Cabiinsarraa gara olka’iinsa birmadummaatti: Yaada Mootummaa Ida’amuutiin, Itiyoophiyaa utubaa naannichaa taate - ENA Afaan Oromoo
Cabiinsarraa gara olka’iinsa birmadummaatti: Yaada Mootummaa Ida’amuutiin, Itiyoophiyaa utubaa naannichaa taate
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii mana maree bakka bu’oota ummataatti taasisaniin, dandeettii guddaa Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraa keessatti qabdu, qormaatawwan keessa darbitee injifannoowwan bu’a qabeessa galmeessistee fi imala of danda’uu fi birmadummaa ishee cimsanii kaasaniiru. Addunyaan yeroo ammaa muddama ji’oo-siyaasaa, jeequmsa daandiiwwan daldalaa fi raafama dinagdee keessa jirtu kanatti, Itiyoophiyaan waggoota muraasa darban keessatti hojiiwwan riifoormii bu’uuraa hojiirra oolchiteen dhiibbaa adda addaa dandamachuu akka dandeessu qabatamaan mirkaneessiteetti.
Falaasamnii fi shoorri ijoo yaadama mootummaa qabeenya uumamaa fi humna namaa walitti qindeessuun dandeettii waa raawwachuu danda’uu ijaaruu, isaaniin ammoo gara humna biyyaalessaa cimaa fi birmadummaa olaanaatti ceesisuudha. Mootummaan ofii isaa akka abbaa imaanaa biyyaatti ilaaluun, dhaabbata cimaa dhalootaa dhalootatti darbuufi bu’uura qaroominaa kaa’uuf hojjechaa jira. Bu’aawwan qabatamaa hoggansa Mootummaa Ida’amuun galmaa’anis, biyya keenya gara boqonnaa seenaa haaraatti ce’uu ishee ragaa bahu.
Gama diinagdeetiin Itiyoophiyaan oomisha waliigalaa biyya keessaa doolaara biiliyoona 210 galmeessisuun Afrikaa Bahaa keessatti sadarkaa tokkoffaa, biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti ammoo dinagdee guddina sadarkaa sadaffaa qabdu ta’uu dandeesseetti. Seenaa keenya keessatti yeroo jalqabaatiif dameen industirii qooda dhibbantaa 31 tuqaa 8 qabaachuun qonna caalaa sadarkaa ol’aanaa irra ga’uun, biyyattiin gara jijjiirama caasaa diinagdeetti ce’aa jiraachuu ishee agarsiisa.
Miirri of danda’uu fi “ni dandeenya” jedhu pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa fi ijaarsa dhaabbilee keessatti ifatti mul’ateera. Korporeeshiniin Baaburaa Itiyoophiyaa bulchiinsa biyya alaa jalaa bahee dandeettii lammiilee biyyattiitiin hogganamuun bu’aa waggaa isaa Birrii biiliyoona 3 tuqaa 4 irraa gara biil. 43tti guddisuu danda’eera. Korporeeshiniin Baaburaa Itiy oophiyaa bulchiinsa biyya alaa jalaa bahee dandeettii lammiilee biyyattiitiin hogganamuun bu’aa waggaa isaa Birrii biiliyoona 3 tuqaa 4 irraa gara biiliyoona 43tti guddisuu danda’eera. Kuufamni sharafa alaa keenyaa dachaa 20 ol guddatee jira. Akkasumas, kurmaana waggaa tokko qofa keessatti galiin doolaara biiliyoona 3.1 argame, kunis galii al-ergii waggaa guutuu duraan argamaa tureen walqixa. Kana malees, oomishaalee biyya alaa irraa doolaara biiliyoona 6n galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuun danda’ameera. Kunis Itoophiyaan hirkattummaa irraa bilisa baatee of danda’uun dhaabbachuu jalqabuu ishee kan mirkaneessan agarsiistota qabatamaadha. Akkasumas, Dhaabbanni Invastimantii Itoophiyaa (Ethiopian Investment Holdings) qabeenya waliigalaa isaa dachaa sadiin guddisuun gara Birrii tiriliyoona 9tti ol guddisuu danda’eera. Kun qabeenya qisaasamaa ture gara misoomaatti jijjiiruu keessatti milkaa’ina guddaadha. Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa dabalatee, ijaarsi Hidha Koyshaa, Warshaa Xaa’oo Godee, misoomni gaazii fi ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu qabatamaan gara hojiitti hiikamaa jiru.
Kana malees, misoomni kooridarii magaalotaa fi bu’aan hojii Asxaa Magariisaa galmaa’e, Itoophiyaa Afrikaa keessatti akkasumas sadarkaa idil-addunyaatti fakkeenya misoomaa fi bakka walgahiiwwan gurguddoo taateetti.
Gama aadaa siyaasaa fi ce’umsa biyyaalessaatiin, mootummaan Ida’amuu seenaa haaloo fi walballeessuu cabsuun karaa marii fi dhiifamaa filateera. mariin biyyaalessaa waggoota afran darban keessatti lammiilee kuma dhibbootaan lakkaa’aman hirmaachise, shaakala siyaasaa duraanii kan “diiguu fi balleessuu” jedhu jijjiiree, waan gaarii ta’e tursiisuu fi hanqina jiru marii tasgabbaa’aa ta’een sirreessuun gara waliigaltee waaraatti kan ittiin ceenu riqicha seena qabeessa diriirseera. Injifannoo booda nageenya waliigaluu, dhiifamaa fi obsaan walitti bu’iinsa keessaa hiikuuf tattaaffiin taasifames, biyyattii yaaddoo of keessaa miidhuu (Auto-immune disease) irraa bilisa baasuun gara tokkummaa biyyaalessaa cimaatti ceesisuuf kutannoo jiru agarsiisa.
Gama birmadummaa fi dippilomaasii naannootiin, Itiyoophiyaan “Mukni madda bishaanii bira jiru yeroo hunda ni lalisa” jecha jedhuun nagaa fi misooma waloof biyyoota ollaa isheef dursa kennitu, utubaa tasgabbii naannichaa fi obbolssa angafa taateetti. Faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa ishee irratti garuu gonkumaa kan hin mari’anne, biyya kamiyyuu kan hin weerarre, garuu mirga fi daangaa ishee irratti kan dhufu kan hin obsine biyya cimaadha. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa teeknooloojii, humna namaa fi oomisha biyya ofiin ijaare irratti hundaa’uun of ijaare, biyya eeguu fi nageenya naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee isaa bahachuuf qophii gahaa irra jira. Dabalataanis, dhimma galaana Diimaa argachuu dabalatee dhugaa seenaa fi teessuma lafaa Itiyoophiyaa karaa waliigaltee, waljijjiirraa faayidaa fi marii nagaa irratti hundaa’uun mirkaneessuuf tattaaffiin tarsiimawaa jalqabame, Itiyoophiyaa naannawaa itti cufame keessaa baasuun bu’uura badhaadhina waliinii kaa’uuf kan gargaarudha.
Dhugumatti imalli Itiyoophiyaa cabiinsa irraa gara suphamuu, hirkattummaa irraa gara of danda’uutti, dadhabina irraa gara dandeettiitti, raawwachuu dadhabuu irraa gara raawwachuutti, fakkeenya hiyyummaa fi beelaa ta’uu irraa gara oomishtummaa fi al-ergiitti, akkasumas gara fakkeenya badhaadhinaa fi misoomaatti ce’uu agarsiisa. Kunis duubatti hafummaa irraa gara imala guddinaa fi tarkaanfii saffisaa ta’eetti ce’umsa seenaa guddaadha. Itiyoophiyaan qabeenya dhuunfaa mootummaa tokkoo osoo hin taane mana waliinii fi imaanaa guddaa hunda keenyaati.
Kanaaf lammiileen Itiyoophiyaa hundi hoggansa mootummaa ida’amuun imala ijaarsa Itiyoophiyaa guddoo gaggeeffamaa jiru milkeessuuf, tumsa, waliin jireenya, harka walqabachuu fi tokkummaa sabdaneessaa cimsuun, damee hojii isaanii keessatti gahee isaanii akka bahan waamicha dhiyeessina.
Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa