Tamsaasa Kallatti:

Dhimmi buufata galaanaa Itoophiyaa misooma naannoo fi nagaa irraa adda bahee ilaalamuu hin danda’u – Piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam

Sadaasa 19/2019 (ENA): Dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa nagaa, misooma naannoof qabdu irraa adda bahee ilaaluun akka hin danda’amne dubbatan Piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin dhimmi buufata galaanaa Itoophiyaa dhimma tarsiimoo birmadummaa fi badhaadhina diinagdee naannichaa waliin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru.

Dhimmi karaa nagaa fi mariitiin buufata galaanaa argachuu haaraa akka hin taane kan ibsan Ministirri Muummee, muuxannoowwan idil-addunyaas dhiyeessaniir.

Joordaanii fi Sa’uudii Arabiyaan waliigaluun galoo Aqabaa, Iraaq Galoo Galaana Pershiyaa irratti walii galuu isaanii, Poolaandi ammoo Waraana Addunyaa Lammaffaa booda galaana kana akka argatan kan ibsan, dhimmichi karaa nagaa fi mariitiin furmaata argachuu akka danda’u akeekaniiru.

Itoophiyaan ummata miliyoona 130 ol qabdu karra galaanaa dhabdee cufamuu akka hin dandeenye eeruun, naannichi nagaa fi tasgabbii akka argatuuf dhimmi kuni furmaata argachuu akka qabu himaniiru.

Yunivarsiitii Kaalifoorniyaatti pirrofeessarri Saayinsii Siyaasaa fi ogeessa seeraa piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam ENA'tti akka himanitti, Itiyoophiyaan hula galaanaa akka hin arganne kan taasisan diinota keessaafi alaan shira xaxame dha jedhani.

Murteen balaafamaa kun Itiyoophiyaaf gatii guddaa kaffalchiisaa jiraachuu himaniiru.

Diinagdee guddaa Itoophiyaan qabdu yoo ilaalle, karra galaanaa argachuun naannicha misoomaan walqunnamsiisuudhaan tasgabbii waaraa akka fidu hubachiisaniiru. Kanaaf dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa misoomaa fi nagaa naannichaa irraa adda bahee ilaaluun hin danda'amu jedhan.

Itti dabaluunis biyyoonni Itoophiyaan buufata galaanaa kana dhaqqabuun ishee naannoo Gaanfa Afrikaa misooma itti fufiinsa qabuu fi nagaa buusuuf murteessaa ta’uu hubachuu qabu jedhan.

Dhimma buufata galaanaa kana galmaan ga’uuf karaan mootummaan fudhachaa jiru baay’ee kan galateeffamu ta’uus ibsaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015