Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Tigraayitti tajaajilli Geejjiba Magaalaa Maqalee irraa gara magaalota naannichaa hundatti eegale

Sadaasa 19/2019 (ENA) : Naannoo Tigraayitti tajaajilli Geejjiba Magaalaa Maqalee gara magaalota naannichaa hundaatti idileen eegale‎era.

Magaalaa Maqalee ka’uun gara magaaloota naannichaa hundaatti haala dura turetti guutummaan guutuutti deebi’eera.


 

Konkolaatoonni tajaajila kana kennuuf ramadaman, kanneen imaltoota 24 hanga 60 qabachuu danda'an, akkasumas konkolaataa giddu galeessaa fi guguddoo ta'an, har'a irraa eegalee tajaajila isaanii idilee jalqabaniiru.

‎Konkolaatoonni kunneen Maqalee gara magaalota Tigraay garaagaraatti imalanii, Maqaleetti akka deebi’an boba'aan gahaan dhiyeessuun itti fufa jedhame.

‎Biiroon Geejjibaa fi Daandii tajaajilamtoonni taarifa sirriin tajaajila akka argatan hordoffii fi to'annoo cimaa taasisaa jiraachuu ibsameera.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015