Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin ni hojjetu - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin ni hojjetu
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin akka hojjetan ibsan.
Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira.
Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa yaa’ichaan cinaatti hojii raawwachiisaa ejensii misooma Faransaayi Kiriistoof Lekurtiyer waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii Faransaayi tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu fi dhimmoota COP32 irratti itti fufiinsaan hojjechuurratti kan xiyyeeffatedha.