Tamsaasa Kallatti:

Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba

Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan.

Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru.

Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira.

Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti.

Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u  biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru.

Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru.

Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru.

Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015