Tamsaasa Kallatti:

Gadaan Karrayyuu sirna Gur’uraa gaggeessuuf qophiitti jiraachuu ibse

Sadaasa 19/2019 (ENA) :Gadaan Karrayyuu Dullachaa ardaa jilaa Tarree Daandootti godaanee sirna Gur’uraa gaggeessuuf qophiirra jiraachuu Gabalaan Gadaa Michillee Dullachaa ibsan.
Tuuti Gadaa Michillee Dullachaa waggaa lamaaf miseensota Gadaa Halchiisaaf Buttaa qalee Goobaa kennuun Bulchiinsa Gadaa leenjisaa ture.



Tuutni Gadaa Michillee akkaataa uummata itti bulchan tuuta Halchiisaa leenjisee erga xummuranii booda aangoo sirna Gadaa guutummaatti kennuun isaanimmoo gadoomu. Sirni wal harkaa fuudhinsa Aangoo Gadaa karrayyuu kunis Gur’ura jedhama. Gur’ura jechuun Gurra Urachuu jechuudha. Kunis mallattoo nama Liboomee ykn aangoo Gadaa kennee argarsiisa.
Karrayyuun Ilmaan lama qaba. Isaanis Dullchaafi Baasoo jedhamu. Gabalaan Dullachaa ykn Tuuti Gadaa Michillee kan warra Dullachaa torban lamaan booda ardaa jilaa Tarree Dandoo qubaachuun cicha Gur’uraa jilata.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015