Tamsaasa Kallatti:

Manni maree muudama miseensota boordii Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa raggaasise

Ebla 22/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama miseensota boordii Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa sagalee caalmaan raggaasise.
Muudama miseensota boordii kanaa kan ibsan mana marichaatti itti waamamaan de’eetaan ministiraa Dr. Miratuu Shaanqoo muudamtoonni qophii barnootaa fi dandeettii horataniin ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf dandeettii akka qaban ibsaniiru.
Dantaa biyyaalessaa hubachuuf dandeettii kan qaban yoo ta’u, dhaabbaticha gara milkaa’inaatti akka geessan kan amanaman ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan:
1. Bileen Maammoo …….walitti qabduu boordii
2. Fedilaa Biyyaaa ....... Miseensa
3. Tasfaayee Zawudee ....... Miseensa
4. Mohaammad Kaasaa ....... Miseensa
5. Afawarqi Badawwii ....... Miseensa
6. Asmaa Radii ....... Miseensa
7. Yoonaas Baqqalaa ....... Miseensa
8. Haftaay Gabraigzi’abiher....... Miseensa
9. Dr. Isaayyaas Kaasaa ....... Miseensota kanneen dhiyeessuun, Manni marichaa yaada namoota miseensa taasifamanii muudamuuf dhiyaatan ilaaluun, miseensi sagalee kan hin kennine tokko, sagalee caalmaan raggaasiseera.
Muudamtoonni Mana Maree duratti dhiyaatanii waadaa galaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015