Tamsaasa Kallatti:

Qonnaan bultoonni oomisha isaaniitti sona dabaluun gabaaf dhiheesssuun dinagdee isaanii akka guddisaniif hojjetamaa jira- Biiroo Qonnaa Oromiyaa

Sadaasa 19/2019(ENA): Qonnaan bultoonni oomisha isaaniitti sona dabaluun gabaaf dhiheesssuun dinagdee isaanii akka guddisaniif hojjetamaa jira jedhani obbo Tashoomaa Boggaalaa Hogganaa BiirooQonnaa Oromiyaa.

Qonnaan bultoota Kaampaanii Daldala Qonnaa(ABC) irratti gurmaa'aniif Tiraakterri kenname.
Qonnaan bultoota kilaastera gurguddaarratti gurmaa'uun bal'inaan oomishaa jiran gara Kaampaaniitti ceesisuun oomisha isaaniitti sona dabaluun gabaa biyya keessaaf alaatti fayyadamoo akka ta'aniif Agribusinass Company (ABC) Oromiyaa keessatti hundeessuuf yeroo ammaatti Giddu-galeessa Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Damee Oromiyaatiin ijaarsi Kaampaaniiwwan giddu-galeessota 20 keessatti gaggeeffama jira.


Giddu-galeessota kanaafis Tiraakteeronni humna fardaa 120 fi 145 qaban lakkoofsan 20 ta'an gaariifi accessory isaanii guutuu waliin waldaalee Kaampaanii Bizinasii Qonnaa qonnaan bultootaaf Mana Kuusaa BQO Moojootti argamutti dabarfamee jira.

Mandafiroo Nigusee (PhD) Daarikteera Olaanaa Inistitiyuutii Ce'umsa Qonnaa Itoopiyaa(ATI) saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin, Qonnaan bulaan keenya hojii dhuunfaan lafa xixiqqaa misoomsaa turanirraa gala kilaasteraatti ce'uun oomisha gabaa giddu-galeessa godhate lafa gurguddaarratti misoomsuun dinagdee isaanii guddifachuun gara interpiraayiziifi kaampaanitti ce'uun oomisha isaaniitti sona dabaluun gabaa biyya keessaafi alaatti akka dhiheessuun imala ce'umsa Qonnaa milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Tashoomaa Boggaalaa Hoogganaa BQO Mootummaan imala ce'umsa qonnaa milkeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu ibsuun, yeroo ammaa qonnaan bultoonni kilaastera gurguddaarratti oomishaa jiran oomisha isaaniitti sona dabaluun gabaa biyya keessaafi alaatti dhiheessuun dinagdeen akka guddataniif Kaampaaniin Daldala Qonnaa giddu -galeessota 20 keessatti hundaa'aa jiraniif Tiraakteroonni humna fardaa olaanaa qaban gaariifi meeshaalee ittiin qotan adda addaa waliin ATItiin bitame guyyaa har'a kennamuu himaniiru.

Obbo Zalaalem Jaallataa Bakka bu'aa Daarikteera Olaanaa Giddu-galeessa Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Damee Oromiyaa, Giddu-galeessi isaanii qonnaan bultoota Kilaasteraan Oomishuun bu'a -qabeessa ta'an gara daldalaatti ceesisuun fayyadamoo tasisuuf Kaampaanii Daldala Qonnaa Ijaaraa jiru cimsuuf guyyaa har'aa Tiraakteerota 20 gaariifi accessorie isaanii waliin bituun waldaaleef dabarsuu ibsuun fuulduraafis kaampaaniin kun cimee akka hojiitti galuuf beekumsaafi leecalloolee barbaachisaaniin kaampaanicha kan deeggeran ta'uu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni Kaampaanii bakka bu'uun argamanis, tiraakteera argataniin tajaajila kennuun biizinasii isaanii cimsachuuf cimanii kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.
Dhumarrattis, Obbo Tashoomeen, Qonnaan bultoonni gurmaa'uun gara Kaampaaniitti ce'aa jiran Tiraakteerota guyyaa har'aa kenname kanaan tajaajiala kennuun dingdee isaanii guddifachuu akka qaban himuun, hojiin Kaampaanii Daldala Qonnaa yeroo ammaatti jalqabaman xumursiisuun yeroo gababaa keessatti hojiitti akka galaniif deeggersa itti fufiinsa qabu kan taasifamu ta'uu ibsuun, Qonnaan bultoonnis yaadama kaampaanichaa qabatamaan hojiirra oolchuun imala ce'umsa caassefama dingdee Qonnaarratti jalqabame milkeessuuf adda durummaan gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru jechuun Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera.

#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015