Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Yugaandaan birmadummaa teeknooloojii Afriikaa fi guddina waloof tumsa isaanii nicimsu-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Sadaasa 15 /2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Yugaandaan birmadummaa teeknooloojii Afriikaa fi guddina waloof tumsa isaanii akka cimsan itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa 5ffaa cinaatti hat’a itti aantuu pirezidaantii Yugaandaa Jeesikaa Alluuppoo waliin inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Hubannoo namtolcheen birmadummaa teeknooloojii, guddina misoomaa fi qormaatilee misoomaa Afriikaa furuuf dandeettii guddaa akka qabu itti aanaan ministira muummee ergaa isaaniirratti barreessaniiru.

Dandeettii kana guddisuuf afaanota, beekumsaa fi haqa keenya bu’uureffachuun teeknooloojii hojjechuu, dandeettii qorannoo fi kalaqaa keenya cimsuu gaafata jechuun ibsaniiru.

Hubannoon namtolchee dame fayyaatiin dandeettii ogeeyyotaa deeggaruunii fi tajaajila fooyyessuun gumaacha guddaa akka qabaatu dubbataniiru.

Kanaaf ammoo kitaabota haala Afriikaan wal siman qopheessuu fi nageenya odeeffannoo mirkaneessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee qorannoo fi barnootaa irratti hundaa’uun, Yugaandaa fi biyyoota Afriikaa biroo waliin tums agama teekinooloojii, qorannoo waloo fi wal jijjiirraa beekumsaatiin cimsuun guddina waloof murteessaadha jechuun itti aanaan ministira muummee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015