Hojiin Qorannoo Hawaasni Horsiisee Bulaa qabeenya uumamaa isaa irraa fayyadamaa itti ta'u cimsee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Qorannoo Hawaasni Horsiisee Bulaa qabeenya uumamaa isaa irraa fayyadamaa itti ta'u cimsee itti fufa
Ebla26/2018(ENA):- Yuunvarsiitiiwwan Jigjigaa,Gambeellaa fi Asoosaa hojii qorannoo hawaasni horsiisee bulaa qabeenya uumamaa naannoo isaatti argamu irraa caalaatti fayyadamaa itti ta'u cimsuun akka itti fufan beeksisan.
Konfaraansiin Qorannoo horsiisee bulaa biyyaalessaa 2ffaan Mata duree “Horsiisee Bulaafi Barnoota” jedhuun qopheessummaa Yuunivarsiitii Gaambellaatiin gaggeeffameera.
Saganticharratti Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Jijjigaa Dr. Sharmaarkee Jamaa akka jedhanitti, Yuunivarsiitiiwwan badhaadhina uumamaa naannolee horsiisee bulaa keessa jiran qorannoo fi qo’annodhaan deeggaruun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Yuunivarsiitichis hojii qorannoo damee kanaan gaggeeffamu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Gaambellaa Dr. Dirribaa Itichaa Hojiileen qorannoo fi qo’annoo kanaan dura naannolee horsiisee bulaatti carraa barnootaa mirkaneessuuf jalqabaman dameelee birootiinis cimanii akka itti fufan eeraniiru.
Bakka bu'aa Pirezidaantii Qorannoo fi Ce’umsa Teeknoolojii Yuunivarsiitii Asosaa Dr. Abdiisaa Abbabaa Hojiin qorannoo fi qo’annoo Yuunivarsiitiiwwan naannolee Horsiisee Bulaatti qindoominaan jalqaban qabeenya uumamaa adda baasuun misoomaan akka fayyadamaa ta'an kan taasisudha jedhaniiru.
Konfaraansii kanarrattis, Yuunivarsiitiiwwan damee kanaan qindoominaan hojjechaa jiran hojii fuulduraatiif muuxannoowwan galtee ta'an argachaa akka jiran ibsaniiru.