Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Waldaaleen shamattootaa tasgabbii gabaaf qooda olaanaa gumaachaa jiru
Dec 19, 2025 9
Mudde 10/2018(TOI)- Waldaaleen shammattootaa Magaalaa Finfinnee jiran meeshaalee bu’uuraa gatii madaalawaan dhiheessuun tasgabbii gabaaf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu shamattoonni ibsan. Yaadasaanii TOI’f kan kennan Obbo Abarraa Tasammaa fi Aadde Balaayinash Shenqux kutaan hawaasa galii gad-aanaa qaban meeshaalee bu’uuraa haala humnisaanii gituun shamatuuf rakkachaa akka turan ibsaniiru.   Yeroo ammaan waldaaleen shamattootaa naannoosaaniitti babal’achuunsaa meeshaalee bu’uuraa baay’inaa fi gatii madaalawaan akka argatan dandeessisuu dubbataniiru.   Waldaaleen baay’achuun shamattootaaf boqonnaa kennuurra darbee daldaltoota seeraan alaa gatii hin malle dabalan ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru. Shammataan Obbo Xilahuun Haayilee jedhaman gamasaaniin qaala’insa gatii to’achuuf shoorri waldaalee olaanaa ta’uu eeruun, dhiheessii Sukkaaraa fi zayitiirratti hanqinoota mul’atan bu’uurarraa akka furan gaafataniiru.   Hojii gaggeessaa Olaanaan waldaa shammattootaa Daraash lamarkaatoo obbo Geetaachoo Gabree fi Bulchiinsi Humna namaa Waldaa shamattootaa Birhaan lahizibii Ajajaadhibbaa Baayyee Daamxoo, dhiheessiiwwan omisha addaa addaa irratti hanqinoota mul’atan furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.   Waldaaleen shammattootaamagaalichatti argaman baay’achuun tasgabbii gabaaf qooda olaanaa taphachuusaanii ibsaniiru. Komishinarri Komishinii Waldaa Hojii Gamtaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Shittaayee Mahaammad yeroo ammaa man-kuusaa keessa omishni qonnaa fi industirii ga’aan jiraachu beeksisaniiru.   Omishoota tokko tokkoratti hanqinoota mul’atan furuuf dhiheessii guddisuun omishtootaa fi raabsistoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Motummaan dhiibbaa qaala’insa jireenyaa salphisuuf dhiheessii omishaa dabaluun xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj ibsaniiru. Yeroo ammaa hawaasni walda shamattootaa dabalatee gabaawwan sanbataa fi dilbataarraa gatii madaalawaan akka argatan taassifamuusaa ibsaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 10
  Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira.   Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru.   Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan  har’a eegala
Dec 19, 2025 10
Mudde 10/2018(TOI)-Sabaaba Taphoota waancaa Itiyoophiyaan addan citee kan ture sagantaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan ni deebi’a. Guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti Baankiin daldalaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphata. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 9 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo toko qofa. Yeroo sadii yoo injifatamu yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldla Itiyoophiyaa qabxii 8n sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci liigichaan hanga ammaatti tapha injifate hin qabu. Yeroo 4 yoo mo’atu yeroo 5n qixaan adda baheera. Galchii 4 yoo lakkofsisu galchii 9 keessummeesseera. Magalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gad- aanaa irratti argama Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gara injifannoo deebi’uuf taphata, Magaalaan Aarbaa Minci qabxii jalqabaa sadii argachuuf ni taphata. Sagantaa biroon Midiregannat Shireen Magalaa Baahir Daar waliin guyyaa 9:00 tti Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Midiregannat Shireen liigichatti Taphoota 9 gaggeesseen yeroo sadii yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qabxii qooddateera. Taphoota sagal irratti galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 13n sadarkaa 8 qabateera . Liigichatti taphoota 9 gaggeesse keessaa 3 yoo injifatu haaluma wal fakkaatuun magaalaa baahir Daar yeroo 3 mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu haaluma walfakkaatuun galchii 9 keessummeesseera. Magaalaan Baahidaar qabxii 12n sadarkaa 11ffaa irratti argama. Galgala sa’aatii 12:00 irratti Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan qabxii 5iin sadarkaa 19ffaa, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 17n sadarkaa 17ffaa qabatanii sadarkaa gad- aanaarratti argamu. Taphichi maqalee 70 Indartaan liigichaan qabxii jalqabaa 3 argachuuf yoo taphatu, hadiyyaa hosaa’inaan gara injifannootti deebi’uuf taphata. Taphni Piriimarliigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan anga Mudde 12 bara 2018tti ni tura. Bunni Sidaamaa qabxii 20n liigicha dursaa jira. Hadiyyaa Hosaa’inaan Walwaaloo Addagiraat Yunvarsiistii, Maqalee 70 Indartaa fi magaalaan Aarbaa Minci sadarkaa 17 hanga 20 qabachuun sadarkaa gad- aanaa keessatti argamu.
Dursaan liigichaa Itiyoo Elektiriikiin Magaalaa Adaamaa waliin ni taphata 
Dec 19, 2025 16
Mudde 10/2018(TOI)- Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa torban 13ffaan har’a xumurama. Guyyaa sa’aatii 4:00 irratti magaalaan Adaamaa Itiyoo-Eleektirikii waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Magaalaan Adaamaa liigichaan taphoota 12 gaggeesseen Afur yoo injifatu yeroo shan mo’ameera. Taphoota hafan lamaan qixa deebi’aniiru. Taphichaan galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 21 keessummeesseera . Magaalaan Adaamaa qabxii 15n sadarkaa 8ffaa qabateera. Morkataansaa Itiyoo-Elektirikiin bara dorgomichaan taphoota 12 gaggeessee taphoota 11 yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Galchii 30 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Itiyoo Elektirikiin liigicha qabxii 33n dursaa jira . Torban 12ffaan injifataan liigichaa yeroo sanaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa 1 fi 0’n injifachuunsaa ni yaadatama. Garichi yoo injifate dursummaa liigichaa ni cimsa. Magaalaan Adaamaa liigichatti gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Sagantaa biroon Magaalaan Hawasaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilatti ni taphatu. Magaalaan Hawaasaa Taphoota 12 gaggeessee yeroo 8 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Galchiiwwan 22 yoo lakkoofsisu galchii 9 keessummeesseera. Garichi qabxii 26n sadarkaa 4ffaa qabateera. Injifataan liigichaa yeroo baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphoota 10n gaggeesseen 8 yoo injifatu yeroo 1 mo’ameera. Galchii 27 yoo lakkoofsisu galchii 2 keessummeesseera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 2 osoo isa hafuu qabxii 25n sadarkaa 4ffaa qabateera. Gareewwan lameen taphicharratti morkii cimaa gaggeessu jedhamee ni eeggama.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Tumsi Hindi Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimee itti ni fufa
Dec 18, 2025 80
Mudde 9/2018 (TOI)-Hojiileen Hindi Itiyoophiyaa waliin tumsaan gaggeessitu caalaatti cimanii fi bal’inaan akka itti fufan dubbi himaan ministeera dhimmaa alaa Hindi Randiir Jaayisiwaal dubbatan. Ministirri muummee Hindi Nareendiraa Moodii guyyoota lamaan darban Itiyoophiyaa daawwachuunsaanii ni beekama. Kanaan wal qabatee dubbi himaan ministeera dhimma alaa Hindi Randiir Jaayisiwaal miidiyaa palsi oof Afriikaa(POI) waliinturtii taasisaniiru. Turtii isaaniitiin Itiyoophiyaa fi Hindi Dhimmoonni seenaanis aadaanis qooddatan akka Jiranii fi wantoonni wal isaan fakkeessan hedduun akka jiran kaasaniiru. Fakkeenyaaf biyyoonni lamaan qaroomina durii akka qaban eeraniiru. Biyyoonni lamaan walitti hidhamiinsa ummataa fi aadaa bara dheeraaf akka qaban ta’uu dubbataniiru. Hariiroon kun cimaa dhufuusaa eeranii, galmoonni biyyoota lamaanii tumsa kibba kibbaarrattis yaadamnisaanii walsimee fi caalaatti cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Kun ammoo Itiyoophiyaa fi Hindi waltajjiiwwan idil addunyaarratti sagalee biyyoota guddachaa jiranii dhageessisuuf tumsaan akka hojjetan ni gargaara jedhaniiru. Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf fulla’e gara hariiroo tooftawaatti guddachuunsaa michooma cimaa qaban agarsiisa jedhaniiru. Hariiroo Hindi Afriikaa waliin qabduuf Finfinneen wiirtuu ta’uushee dubbi himaan kun eeranii, biyyisaanii gamtaa Afriikaa waliinis tumsaan akka hojjettu eeraniiru. Walumaa gala michoomnii fi tumsi Itiyoophiyaa Hiddiif guddaa akka barbaachisuu fi sirrii ta’uusaa cimsanii ibsanii, tumsi dameelee garagaraan jiran cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Duudhaawwan tokkummaa sab-danessummaa cimsan dhalootaaf dabarsuu qabna- Ministira Nageenyaa Mahaammad Idiriis
Dec 18, 2025 58
Mudde 9/2018(TOI)- Duudhaawwan tokkummaa sab-daneessummaa cimsan dhalootaaf dabarsuu akka qabnu Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis ibsan. Waltajjiin marii qooda fudhattoonni irratti hirmaatan Mata duree “Qabeenya Hawaasummaa keenyaa nageenya fulla’aa fi tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun Magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira. Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis waltajjicharratti akka ibsanitti Itiyoophiyaan duudhaa fi aadaa walooma dagaagsanii fi rakkoowwan karaa nagana furuuf dandeessisan qabdi jedhaniiru.   Duudhaawwan biyyoolessaa kana cimsuu fi dagaagsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf hojjechuu akka qabnu ibsuun, kanaafis shoorri jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa guddaa ta’uu dubbataniiru. “Biyyi Dandii guddinaarra cimtee kan ittifuftu wal-harkaa fuudhinsa dhalootaani” kan jedhan ministirri kun kanaaf dhuudhaalee Aadaa keenyaa guddisuurratti xiyyeeffannoo kennuu qabna jedhaniiru. Ministirri Nageenyaa duudhaalee Aadaa durii walitti bu’insa ittiin furu misoomsuu fi gurmeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin deeggarsa barbaachisaa taassisa jiraachuu ibsaniiru.   Mootummaan wal dhabdeewwan mariin akka furamaniif kaleessaas har’as hojjechaa fi nageenyaaf harkasaa diriirsee jira jedhaniiru. Ijaarsa nageenyaa fulla’aaf shoorri Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa olaanaa ta’uu kan ibsan Ministirichi, Waltajjiin har’aa duudhaan Jaarsummaa hawaasaa ijaarsa nageenyaaf qooda qaban dagaagsuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.   “ummanni naannichaa aadaa durii ummata Itiyophiya biroo waliin ta’uun wal kabajee waliin jiraachuu qabudha” kan jedhan immoo Af-yaa’ii mana meree Naannoo Amaaraa Faantuu Tasfaayeeti.   Mootummaan naannichaa sirna jaarsummaa dagaagsuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun, walitti bu’insi naannichaa karaa nagana akka xumuramuu shoorri jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Ummanni naannichaa nageenya cimsee hawwuurra darbee Aadaawwan wal-dhabdee mariin furuu kan qabu ta’uu ibsuun, qindoomina baandaawwan biyya keessaa fi Alaan giduugala walitti bu’insaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaan walitti bu’insi karaa nagana akka furamu nageenyaaf harkisaa diriiruu ibsuun, tattaaffii hanga ammaatti taasifameen qaamoleen hidhatan waamicha nageenyaa fudhatanii galuusaanii dubbataniiru. Naannichatti nageenya argameef qoonni jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu eeruun, mootummaan naannichaa sirna jaarsummaa dagaagsuuf deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jedhaniiru. Waltajjii marii kanarratti hoggantoonni federaalaa, Naannoo fi Jaarsooliin biyyaa bakkeeewwan adda addaarraa dhufan hirmaachaa jiru.
Michummaan Tarsiimawaan Itiyoophiyaa fi Hindi dhageettii Idil Addunyaatti qaban akka fayyadamaniif carraa guddaa uuma
Dec 18, 2025 65
Mudde 9/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Hindi Hariiroo Dippiloomaasii qaban gara michummaa tarsiimawaatti guddisuun isaanii shoora Ardiitti qaban fayyadamuun fedhii biyyoota guddachaa jiranii kabachiisuuf carraa guddaa akka uumuu miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa ibsan. Ministirri Muummee Hindi Nareendiraa Moodii daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taassisan hordofuun, hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lamaan gidduu ture gara michummaa tarsiimawaatti guddachuu ibsaniiru. Ministirri Mummee kun kaleessa walga’ii waloo Mana Maree Federeeshinii fi bakka bu’oota ummataa irratti argamuun haasaa taassisaniiru. Haasaa Mana Mareetti taasisaniin Hindii fi Itiyoophiyaan qajeeltoo fayyadamummaa waloorratti kallattii adda addaan tumsaan akka hojjetan mirkaneessaniiru. Miseensota Mana Maree TOI’n dubbise akka ibsanitti, Hariiroon biyyoota lamanii gara michummaa tarsiimawaatti guddachunsaa faayidaa hedduu qabaachuu dubbataniiru. Miseensa Mana Maree Dokatar Najaat Girmaa biyyoonni lamaan Dippiloomaasii yeroo dheeraa fi walitti dhufeenya ummataa akka qaban ibsaniiru.   Hariiroo kana caalaatti cimsuun badhaadhina hawaasa waloosaaniif hojjechuuf kutannoon qaban kaasuun isaanii dubbataniiru. Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa biroon Doktar Fatihii Mahiidii gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Hindi abbaa madda Qaroominaa duree akkuma ta’an carraa saanii fuulduraa harkasaaniirra jira jedhaniiru. Daawwannaan hojii Ministira Muummee Hindi Nareendiraa Moodii walitti dhufeenya biyyootaa caalaatti cimuusaa kan argisiisudha jedhaniiru.   Michummaansaanii waltajjii Idil-Addunyaarratti wal- tumsuun faayidaa guddaa qabaachuu kan ibsan immoo Ambaasaaddar Dokotar Toofiq Abdullaahii ti. Afayaa’iin Mana mana maree bakka bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo biyyoonni lamaan dhiibbaa Ardiitti qaban fayyadamuun fedhii biyyoota guddachaa jiranii kabachiisuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hariiroon Dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Hindii A.L.A bara 1948 kan eegale yoo ta’u , michummaa tarsiimawaa amma irra ga’an ummanni lamaan badhaadhina waloof abdii kan qabate ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee itti fuftu ishee taasiseera- Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii
Dec 17, 2025 206
  Mudde 8/2018(TOI) - Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee birmadummaashee eeggattee itti fuftu ishee taasiseera jedhan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii. Ministiri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin har’a walga’ii waloo 6ffaa waggaa 5ffaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii gaggeessan irratti argamuun haasawa taasisaniiru. Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Mana Maree Seera baastoota Itiyoophiyaa fulduratti haasawa taasisuun kabaja guddaan akka itti dhagahame ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Niishaanii kabajaa isaaniif kennuu isaanii galateeffachuun, Niishaanii kabajaa Itiyoophiyaa kanas maqaa uummata Hindiin fudhadheera jedhan. Itiyoophiyaan biyya qoroomina durii keessaa tokko ta’uu eeruun, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad seenaa dhala namaa keessatti adda durummaan akka eeramanis ibsaniiru.   Hambaan lafee Luusii(Dinqinash),Itiyoophiyaan argama dhala namaa ta’uu isheef ifatti kan agarsisudha jedhan. Seenaan Itiyoophiyaa har’as baroota darbee jiraachaa kan jiruu fi teessumni lafashee, onnee uummatashee keessa kan jiru ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan mallattoo ciminaa, birmadumma, agarsiiftuu boonsaa fi jijjiiramaa ta’uu ibsaniiru.   Akkasumas yaadni ida’amuu walta’iinsa waliinii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, yaadni kun daandii Hindiin irra deemaa jirtuun kan wal fakkaatu ta’uu ibsaniiru.
Yaadamni Ida’amuu Itiyoophiyaan  badhaatee guutuu  Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee taasisa – Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii 
Dec 17, 2025 128
Mudde 8/2018(TOI)- Hoggansa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin yaadamni Ida’amuu hojiirra oolaa jiru Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee dandeessisa jechuun ibsani Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin. Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taassisaa jiran irratti affeerraa irbaataa qophaa’erratti haasaa taassisaniin, Itiyoophiyaatti argamuusaaniin carraa qabeessa ta’uu fi simannaa ho’aa taassifameefiitti gammaduu isaanii dubbataniiru. Turtii isaaniin gaggeessitoota Itiyoophiyaa waliin marii bu’aa qabeessa taassisuusaanii eeruun, Itiyoophiyaa madda qaroomina Addunyaa kan taate irraa Niishaanii kabajaa argachuukootti booneera jechuun ibsaniiru. Niishaaniin kabajaa kun lammiilee Itiyoophiyaa fi Hindii hariiroo biyyoota lameenii akka cimuuf gumaacha taasisaniifis ta’uu ibsaniiru. Yaa’ii garee G-20 yeroo dhihoo Afrikaa Kibbaatti taassifame cinaatti marii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad waliin taassisaniin, Itiyoophiyaa akka daawwataniif Affeerraa isaaniif dhihaateef gammaduusaanii kan ibsan Ministirri Muummee kun, jaalalan Itiyophiyaaf qabuufan Affeerricha fudhachuun ariifadhee akkan dhufu na taassiseera jechuun dubbataniiru. Qaroominni durii Itiyoophiyaa, kabajnii fi bilisummaan ishee hunda keenyaaf kaka’umsa kan uumu dha jedhaniiru. Yaadamni Ida’amuu Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee dandeessisa kan jedhan Ministirri Muummee Naareendiraa Moodii, keessumaa eegumsa naannoon, misooma hirmaachisaan, garaagarummaa keesatti tokkummaa cimsuuf kutannoo qabani raajeffachuun ibsaniiru. Barnoonni hariiroo Itiyoophiyaa fi Hindii keessatti qooda olaanaa gumaachuu fi gara fuulduraatti Hindi hariiroo mul’ataa fi wal amantaarratti bu’uureffate cimsuuf fedhii qabaachuu ishee mirkaneessaniiru. Dabalataanis Hindi Itiyoophiyaa waliin hariiroo carraawwan haaraa biroo uuman hundeessuuf akka hojjettu Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin beeksisaniiru.
Ministirri Muummee Hindii Moodiin Itiyoophiyaa daawachuun isaanii hariiroon damee hedduu guddachaa dhufuu isaa agarsiisa.
Dec 17, 2025 144
  Mudde 8/2018(TOI) - Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaa daawachuun isaanii hariiroon biyyoota lameenii damee hedduun jiru guddachaa dhufuu isaa agarsiisa jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodiif sagantaa irbaata qohaaherratti haasaa taasisaniiru.   Haasaa taasisaniin, walitti dhufeenyi seenaa biyyoota lamaanii gidduu jiru, duudhaalee waliin qabanii fi hariiroon isaanii guddachaa jiraachuu kaasaniiru. Daawwannan isaanii kunis guddina dippiloomaasii Itiyoophiyaaf agarsiiftuudha jedhan. Hindiin michuu Itiyoophiyaa yeroo dheeraa ta’uu kan ibsani Ministirri Muummee doktar. Abiyyi Ahimad, daawwannaan Ministira Muummee Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan, walta’iinsa dameelee adda addaatiin fayidaa waloo babal’isuuf waadaa qaban irra deebiin kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhimmoota gurguddoo adda addaa biyyoota lameen fayyadamoo taasisu irrattis tumsi gara fuulduraatti akka cimu akeekaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad itti dabaluun Itiyoophiyaan falaasama ida’amuun damee hundaan guddina dinqisiisaa galmeessisaa akka jirtu ibsaniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara hariiroo tarsiimootti guddachuus beeksisaniiru.   Biyyoonni kunneen egeree waliinii fooyya’aa ta’eef walitti dhiyeenyaan akka hojjetan kan agarsiisan yoo ta’u, daawwannaan Ministira Muummee Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan mul’anni waliinii dhugoomuu akka danda’u kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hariiroon obbolummaa biyyoota lameenii guddachaa dhufuusaaf maqaa mootummaa Itiyoophiaan galata galchaniiru.

Hawaasummaa
Itiyoophiyaan mirgaa fi nageenya godaantotaa eegsisuun shoora idil addunyaa irratti qabdu cimsitee itti ni fufti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Dec 18, 2025 90
Mudde 9/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan mirgaa fi nageenya godaantotaa eegsisuun shoora idil addunyaa irratti qabdu cimsitee akka itti fuftu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Guyyaa har’aa bakka itti aanaan ministira muummee argamanitti kabaja guyyaa godaantotaarratti qaamolee godaantummaa ilaalchisee dhiibbaa gaarii uumanii fi jijjiirama Fidan “shaampiyoonaa Godaansaa” jedhuun kabajameera. Wayita kana, mootummaan imaammatasaa lammiirratti xiyyeeffteetiin lammiilee biyyoota garagaraatti rakkoorra jiran kabajaan biyyatti deebisuun akka damdamatan gochuu xiyyeeffannaa adda duree taasiseera jedhan. Nuyi godaantota madda rakkinaa osoo hin taane dinagdee biyyaa kan cimsanii fi walitti hidhamiinsa aadaa hawaasaa kan cimsan humnoota kalaqaa, milkaa’inaa fi jijjiiramaa gochuun hubanna jedhaniiru. Itiyoophiyaan yaadama ida’amuu isheetiin godaantota biyyoota garagaraa irraa dhufan miilyoona 1 caalan simattee ni keessummeessiti kan jedhan obbo Tamasgeen, dahannoo fi deeggarsa barbaachisu kennuun hojiirra oolmaa walii galtee godaantotaa idil addunyaa irratti qooda adda durummaa bahachaa jirti jedhaniiru. Mirgaa fi kabaja godaantotaaf dhaabachuun qooda mootummaa qofa osoo hin taane dirqama namoomaa hunda keenyaa ta’uu hubachuu qabna. Godaansi seera qabeessan nageenyisaa kan eegamee fi namooma kan kabaje akka ta’u qindoomina idil addunyaa cimsuun haala yeroon gaafatudha. Itiyoophiyaan ka’umsa, karaa cehhumsaa fi bakka gahumsa godaantotaa ta’uusheetiin addunyaa hammataa fi namoomaa hundaaf ta’u ijaaruuf kutannoo qabdu cimsitee akka itti fuftu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.
Ogeessonni Aartii faayidaa biyyaalessaa giddu galeeffatanii hojjechuu qabu
Dec 18, 2025 70
Mudde 9/2018(TOI)-Mudde 9/2018(TOI)- Ogeessonni Aartii faayidaa biyyaalessaa giddu galeeffatanii hojjechuu akka qaban Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa ibsan. Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammata Industirii Aartii fi kalaqaa, bu’uuraalee seeraa biroo fi qajeelfama hojii raggaasise irratti ogeeyyii damee dhimmi ilaallatuu fi qooda fudhattoota waliin marii taasise xumureera. Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiiwwan aartii bifa biyyaa ijaaruuf akkasumas dantaa biyyalessaa eegsisuuf gahee olaanaa qabu. Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa damee aartiif xiyyeeffannoo kennuu ibsuun, ogummaan aartii sirna barnootaa keessatti hammatamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Kana malees ogummaan aartii pirojektoota misomaa gurguddoo keessattis hojiirra oolaa jira jedhan. Carraa kana fayyadamuun, ogeessonni aartii ummataa fi biyyaaf hojii fayyadu hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Itiyoophiyaa gama hundaan dhiibbaa geessiftu uumuuf, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti aartistoonni gahee murteessaa akka bahatan gochuuf hojiin itti fufiinsa qabu akka hojjetamu Ministirri kun eeraniiru. Ogeessonni Aartii hojii isaanii keessatti dantaa Itiyoophiyaa kan eegsisu giddu galeessa godhachuu akka qaban Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa ibsan. Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammata Indaustirii Aartii fi kalaqaa, bu’uuraalee seeraa biroo fi qajeelfama hojii raggaasise irratti ogeeyyii damee dhimmi ilaallatuu fi qooda fudhattoota waliin marii taasise xumureera. Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiiwwan aartii bifa biyyaa ijaaruuf akkasumas dantaa biyyalessaa eegsisuuf gahee olaanaa qabu. Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa damee aartiif xiyyeeffannoo kennuu ibsuun, ogummaan aartii sirna barnootaa keessatti hammatamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Kana malees ogummaan aartii pirojektoota misomaa gurguddoo keessattis hojiirra oolaa jira jedhan. Carraa kana fayyadamuun, ogeessonni aartii ummataa fi biyyaaf hojii fayyadu hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Itiyoophiyaa gama hundaan dhiibbaa geessiftu uumuuf, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti artistoonni gahee isaanii akka bahatan gochuuf hojiin itti fufiinsa qabu akka hojjetamu Ministirri kun eeraniiru.
Naannoo Oromiyaatti itti fayyadama tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa dabaluuf xiyyeeffannoon kennameera
Dec 18, 2025 71
  Mudde 9/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti itti fayyadama tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa dabaluuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa ibse. Godina Shawaa Lixaatti waltajjiin marii itti fayyadama tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa dabaluu fi tajaajilicha gara wiirtuu tokkootti fiduurratti xiyyeeffate gaggeeffameera.   Waltajjicharratti Biiroo Fayyaa Naannichaatti Daarektarri Sochii Qabeenyaa fi Hirmaannaa Hawaasaa obbo Dinquu Irranaa TOItti akka himanitti, hawaasni bara 2015 irraa eegalee tajaajila inshuraansii fayyaa sadarkaa Gandaa fi Aanaatti fayyadamaa ture, sadarkaa Godinaatti babal’isuun wiirtuu tokko jalatti bulchuuf hojjetamaa tureera. Hojiin tajaajila kana gara wiirtuu tokkotti fiduu, akka naannichaatti, Godina Booranaatti kan eegale yoo ta’u, amma kan Godina Shawaa Lixaatti eegale dabalatee Godinoota 16tti babal’achuusaa dubbataniiru. Kanaafuu itti fayyadama inshuraansii fayyaa hawaasaa daran guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaan dura sadarkaa aanaa fi gandaatti tajaajilli kennamaa ture, hanqina kenniinsa tajaajilaa waan qabuuf, tajaajilicha gara Godinaatti, wiirtuu tokkotti akka kennamu taasisuun sirna faayinaansii cimaa uumuun, fayyadamummaa hawaasaa ni dabala jedhan obbo Dinquun. Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa akka jedhanitti, maallaqni tajaajila inshuraansii fayyaatf hawaasa irraa walitti qabame aanaalee Godinoota 23 irraa gara wiirtuu tokkotti fiduun aanaaleen hundi haqaan fayyadamoo ta’uu ni gargaara.   Sadarkaa Godinaatti tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa giddugala tokkotti kennuun hojmaata badaa ittisuu fi hawaasni tajaajila fayyaa amanamaa akka argatu taasisa kan jedhan immoo Hogganaa Waajjira Fayyaa Godinichaa obbo Tasfaayee Bayyanaati. Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Meettaa Roobii obbo Dassaalenyi Tashoomaa barbaachisummaa inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hubannoo gaarii waltajjicha irraa argachuu himaniiru. Waltajjii guyyaa tokkoof ture kana irratti hoggantoonni sadarkaan jiran naannolee hanga aanaatti irratti hirmaataniiru.
Diinagdee
Waldaaleen shamattootaa tasgabbii gabaaf qooda olaanaa gumaachaa jiru
Dec 19, 2025 9
Mudde 10/2018(TOI)- Waldaaleen shammattootaa Magaalaa Finfinnee jiran meeshaalee bu’uuraa gatii madaalawaan dhiheessuun tasgabbii gabaaf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu shamattoonni ibsan. Yaadasaanii TOI’f kan kennan Obbo Abarraa Tasammaa fi Aadde Balaayinash Shenqux kutaan hawaasa galii gad-aanaa qaban meeshaalee bu’uuraa haala humnisaanii gituun shamatuuf rakkachaa akka turan ibsaniiru.   Yeroo ammaan waldaaleen shamattootaa naannoosaaniitti babal’achuunsaa meeshaalee bu’uuraa baay’inaa fi gatii madaalawaan akka argatan dandeessisuu dubbataniiru.   Waldaaleen baay’achuun shamattootaaf boqonnaa kennuurra darbee daldaltoota seeraan alaa gatii hin malle dabalan ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru. Shammataan Obbo Xilahuun Haayilee jedhaman gamasaaniin qaala’insa gatii to’achuuf shoorri waldaalee olaanaa ta’uu eeruun, dhiheessii Sukkaaraa fi zayitiirratti hanqinoota mul’atan bu’uurarraa akka furan gaafataniiru.   Hojii gaggeessaa Olaanaan waldaa shammattootaa Daraash lamarkaatoo obbo Geetaachoo Gabree fi Bulchiinsi Humna namaa Waldaa shamattootaa Birhaan lahizibii Ajajaadhibbaa Baayyee Daamxoo, dhiheessiiwwan omisha addaa addaa irratti hanqinoota mul’atan furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.   Waldaaleen shammattootaamagaalichatti argaman baay’achuun tasgabbii gabaaf qooda olaanaa taphachuusaanii ibsaniiru. Komishinarri Komishinii Waldaa Hojii Gamtaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Shittaayee Mahaammad yeroo ammaa man-kuusaa keessa omishni qonnaa fi industirii ga’aan jiraachu beeksisaniiru.   Omishoota tokko tokkoratti hanqinoota mul’atan furuuf dhiheessii guddisuun omishtootaa fi raabsistoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Motummaan dhiibbaa qaala’insa jireenyaa salphisuuf dhiheessii omishaa dabaluun xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj ibsaniiru. Yeroo ammaa hawaasni walda shamattootaa dabalatee gabaawwan sanbataa fi dilbataarraa gatii madaalawaan akka argatan taassifamuusaa ibsaniiru.
Giddu gala Horsiisaa, Raabsaa fi Qindeessa nyaataa Lukkuu Tsetsee keessatti carraan hojii Uumameera
Dec 18, 2025 52
Mudde 9/2018(TOI)-Giddugalli Horsiisaa, Raabsaa fi Qindeessa nyaataa Lukkuu Tsetsee dameelee Ogummaa adda addaan Carraan Hojii isaaniif uumuu namoonni naanawichaa dubbatan. Naannoo Benishaangul Gumuz Aanaa Uraatti kan argamu Gidduugalli horsiisaa, raabsaa fi qindeessaa nyaataa lukkuu Tsetsee Bulchaa Naannoo Benishaangul Gumuz Ashaadilii Hasan, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abrihaahaam Balaayii fi Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa dabalatee Hoggantonni Olaanoon Naannoo fi Federaalaa bakka argamanitti eebbifameera. Gidduu galichi bakka horsiisaa fi guddisaa, Inkuubaatorii cuucii kuma 115 yaasuu danda’u Maashinii Cuucii yaasuu danda’u, Nyaata lukkuu killee buusisuu fi Qindeessa maashinii nyaata lukkuu sa’aatiitti kuntaala 60 qopheessuu kan danda’u of keessaa qaba. Nammooni naannichaa 34 ol ta’an gidduugalicharraa fayyadamoo carraa hojii ta’aniiru. Giddu galichatti Ogeessi nyaata beelladaa Jamaal Muhaammad Carraa hojii giddugalicharraa argateen fayyadamaa ta’uu ibsananiiru. Fuuldurattis gidduugalichi killee omishamu fi lukkuu hawaasaaf dhaqabsiisuun caalaatti fayyadamoo akka ta’an eeraniiru. Haala saayinsiisaa eeggateen nyaata lukkuu qopheessuun akkasumas lukkuuwwan kunuunsuun itti gaafatamummaasanii bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Kan biroon gidduu galichatti kunuunsa lukkuu ta’uun carraa hojii kan argate dargaggoo Naasir Manaasii gidduu galichi nyata lukuun hojii eegalee hawaasa naannichaaf faayidaa qaba jedheera. Fuuldurattis carra hojii giddugalicharraa argatuun hojii nyaata lukkuu eegaluuf karoora qabaachuu dubbateera. Hojii Gaggeessaan Giddugala Horsiisaa, Raabsaa fi Qindeessa nyaataa Lukkuu Tsetsee Abdurahimaan Usmaan gamasaaniin, gidduugalichi Hagayyaa bara 2017 eegalee gara hojiitti galuusaa eeruun lukkuuwwan giduugalicha keessatti argaman kunuunsa barbaachisaa argachaa jiraachuu ibsaniiru. Raabsa lukkuu fi killee raawwachuuf dargaggoonni naannoosaaniitti gurmaa’uun fayyadamoo akka ta’an hubachiisaniiru. Yeroo ammaa lukkuuwwan kuma 20 ol giddugalichatti argamu.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf murteessaadha
Dec 16, 2025 120
Mudde 7/2018 (TOI)-Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddiin ibsan. Galmee fi sosochiin hubannoo uumuu waraqaa eenyummaa Faayidaa dijiitaalaa biyyoolessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddin akka ibsanitti Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf humna guddaa uuma. Faayidaan dubartotaaf, daa’immanii fi qaama miidhamtootaaf mirga wal-qixaa kan itti mirkaneessamuu fi meeshaa hojiin itti raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Haata’u malee dubartoota dabalatee kutaan hawaasaa hundi galmee Eenyummeessaa Faayidaa gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Daarektaarri Sagantaa Eenyummeessaa biyyolessaa Yoodaahee Aar’ayasillaasee gamasaaniin akka jedhanitti, mootummaan lammiin hunduu guutummaa guutuutti fayyadamaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa taasisuuf hojjechaa jira. Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa dinagdee ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu fi jiraataa lammii Itiyoophiyaa kan ta’e namni kamiyyuu eenyummaasaa kan itti ibsatuu fi mirgasaa kan itti mirkaneeffatudha jedhaniiru. Yeroo ammaa lammiileen hundi galmee Eenyummeessaa Dijiitaalaa taasisuu eeruun, fuulduratti gara godinootaa fi aanaatti gad- bu’uun hojiin galmee akka raawwatamu dubbataniiru. Sadarakaa biyyoolessaatti galmee Eenyummeessaa Faayidaa milkeessuuf hirmaannaan dubartootaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti lammiilee Eenummeessaaf galmaa’an keessaa dhibbentaan 40 dubartoota ta’uun beekameera.
Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii dijiitaalaa keenyaa guddiseera – Leenjifamtoota
Dec 16, 2025 92
Mudde 7/2018 (TOI)- Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii dijiitaala isaanii fooyyessuun dorgomummaa isaanii guddisuu leenjifamtoonni Naannoo Beenishaangul Gumuuz dubbatan. Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kaayyoon leenjiin Itiyoo-koodarsii lammiilee Miiliyoona 5 ta’an galmoota dhibbentaa 100 Ministira Mummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kaa’aman keessaa tokko dha. Kunis dandeettii dijiitalaa lammiilee cimsuun dorgomaa fi kan gahooman isaan taassisuu lammiileen leenjicha fudhatan ibsaniiru. Naannoo Beenishaangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti namoota leenjicha fudhatan keessaa Shaambal Bazzaabbih akka ibsanitti, innisheetifiin koodarsii miiliyoona 5, dandeettii dijiitaala lammiilee guddisuun human namaa qaroomee fi yeroon barbaadu uumuuf gargaara. Leenjichi ijaarsa dinagdee dijiitaalaaf faayida qabu dabalataan, beekumsa dijiitaalaa lammiilee dagaagsuun Appilikeeshiniiwwan(Moosaajii) teekinooloojiiwwan haaraa misoomsuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Koorsiiwwan inisheetifiin Itiyoo-Koodarsii Afran kan xumuree leenji’aa biroon Biraanuu Shittaanaa akka jedhanitti, inisheetifiin Itiyoo-Koodarsii lammiileen of- gahoomsuuf carraa gaarii uuma. Leenjichi hojii idileesaa guddisuu fi hojii dabalataa yeroo boqqonnaasaatti eegale bu’aa qabeessa taasisuuf dandeettii dabaluusaa dubbataniiru. Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti waggaa sadii keessatti lammiileen kuma 65n leenjicha akka fudhatan karoorri qabamee gara hojiitti galamuu daarektara Saayinsii, Teekinooloojii fi Ejansii Infoormeeshin Komunikeeshinii Yittaayyal Balaay ibsaniiru. Naannichatti hanga ammaatti lammiileen kuma 12 fi 200 ol leenjicha hordofaa jiraachuu kan ibsan daarektarri olaanaan kun, naannichatti hoggantoota olaanoon xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Leenjiin Itiyoo-koodarsi itti fayyadama teekinooloojii fooyyessuun dandeettii lammiilee guddisuurra darbee dijiitaala Itiyoophiyaa ijaaruuf karoora qabameef murteessa waan ta’eef hirmaannaa lammiilee kan gaafatu ta’uu ibaniiru. Naannichatti leenjii koodarsii haala qindaa’een adeemsisuuf dhaabbilee adda addaa waliiin wal tummsuun lammiileen leenjicha akka fudhan taassifamaa jiraachuu daarektaarri olaanaan kun eeraniiru.
Yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan haaraa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira
Dec 16, 2025 79
  Mudde 7/2018(TOI)-Yunivarsiitiin Aarbaa Minci teeknooloojiiwwaan adda addaa haaraa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu ibse. Yunivarsiistiin Aarbaa Minci sirna baruu fi barsiisuun dabalatatti, teknooloojiiwwan adda addaa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira. Yunivarsiitichatti itti aanaa Pirezidaantii Qorannoo fi Walta’iinsaa doktar Takiluu Wagaayyoo, dhaabbileen barnoota olaanoo tajaajila hawaasaa beekumsa irratti hundaa’e irratti hojjechuu akka qaban TOItti himaniiru.   Yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan adda addaa kalaquun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu eeruun, kanaanis Gaamootti, Goofaatti, Baaskeettootti, Koonsootti,Gaardullaattiifi godinoota Aleetti hojiileen hawaasa fayydamoo taasisan hojjetamaniiru jedhan. Godina Gaamoo naannoo aanaa Kaambaa ganda Dingaamootti jiraattota 400 ol fayyadamoo kan taasise Pirojektiin anniisaa haaromfamaa kiiloowaattii 15 maddisiisu ijaaramee tajaajilaaf banaa ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.   Dhaabbilee hawaasummaa baadiyyaatti fayyadamoo humna ibsaa taasisuuf hojii hojjetameen buufataalee fayyaa 24 fi manneen barnootaa godinoota ollaa 19 soolaarii ykn anniisaa humna aduun hojjetu akka fayadaman taasifameera jedhan. Teeknooloojii oomisha warqee soorataaf ooluu hojjechuun ifaajii qonnaan bultootaa hambisuu eeraniiru. Teeknooloojiin kun kalaqamuun isaas carraa hojii namoota hedduuf kan uumu waan ta’eef, hawaasa soorata warqee qopheessan naannoo Sidaamaa fi Giddugaleessa Itiyoophiyaatti babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan.   Teeknooloojii muuzii gara daakuutti jijjiiru kalaquun, hawaasni soorata adda addaa qopheessuun fayyadamoo akka ta’an taasiseera jedhaniiru. Godinoota Gaamoo fi Wolaayittaa aanaalee sadii keessatti lafa heektaara 100 irratti baala Haleekoo ykn Shifarraa(Moriingaa) mala makaanaayizeeshiniin oomishaa jiraachuu eeruun, lafa asiidummaan miidhames xaa’oo uumamaa qorannoo fi qo’annoon argametti fayyadamuun wa’aanaa jiraachuu himaniiru. Bulchaan godina Goofaa Injiinar Daagmaawii Ayyalaa akka ibsanitti, Yunivarsiitiin Aarbaa Minci hojiiwwan hedduu hawaasa godinoota sana jala jiran Gazee Goofaa, Meloo Gadaa fi Meloo Koozaa fayyadamoo taasiseera. Keessattuu, itti fayyadama anniisaa aduu Buufata Fayyaa aanaa Meeloo Gadaa akka fakkeenyaatti kaasuun qulqullinaa fi dhaqqabummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru deeggaraa akka jiran eeraniiru. Yunivarsiitichi naannoo keenyatti dhiyoo kan jiru, laga Dingaamoo fayyadamuun ibsaa akka argannu nu taasiseera kan jedhan immoo bulchaa ganda Dingaamoo obbo Kadir Kaamaa dha.  
Nageenya dijitaalaa mirkaneessuun bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf hojjetamaa jira
Dec 16, 2025 89
  Mudde 7/2018(TOI)- Bulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo, adda durummaan nageenya dijitaalaa mirkaneessuun, bu’uuraalee misoomaa ijoo haleellaa irraa ittisuuf hojjechaa akka jiru ibse. Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannootti Daarektarri Ittisa Saayibarii Mohaammad Farajaa akka jedhanitti, biyyi keenya haleellaa saayibarii, keessumaa kanneen bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti xiyyeeffatan ittisuuf Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo hundeessitee hojjechaa jirti. Dabalataan, tarsiimoon dijiitaalaa 2025 ragga’e nageenya saayibarii akka fakkeenya tokkootti fudhachuun, bal’inaan irratti hojjechuun dhaabbileen inisheetivii mataa isaanii bocachuun of ittisuu kan dandeessisu hojiin hojjetamuu ibsaniiru. Akkasumas labsiin eegumsa odeeffannoo dhuunfaa bara 2024 ragga’e, abbootiin qabeenyaa bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an haleellaa saayibariif akka hin saaxilamne eeguun gargaarsa guddaa taasisaa jira jedhan. Kana malees wixineen labsii eegumsa bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti Bulchiinsi Labsiin Nageenya Neetworkii Odeeffannoon qophaa’ee akka jiru eeruun, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyaatee bara kana ni raggaasifama jedhamee eegama. Kunis bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf carraa guddaa kan uumu ta’uu TOItti himaniiru. Dabalataanis, sektaroota keessa rakkoolee maal maaltu jira? Kan jedhu hordofuun, rakkoolee sektaroota mudatan abbootii qabenyaa sektarootaa waliin ta’uun rakkoo sana hir’isuuf ni hojjetama jedhan. Inistiitiyuutichi hanqina dandeettii damee kanaa guutuuf, Yunivarsiitiiwwan gurguddoo waliin tumsa uumuun sadarkaa digrii lammaffaa fi sadaffaatti barnoota nageenya saayibarii kennaa akka jirus eeraniiru.
Ispoortii
Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan  har’a eegala
Dec 19, 2025 10
Mudde 10/2018(TOI)-Sabaaba Taphoota waancaa Itiyoophiyaan addan citee kan ture sagantaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan ni deebi’a. Guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti Baankiin daldalaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphata. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 9 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo toko qofa. Yeroo sadii yoo injifatamu yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldla Itiyoophiyaa qabxii 8n sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci liigichaan hanga ammaatti tapha injifate hin qabu. Yeroo 4 yoo mo’atu yeroo 5n qixaan adda baheera. Galchii 4 yoo lakkofsisu galchii 9 keessummeesseera. Magalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gad- aanaa irratti argama Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gara injifannoo deebi’uuf taphata, Magaalaan Aarbaa Minci qabxii jalqabaa sadii argachuuf ni taphata. Sagantaa biroon Midiregannat Shireen Magalaa Baahir Daar waliin guyyaa 9:00 tti Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Midiregannat Shireen liigichatti Taphoota 9 gaggeesseen yeroo sadii yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qabxii qooddateera. Taphoota sagal irratti galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 13n sadarkaa 8 qabateera . Liigichatti taphoota 9 gaggeesse keessaa 3 yoo injifatu haaluma wal fakkaatuun magaalaa baahir Daar yeroo 3 mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu haaluma walfakkaatuun galchii 9 keessummeesseera. Magaalaan Baahidaar qabxii 12n sadarkaa 11ffaa irratti argama. Galgala sa’aatii 12:00 irratti Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan qabxii 5iin sadarkaa 19ffaa, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 17n sadarkaa 17ffaa qabatanii sadarkaa gad- aanaarratti argamu. Taphichi maqalee 70 Indartaan liigichaan qabxii jalqabaa 3 argachuuf yoo taphatu, hadiyyaa hosaa’inaan gara injifannootti deebi’uuf taphata. Taphni Piriimarliigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan anga Mudde 12 bara 2018tti ni tura. Bunni Sidaamaa qabxii 20n liigicha dursaa jira. Hadiyyaa Hosaa’inaan Walwaaloo Addagiraat Yunvarsiistii, Maqalee 70 Indartaa fi magaalaan Aarbaa Minci sadarkaa 17 hanga 20 qabachuun sadarkaa gad- aanaa keessatti argamu.
Dursaan liigichaa Itiyoo Elektiriikiin Magaalaa Adaamaa waliin ni taphata 
Dec 19, 2025 16
Mudde 10/2018(TOI)- Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa torban 13ffaan har’a xumurama. Guyyaa sa’aatii 4:00 irratti magaalaan Adaamaa Itiyoo-Eleektirikii waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Magaalaan Adaamaa liigichaan taphoota 12 gaggeesseen Afur yoo injifatu yeroo shan mo’ameera. Taphoota hafan lamaan qixa deebi’aniiru. Taphichaan galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 21 keessummeesseera . Magaalaan Adaamaa qabxii 15n sadarkaa 8ffaa qabateera. Morkataansaa Itiyoo-Elektirikiin bara dorgomichaan taphoota 12 gaggeessee taphoota 11 yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Galchii 30 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Itiyoo Elektirikiin liigicha qabxii 33n dursaa jira . Torban 12ffaan injifataan liigichaa yeroo sanaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa 1 fi 0’n injifachuunsaa ni yaadatama. Garichi yoo injifate dursummaa liigichaa ni cimsa. Magaalaan Adaamaa liigichatti gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Sagantaa biroon Magaalaan Hawasaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilatti ni taphatu. Magaalaan Hawaasaa Taphoota 12 gaggeessee yeroo 8 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Galchiiwwan 22 yoo lakkoofsisu galchii 9 keessummeesseera. Garichi qabxii 26n sadarkaa 4ffaa qabateera. Injifataan liigichaa yeroo baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphoota 10n gaggeesseen 8 yoo injifatu yeroo 1 mo’ameera. Galchii 27 yoo lakkoofsisu galchii 2 keessummeesseera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 2 osoo isa hafuu qabxii 25n sadarkaa 4ffaa qabateera. Gareewwan lameen taphicharratti morkii cimaa gaggeessu jedhamee ni eeggama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 10
  Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira.   Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru.   Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 171
  Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.  
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 323
  Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16066
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1000
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015