Bulchiinsa Amaanaa waliin ta'uun nagaa fi tasgabbii magaalaa Maqalee mirkaneessuf hojjechaa jirra - jiraattota magaalaa Maqalee - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa Amaanaa waliin ta'uun nagaa fi tasgabbii magaalaa Maqalee mirkaneessuf hojjechaa jirra - jiraattota magaalaa Maqalee
Sadaasa 19/2019 (ENA): Nagaa fi tasgabbii magaalaa Maqalee keessatti mul’ate daran cimsuuf Bulchiinsa Amaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay waliin ta’uun hojjechaa akka jiran jiraattonni magaalichaa ibsaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa waggaa tokkoffaa bara hojii isaanii irratti kaasaniif deebii fi ibsa kennaniin, ummanni Tigraay nagaa kan jaalatu, cimee kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Ummanni naannichaa bakka bu’oota gara federeeshiniitti akka erguuf filannoo gaggeessuu dabalatee misooma adda addaa raawwachuuf mootummaan ciminaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Deebii fi ibsa Ministira Muummee ilaalchisee jiraattonni magaalaa Maqalee ENA waliin turtii taasisan akka himanitti; Jeequmsi magaalattii keessatti uumamaa ture dhabamsiifamee nagaa fi tasgabbiin akka deebi’e ibsaniiru.
Jiraattonni mana isaanii gad bahanii nagaan deebi’uun rakkisaa ta’uu yaadachiisuun, keessattuu dargaggoonni garee ABUT seeraan alaatiin dirqisiifamanii waraanatti seenaniiru.
Akkasumas hanqina boba’aa irraa kan ka’e rakkoon isaan mudachaa akka ture eeruun, yeroo ammaa rakkoon kun nagaa fi tasgabbiin magaalattii keessatti deebi’uu hordofee furmaata argachaa akka jiru ibsaniiru.
Tajaajila geejjibaa irratti bobba'aanii kan jiran obbo Gabrahiwoot Gabrasillaasee jeequmsi magaalaa Maqalee fooyya'aa dhufuun afuura nagaa baafachaa jirra jedhan.
Nagaa fi tasgabbii ture daran cimsuuf gumaachi qaamolee hundaa murteessaa ta’uu ibsuun, kanaafis jiraattonni magaalichaa bulchiinsa amaanaa magaalattii cinaa hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Jiraataan magaalittii kan biraan dargaggeessi Goyitoom Kalayyuu, tasgabbii fi nageenyi Magaalaa Maqalee keessatti mul’ate abdachiisaa ta’uu eereera.
Magaalattii keessatti sababa nagaa dhabuun sochiin yakkaa dabalaa akka ture kan yaadatu dargaggeessi kuni, yeroo dhiyoo as sababa nageenyi bu’een bilisaan seenuu fi bahuu danda’uu dubbata.
Barsiisaa Waldasillaasee Yigzaawuu gama isaaniitiin waggoota dheeraaf barsiisaa kan turan yoo ta’u, nagaa fi tasgabbiin magaalattii keessatti mul’ate jiraattota magaalichaa fayyadaa jira jedhan.
Tajaajila garagaraa deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru nagaa waaraa ijaaruuf mijataa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Nagaa fi tasgabbii magaalattii keessatti mul’achaa jiru eegsisuuf, humnoota nageenyaa qofaan osoo hin taane ummannis gahee isaa ba’uuf qophii ta’uu akka qaban himaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links