Tamsaasa Kallatti:

Eebbifamtoonni beekumsa qaban nageenya hawaasaaf, eegumsa dhaabbilee, badhaadhina Itoophiyaaf oolchuu qabu - Piroofeesar Biraanuu Naggaa

Sadaasa 19/2019 (ENA) : Eebbifamtoonni beekumsa qaban nageenya hawaasaaf, eegumsa dhaabbilee, badhaadhina Itoophiyaaf oolchuu qabu jedhan ministirri ministeera barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa.

Dhaloota qormaatilee dandamachuu danda’u horachuuf nageenya Saayibarii fi Itti fayyadama Teeknooloojii sirna barnootaa waliin qindeessuun murteessaa ta’uu himani Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan.
Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo, leenjii kaampii Gannaa dandeettii saayibarii biyyaalessaa (National Cyber Talent Summer Camp Challenge)tiin leenjifamtoota marsaa 5ffaan leenjisaa ture eebbisiiseera.


Addunyaan warraaksa Indaastirii 4ffaatti ce’aa jiraachuu kan ibsan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan, hojiin barachuu, oomishuu fi walqunnamtii gara Teeknooloojiitti jijjiiramaa jiraachuu ibsaniiru.

Barnoota Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii fi Herregaa cimsuun, dandeettii barattootaa gadi fageenyaan yaaduu guddisuu fi dandeettii kalaqaa isaanii jajjabeessuun humna namaa yeroo ammaa wajjin walsimu horachuuf murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Fayyadamni teeknooloojii dijitaalaa dandeettiiwwan teeknooloojii bu'uuraa qofa osoo hin taane, dhimma naamusaa, itti gaafatamummaa fi nageenyaa ta'uu isaa hubachiisan.
Bu'uuraalee misooma dijitaalaa biyyaalessaa eeguu, dandeettii teeknooloojii guddisuu fi birmadummaa dijitaalaa mirkaneessuuf dhaloota beekumsa, dandeettii fi itti gaafatamummaan ijaarame horachuu akka gaafatu himaniiru.


Eebbifamtoonni kunniin beekumsa qaban naamusaan, nageenya biyyaa, nageenya ummataa, eegumsa dhaabbilee fi badhaadhina Itoophiyaaf akka fayyadaman gorsaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015