Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifame

Sadaasa 11/2019(ENA)- Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa Magaalichatti kabajamu sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuun ibsameera.

Duulli Ashaaraa Magariisaa Mallattoo Waloomaafi danoomaan injifachuu Sabaafi Sablammootaa ta’uun ibsameera.

Itti Aanaan Kantiibaa fi qindeessaa Kilaastara damee Misooma Baadiyyaa magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu, mootummaan badhaadhinaa Sabaa fi Sablammootaaf bilisummaa fi wal-qixxummaa guutuu gonfachiisuun ijaarsa biyyaa fi imala badhaadha eegalame keessatti dammaqinaan akka hirmaatan taasisuusaa himaniiru.

Ayyaanni Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa sadaasa 17-20/2019 Sadarkaa Naannoo Oromiyatti mata duree “Itiyoophiyaa Qaroomtee, Sabaa fi Sablammootaan faayamtee, mariin Ijaaramte” jedhuun Magaalaa Shaggariitti kabajama jechaniiru.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeettii Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa Sababeeffachuun kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Eegduutti taasifameera

Magaalaa Shaggariitti biqiluu miliyoona 22 ol duula ashaaraa magariisaan akka dhaabbatees yaadachiisaniiru.

Bulchaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Obbo Tafarii Nigaatuu gama isaanii akka kutaa Magaalichatti biqiltuun nyaataa, bosonaa fi qorichaa miliyoonaa 1 tuqaa 8 akka dhaabbate himanii, kunuunsaa fi eeggicha taasifameen biqiltuwwan dhaabbatan hundi latuu akka danda'e dubbataniiru.

Sagantaa kunuunsa Biqiltuu kana irratti Af-Yaa'ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qaabatoo Albee, hooggantoota sadarkaa sadarkaan jiranii fi hawaasni irratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015