Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusudha-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen - ENA Afaan Oromoo
Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusudha-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
Ebla 23/2018 (ENA)- Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusuu fi hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjete teeknooloojii miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aa ifatti hojii eegalchiiseera.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru.
Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii kan si’achiisudha.
Teekinooloojiin kun iftoomaa fi itti gaafatama kan buusu akkasumas hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu dubbataniiru.
Murtee kennuufis gumaacha olaanaa akka qabu eeranii, akkasumas deebii hatattamaa kennuuf gargaaruudhaan dhaabbatichaaf humna guddaa akka uumu dubbataniiru.
Kun ammoo guddina damichaaf gumaacha guddaa kan gumaachu ta’uu ibsanii, teekinooloojichi hojii akka eegalu qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.