Tamsaasa Kallatti:

Giddu-galli Saayibarii ogeessota dandeettii qaban kanneen qabeenya biyyaalessaa guddaa ta’an oomishaa jira

Sadaasa 19/2019 (ENA): Giddu-galli Gahumsa Saayibarii ogeessota dandeettii qaban beekumsa olaanaa, dandeettii ammayyaa fi jaalala biyyaa qaban oomishaa jira jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa.

Bulchiinsi Nageenya Neetworki Odeeffannoo dargaggoota leenjisaa ture marsaa shanaffaa eebbise.


 

Akka Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa sagantaa eebbaa kana irratti argamuun himanitti, Itiyoophiyaan imala misoomaa hunda galeessa taasiftu saffisiisuun diinagdee addunyaa dorgomaa ta’e ijaaruuf Tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa 2030 qopheessitee hojiirra oolchaa jirti jedhani.

Tarsiimoon kun mul’ata biyyaalessaa guddaa tajaajila mootummaa guutummaatti dijiitaala gochuu, hammatamummaa faayinaansii mirkaneessuu fi fayyadamtoota teeknooloojii taasisuu kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Haa ta’u malee, bu’uuraaleen dijitaalaa nageenya saayibarii cimaa malee ijaaraman akka gamoo bu’uura hin qabne ykn mana balbala hin qabne ta’uu Ministirri kun ibsuun; dandeettiin nageenya saayibarii akkuma sirni dijitaalaa babal’achaa deemuun yoo hin guddanne dantaan dinagdee biyyattii fi nageenyi biyyaa balaadhaaf saaxilama jechuun dubbataniiru.


 

Kanumaan walqabatee, Giddu-galli Gahumsa Saayibarii ogeessota dandeettii qaban beekumsa olaanaa, dandeettii ammayyaa fi jaalala biyyaa qaban, humna namaa bakka hin buune ta’an horachaa jiraachuu ibsaniiru.

Eebbifamtoonni kunniin Beekumsa qaban naamusaan nageenya biyyaa, nageenya ummataa, eegumsa dhaabbilee fi badhaadhina Itoophiyaaf akka fayyadaman gorsaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015