Itiyoophiyaan bu’aalee jijjiirama qilleensaaf deebii kennuun galmeessiste waltajjii idil-addunyaatti dhiheessite - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan bu’aalee jijjiirama qilleensaaf deebii kennuun galmeessiste waltajjii idil-addunyaatti dhiheessite
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan Turkiyyee Antaaliyaatti yaa'ii 31ffaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jijjiirama qilleensaa (COP31) irratti gaggeeffamaa jiru irratti, waggaa darbe keessatti dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii xiqqqaa fi jijjiirama qilleensaaf dandamachuu danda'u ijaaruun gama galmeessisteen bu'aalee qabatamaa argattee fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo gara fuula duraa ifoomsiteetti.
Paviloonii Itiyoophiyaa COP31 Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaatiin mata-duree “Beleem irraa hanga Antaaliyaatti, dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii fi jijjiirama qilleensaaf dandamatu ijaaruun imala Itiyoophiyaa” jedhuun waltajjiin gamaaggamaa olaanaa gaggeeffamerratti bakka bu'oonni mootummaa Itiyoophiyaa fi michoonni misoomaa argamaniiru.
Waltajjii gamaaggamaa Paviloonii Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame irratti, bara 2018 qofa biqiltoonni biiliyoona 8.2 ol dhaabamuu fi erga sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabamee kaasee lakkoofsi biqiltoota dhaabamanii biiliyoona 56 ol ga'uun ibsameera.
Dabalataanis, lakkoofsi konkolaattota elektirikii Itiyoophiyaa keessatti argamanii kuma 144 fi 429 ga'uun eerameera.
Gama fooyya'insa imaammataa fi dhaabbilee irraa, labsii gabaa kaarboonii raggaasifamuu, sirni galmee kaarboonii biyyaalessaa qophaa'uu, wiirtuun odeeffannoo jijjiirama qilleensaa hundeeffamuu, akkasumas sirni hordoffii, gabaasaa fi mirkaneessaa walitti hidhame diriirfamuu isaanii akka bu'aawwan ijoo galmaa'anitti eeramaniiru.
Itiyoophiyaan yaa'iin COP32 bara 2027 Finfinneetti keessummeessitu milkaa'inaan gaggeessuuf sadarkaa biyyaalessaa, ardii fi idil-addunyaatti qophii taasisaa akka jirtu ibsameera.
Kana malees, michoonni misoomaa, dhaabbileen idil-addunyaa fi dameen dhuunfaa faayinaansii jijjiirama qilleensaa, dabarsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti deeggarsa isaanii akka cimsan waamichi dhihaateera.
Waltajjicharratti bakka bu'oonni Biriiteen, Jarmanii fi Gaanaa, akkasumas bakka bu'oonni olaanoon sagantaa misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi NDCP irratti hirmaatan, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda'u, nyaataa of danda'uu fi misooma magariisaa magaalotaa irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jirtu dinqisiifataniiru.
Odeeffannoon ministeera tarsiimoo biyyaalessaa irraa argame akka agarsiisutti, Itiyoophiyaan Antaaliyaa irraa gara Finfinneetti imala itti fuftu keessatti waadaa jijjiirama qilleensaa galte gara bu'aa qabatamaatti jijjiiruun, Afrikaa fi addunyaarratti dandamannaa jijjiirama qilleensaa ijaaruu keessatti kutannoo qabdu mirkaneessiteetti.