Itoophiyaan Miseensa Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa ta'uun filatamte - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan Miseensa Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa ta'uun filatamte
Sadaasa 18/ 2019 (ENA) : Yaa'ii Idilee 43ffaa Dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa Kaanaadaa Moontiriyaalitti gaggeeffameen Itoophiyaan sagalee olaanaan miseensa mana marichaa ta'uun filatamteetti.
Itoophiyaan yaa’icharratti sagalee 133 argachuun miseensa dhaabbatichaa taateetti.
Wayita teessoon Mana marichaa 36 irraa gara 40tti dabalu, teessoowwan haaraa dabalaman 4’n keessaa Itoophiyaan tokko argachuun adeemsa qophii imaammataa fi seera tumsa damee Aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti gahee murteessaa kallattiin akka qabaattu ni taasisa jedhe Waajjirri Ministira Muummee.
Itoophiyaan miseensa mana marichaa ta'uun filatamuun ishee Afrikaaf milkaa'ina guddaa ta’uu himameera.
Kun bu’aa qabatamaa tattaaffii dipiloomaasii Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti dhageettii fi dhiibbaa qabdu itti fufiinsaan guddisuuf taasisaa jirtuuf agarsiisu akka ta’es ekeekeera.
Itoophiyaan miseensa mana marichaa ta'uun filatamuun ishee Afrikaaf milkaa'ina guddaadha jedhe Gamtaa Afrikaas.
Itoophiyaan Ardii Afrikaa bakka bu’uun miseensa mana marichaa ta’uun akka filatamtu Komishiniin Siiviil Aviiyeshinii Afrikaa gumaacha taasiseera.
Itoophiyaan bakka bu’ummaa kana milkaa’ina biyya tokkoo qofaatti osoo hin daangessiin, faayidaa Afrikaa guutuu kabachiisuu fi eegsisuu akka itti gaafatamummaa ardii guutuutti fudhatteetti jedhe Waajjirichi.
Yaa’ii hooggantoota ‘BRICS’ 18ffaa magaalaa Niiwu Deelhiitti gaggeeffameen, ibsa waloo isaa keewwata 105 irratti murtoo Gamtaa Afrikaa fudhachuun Itoophiyaaf deeggarsa guutuu qabaachuu isaa mirkaneessuun, taatee daangaa Afrikaa darbee bal’ina dippiloomaasii biyyattii agarsiisudha.
Kunis Gamtaan Afrikaa bakka bu’ummaa ardii Afrikaa yeroo kennu, BRICS immoo dinagdeewwan guddachaa jiran biratti beekamtii siyaasaa bal’aa argamsiisuun, tokkummaan naannawaa fi tumsi Kibbaa-Kibbaa bu’a qabeessa ta’uun isaanii bu’uuraalee tumsa idil-addunyaa keessatti akkamitti wal deeggaranii bu’aa akka argamsiisan ifatti kan agarsiisudha jedhan.
Yeroo akkaan murteessaa kana keessatti, teessoon Itoophiyaan Mana Maree Dhaabbata Aviyeeshinii Siivilii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti argatte, biyyattii, lammiilee ishee fi Afrikaa guutuuf gama dippiloomaasii, dinagdee fi hojmaataan faayidaa gamhedduu qabaachuu ibse.
Kunis dambiiwwan idil-addunyaa haaraan haqa qabeessa akka ta’aniifi daandiiwwan xiyyaaraa Afrikaa akkasumas gabaa aviyeeshinii guddachaa jiru baasii madaalawaa hin taaneen akka hin miidhamne ittisuuf carraa olaanaa uuma.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links