Humni qilleensa Itoophiyaa meeshaalee waraanaa amayyaa fi humna namaa ga’umsa qabu waliin qindeessuun mallattoo injifannoo ta’eera – Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa - ENA Afaan Oromoo
Humni qilleensa Itoophiyaa meeshaalee waraanaa amayyaa fi humna namaa ga’umsa qabu waliin qindeessuun mallattoo injifannoo ta’eera – Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Sadaasa 20/2019 (ENA)-Ayyaanni hundeeffama humna qilleensa Itoophiyaa waggaa 91ffaa mata duree “wabii samii Itiyoophiyaa Injifannoo fi Wareegamaan miidhage” jedhuun sagantaalee garaagaraa fi fiigichi daandiirraa km. 10niin kabajamaa jira.
Ajajaan olaanaa humna qilleensa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, humni qilleensaa teeknooloojii ammayyaa fi humna namaa gahumsa qabu walitti qindeessuun daangaa qilleensa biyyattii fi birmadummaa ishee eegaa jiraachuu ibsaniiru.
Haleellaa keessaa fi alaa dhufan fashaleessuun ergama isaa gahumsaan bahachaa akka jiruu fi gama misooma hawaasummaa fi dinagdee keessatti hirmaannaa cimaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
De’eetaan ministiraa dargaggootaa fi Ispoortii Makiyuu Mahaammad, itti aanaa kantiibaa magaalaa bishooftuu Guutaa Gadaa fi pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Atileet Silaashii Sihin saganticharratti argamaniiru.
Dorgommii kana irratti dhiiraan Biniyaam Malaak, dubartootaan ammoo Adaanuu Hirphoo injifachuun tokkoon tokkoon isaanii badhaasa birrii kuma 500 argataniiru.
Dorgommiin kun Magaalaa Bishooftuu beeksisuun bakka daawwannaa tuurizimii ispoortii akka taatuuf gumaacha qabaachuu Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa eeranii, atileetota injifatan galateeffataniiru.
De’eetaan Ministiraa dargaggootaa fi Ispoortii Makiyuu Mahaammad gama isaaniin, dhaabbileen raayyaa ittisa biyyaa ispoortestootaa fi leenjistoota gahumsa qaban horatan ta'uu ibsanii, humni qilleensaa Itiyoophiyaa gootota ciccimoo sadarkaa addunyaatti biyya isaanii beeksisan horachuu keessatti gahee olaanaa akka qabu yaadachiisaniiru.