Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa ittisuuf qooda guddaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa ittisuuf qooda guddaa qaba
Ebla 23/2018 (ENA)- Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuu fi qooda guddaa akka qabu daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa ibsan.
Sirni jalqabsiisa teeknooloojii sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’a Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetee gaggeeffamaa jira.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru.
Teeknooloojiin miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojiirra akka oolu godhamuunsaa hojiilee abbaa taayitichaa fi damichaa gara boqonnaa ammayyaa isa haaraatti kan ceesisu ta’uun ibsameera.
Daarektarri olaantuun abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa wayita kana akka jedhanitti, teeknooloojiin kun ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf gumaacha guddaa qaba.
Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii hordoffii fi to’annoo miidiyaalee akka ammayyeessu ibsanii, sirna dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtuun kan wal simdha jedhaniiru.
Hubannoo nam-tolcheen deeggaramuun tamsaasa odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuuf hojii hojjetamu bu’a qabeessa akka taasisu eeraniiru.
Miidiyaaleen seera qabeessa ta’uusaanii mirkaneessuu fi sirna hordoffii fi to’annoo ifaa ta’e damee kanarratti gama diriirsuutiin qooda murteessaa akka bahatu dubbataniiru.
Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa Dr. Warquu Gaachanaa, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee kaasee hubannoon nam-tolchee hundaaf yaada jedhuun hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Hojmaata miidiyaalee ammayyeessuun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiru ibsaniiru.
Teeknooloojiin reegulaatoorii miidiyaa fi bulchiinsaa har’a ifoome gumaachi damee kanaaf gumaachu olaanaa ta’uusaa himaniiru.