Tamsaasa Kallatti:

Qaama miidhamtoonni ijaarsa biyyaa keessatti hirmaannaa cimaa qabu – De’eetaa Ministiraa Keeriyaa Ibraahim

Sadaasa 19/2019 (ENA): Qaama miidhamtoonni fayyadamtoota misoomaa qofa osoo hin taane ijaarsa biyyaa keessatti hirmaattoota cimaa hirmaannaa cimaa qabu jedhan De’eetaan ministira Dubartootaa fi Hawaasummaa Keeriyaa Ibraahim.

De’eetaan Ministira Dhimma dubarttotaafi hawaasumaa ibsa miidiyaaleef kennaniin guyyaa qaama miidhamtoota idil addunyaa 35ffaa sababeeffachuun kennaniin kana ibsaniiru.

Bara kana guyyaan qaama miidhamtoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 35ffaaf sadarkaa biyyaatti ammoo yeroo 34ffaaf Sadaasa 25 hanga 26, 2019tti Godina Kibba Itoophiyaa magaalaa Arbaa Minchitti akka kabajamu ibsaniiru.

Ayyaanni bara kanaa waggaa 20ffaa Konveenshinii Mirgoota Qaama Miidhamtootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsuun; bu’aawwan waggoota darban keessatti galmaa’an fudhachuun fi qaawwi hafaniif furmaata kennuun akka ta’e ibsaniiru.

Dhaqqabummaan qaama miidhamtoota gara waltajjiitti affeeruu qofa osoo hin taane, barnoota, fayyaa, hojii, haqaa fi adeemsa murtii kennuu keessatti walqixa akka hirmaatan dandeessisuu akka ta’e himaniiru.

Dhaqqabummaan invastimantii oomishtummaa biyyaalessaa ta’uu eeruun; keessattuu mirgaa fi hirmaannaa dubartootaa fi daa’imman qaama miidhamtootaa, akkasumas lammiilee deeggarsa olaanaa barbaadaniif xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu ibsaniiru.

Hirmaannaa walqixaa qaama miidhamtootaa mirkaneessuun itti gaafatamummaa mootummaa qofa akka hin taane kan ibsan yoo ta’u; dhaabbileen federaalaa fi naannoo, dameen dhuunfaa, michoota misoomaa fi hawaasni waliin hojjechuu qabu jedhani.


 

Daarektarri Olaanaa Federeeshinii Waldaalee Qaama Miidhamtoota Itoophiyaa Abbaaynee Gujoo akka himanitti; Ayyaanni bara kanaa bu’aa ba’ii fi qormaata imala waggaa 20 Konveenshinii Mirgoota Qaama Miidhamtootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gamaaggamuuf carraa addaa ta’a jedhani.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015