Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannoo Tigraay keessatti filannoo gaggeessuu ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeesse - ENA Afaan Oromoo
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannoo Tigraay keessatti filannoo gaggeessuu ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeesse
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Sadaasa 17 bara 2019 naannoo Tigraay keessatti filannoo gaggeessuu ilaalchisee paartilee siyaasaa Naannoo Tigraay fi sadarkaa biyyaalessaatti socho'an akkasumas dhaabbilee hawaasa siivikii sadarkaa biyyaalessaa fi naannoo Tigraayi keessa socho’an waliin marii gaggeesseera.
Walitti qabduun Boordichaa Aadde Meelaatwarq Hayiluu haasaa baniinsaa marii isaanii irratti, filannoo milkaa'aa carraaqqii boordichaa qofaan hojii hojjetamu kan hin taanee fi filannoo iftoomina qabu, bilisaa fi walaba ta'e gaggeessuuf hirmaannaan qaamolee dhimmi ilaallatu hundaa murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Kaayyoon marii kanaas hirmaattota irraa yaadaa fi galtee walitti qabuu ta’uusaa fi gara fuulduraatti qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin kan taasifamu ta'uu ibsaniiru.
Hirmaattonni gama isaaniin, filannoon kun ummanni Tigraay ofiin of bulchuu, akkasumas Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinii keessatti bakka bu'ummaan akka qabaatu kan taasisu ta'uu ibsaniiru.
Walitti qabduun boordichaa Aadde Melaatworq Hayiluu haasaa cufiinsaa taasisaniin, yaadni hirmaattotarraa argaman filannichaaf galtee akka ta’u dubbataniiru.