalaa Itiyoophiyaan dinagdee ammayyaa teeknooloojii fi kalaqa irratti hundaa’e ijaaruuf eegalte, yeroo ammaa kana saffisa olaanaa fi bu’aa qabatamaa ta’een gara fuulduraatti furgugga’aa jira. Tarsiimoo ‘Diijitaal Itiyoophiyaa’ jedhamu bu’uura godhachuun, akkasumas galmoota dinagdee diijitaalaa irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan jalqabaman, kenniinsa tajaajilaa, sirna faayinaansii fi misooma humna namaa biyyattii bifa jijjiiraa jiru.

Jijjiirama saffisaa kanaaf mootorri cimaan inni guddaan xiyyeeffannoo olaanaa fi kutannoo imaammataa mootummaan damee kanaaf kenneedha. Damee telekoomii dorgommiif banaa gochuurraa kaasee, hanga bu’uuraalee seeraa dinagdee diijitaalaatiif mijatoo ta’an raggaasisuutti tarkaanfiiwwan fudhataman, dhaabbileen dhuunfaa fi dhaabbileen teeknooloojii idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti akka bobba’aniif balbala bananiiru. Bu’uuraalee misoomaa babal’isuun dhaqqabummaa intarneetii guddisuun immoo imala diijitaalaa kanaaf lafee dugdaa ta’ee tajaajilaa jira.


Itiyoophiyaan mul’ata Afrikaa keessatti damee hubannoo namtolcheetiin (AI) adda duree ta’uuf qabdu dhugoomsuuf, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hundeessuun ishii boqonnaa seenaa guddaadha. Inistiitiyuutichi damee qonnaa, fayyaa, faayinaansii fi nageenyaa irratti furmaatawwan teeknooloojii biyya keessaa misoomsuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira. Milkaa’ina kana itti fufiinsaan mirkaneessuu fi damee kana beekumsa gadi fageenya qabuun hoogganuuf immoo, Yuunivarsiitii hubannoo namtolchee of danda’e hundeessuuf jalqabbii eegalamuun ishii, Itiyoophiyaan teeknooloojii kan fayyadamtuu qofa osoo hin taane, biyya teeknooloojii maddisiiftuu taatee dhaabbachuuf kutannoo qabdu agarsiisa.


Teeknooloojiin humna namaa gahaa fi gahumsa qabu malee bu’a-qabeessa ta’uu hin danda’u. Kana kan hubate imalli Diijitaal Itiyoophiyaa, dargaggoota ogummaa diijitaalaa ammayyaatiin gahoomsuuf sochii bal’aa uumeera. Lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman koodingii (coding), daataa saayinsii fi beekumsa diijitaalaa bu’uuraatiin leenjisuuf sagantaawwan biyyaalessaa jalqabaman adeemsa dhaloota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e uumuu saffisiisaniiru.

Bu’aan jijjiirama diijitaalaa jireenya guyyaa guyyaa lammiilee keessatti ifatti mul’achuu jalqabeera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo "Masoob" lammiileen tajaajiloota mootummaa garaagaraa baaxii tokko jalatti, sirna si’ataa teeknooloojiidhaan deeggarame akka argatan kan taasisu yoo ta’u, biirookraasii hir’isuun kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessaa jira.


Sirnoonni daddabarsa maallaqaa moobaayilaa fi kaffaltii diijitaalaa kanneen akka Telebirrii fi filannoowwan diijitaalaa baankii biroo yeroo gabaabaa keessatti lammiilee miliyoonota fayyadamtoota sirna faayinaansii taasisaniiru. Bittaa fi gurgurtaan maallaqa callaa malee (Cashless) raawwatamuun baratamaa dhufuunsaa sochii daldalaa saffisaa, iftoomina qabuu fi hammataa taasiseera.


Bu’uura dinagdee diijitaalaa kan ta’e waraqaan eenyummaa diijitaalaa biyyaalessaa ‘Fayidaa’, imala diijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti gahee murteessaa bahachaa jira. Sirna odeeffannoo baayoomeetiriiksiitiin deeggarame, lammiileen tajaajila baankii, inshuraansii fayyaa, barnootaa fi tajaajiloota mootummaa haala amansiisaa fi salphaa ta’een akka argatan dandeessiseera. Saffisni hojiirra oolmaa, hammattummaanii fi sadarkaan teeknooloojii waraqaa eenyummaa diijitaalaa Fayidaa Itiyoophiyaa bira darbee biyyoota Afrikaa fi biyyoota guddinarra jiran biroof akka muuxannoo gaarii fi fakkeenyaatti sadarkaa eeramu irra gaheera.

Sochiin waliigalaa Itiyoophiyaan damee teeknooloojiitiin jalqabde kun, biyyattii hojimaata duubatti hafaa keessaa baasuun, mul’ata Afrikaa keessatti fakkeenya dinagdee diijitaalaa ta’uuf qabdu yeroo gabaabaa keessatti akka dhugoomsitu ifatti agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015