Tamsaasa Kallatti:

Hojiin hoggansa siyaasaa dinagdee qonnaan bulaa fi ummataa jijjiiruurratti kan akeekedha-obbo Masfin Malaakuu

Sadaasa 18/2019(ENA)- Hojiin hoggansa siyaasaa godina lixa Oromiyaatti raawwatamu haala dinagdee qonnaan bulaa fi hawaasaa jijjiiruurratti kan xiyyeeffate ta’uu sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti bulchaan godinichaa obbo Masfin Malaakuu ibsan.

Waltajjiin hojii siyaasaa fi nageenyaa godinni lixa Oromiyaa fi bulchiinsi magaalaa Naqamtee qindoominaan qopheessan kan kutaaleen hawaasaa irratti hirmaatan gaggeeffameera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa fayyadama ummataa mirkaneessuu fi dhaabbata mootummaa cimaa ijaaruuf kallattii riifoormii haaraa galmoota ijoo afur irratti hundaa’e hordofee hojjechaa jiraachuun waltajjicharratti ibsameera.

Kaayyoon riifoormichaa sadarkaa addaddaatti caasaa mootummaa cimaa ijaaruu, gaaffii ummataa sirnaan deebisuu, nagaa mirkaneessuu fi tajaajila si’ataa fi qaqqabamaa kennuun kaayyoowwan ijoo riifoormichaati jedhan obbo Masfin Malaakuu.

Hojiin Siyaasaa raawwatamu barumsaa fi teeknooloojiin qaroomina biyyaa mirkaneessuu, dhaabbata cimaa ijaaruu fi biyyi dinagdeen akka badhaatu gochuurratti kan xiyyeeffate ta’uu akka

Siyaasni godina lixa Oromiyaatti gaggeessinu dinagdee qonnaan bulaa fi ummataa hin jijjiiru yoo ta’e namoota muraasaaf qofa kan oolu ta’a jedhanii, hoggansi siyaasaa gama hundaanuu akkaataa jireenya ummataa jijjiiruun hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

Itti aanaan komishinaraa komishinii qajeelcha poolisii olaanaa Oromiyaa lixaa Komishinar Darajjee Baay’isaa, qaamoleen nageenyaa aarsaa ummataa fudhachuun nageenya ummataaf hojjechuuf kan akeekedha jedhaniiru.

Finxaaleyyiin naannawicha keessa socho’an har’as guddina ummatichaa kan hin barbaanne, nagaa fi tasgabbiisaa kan hin jaalannedha jedhan.

Rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa sababa rakkina nageenyaatiin ummatarra gahan mootummaan ummata waliin ta’uun furmaata waaraa fiduuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru.

Itti aanaan bulchaa godinichaa fi itti gaafatamaan waajjira nagaa fi haqaa obbo Gammachuu Gurmeessaa, yeroo ummanni Oromoo bilisa bahee jiru kanatti Oromoon bilisoomsa jedhee bosonatti kan jiru Shaneen garee faayidaa dhuunfaasaaf socho’udha jedhaniiru.

Rakkoo nageenyaa fulla’insaan furuu fi nagaa mirkaneessuuf ummata, qooda fudhattootaa fi kutaalee hawaasaa hunda waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015