Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa magaalichaatti guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun, dargaggoota magaalichaa waliin mariin gaggeeffame

Sadaasa 18/2019(ENA)-Bulchiinsa magaalaa jimmaatti, guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 21ffaa sababeeffachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin gaggeeffamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.


Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar waltajjii marii kana irratti akka jedhanitti, dargaggoonni utubaa nageenya, dinagdee fi guddina biyyaati.


Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 21ffaa Magaalaa Jimmaatti kabajamuuf qophiin taasifamaa jiru  ayyaana biyyaalessaa guddaa fi keessummoota kallattii garaagaraa irraa dhufan kan irratti hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, ayyaanni kun yeroo Itiyoophiyaan injifannoowwan gurguddoo galmeessaa jirtutti kabajamuun isaa hiika addaa akka qabu hubachiisaniiru.


Dargaggoonni Magaalaa Jimmaa milkaa’ina ayyaanichaa mirkaneessuu keessatti gahee isaanii adda durummaan bahachuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

Waltajjiin marii kun hubannoo, hirmaannaa fi qooda fudhatummaa dargaggootaa cimsuun milkaa’ina ayyaanichaa fi nageenya magaalattii mirkaneessuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015