Tamsaasa Kallatti:

Inisheetiivoota Qonnaa Babal'isuun gargaaramuu hir’isuuf  hojiiwwan dandeessisan   hojjetamaa jiru

Eblala 26/2018(ENA): Damee qonnaatiin inisheetivoota eegalaman babal'isuu fi oomishtummaa guddisuun, hawaasa gargaarsa irraa bilisa gochuuf hojiin bal'aan hojjetamaa jiraachuu Itti aantuun Pireezidaantii Naannoo Hararii aadde Roozaa Umar ibsaniiru.

Lafa qonnaaf oolu hunda qotuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu kan ibsan aadde Roozaan, hojiiwwan qonnaa hojjetaman hirkatummaa roobaa irraa bilisa gochuuf ijaarsi hidha jallisii hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan, qonnaan bultoonni humna anniisaa aduutiin fayyadamanii bishaan lafa jalaa baasuun fuduraalee fi muduraalee akka oomishaniif taasifamuusaa ENAtti himaniiru.

Damee sangantaa maaddii guutuun omishtummaa guddisuun walqabatee, Aanaaneetti, sheediiwwan hojii ijaaruun dargaggootaaf akka dabarfaman ta'uu fi cuucii sanyii filatamoo qaban qonnaan bultootaaf raabsamuu isaanii ibsaniiru.

Hojii eegumsa qabeenya uumamaatiinis hojiiwwan hojjetaman waggaa waggaadhaan guddachaa dhufuu isaanii ibsanii, bona baranaa keessa naannichatti hojiin misooma sululaa bu'a qabeessa ta'e hojjetamuu isaa beeksisaniiru.

Kanaanis,qonnaan bultoonni kanaan dura gargaarsa eeggachaa turan oomishtummaa isaanii guddisuun, ofirra darbanii oomisha isaanii gabaatti dhiyeessuun fayyadamoo ta'uu isaanii mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015