Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan injifatte - ENA Afaan Oromoo
Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan injifatte
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan irratti baay’ee eegamaa ture injifatteetti.
Dorgommii Olompikii Paaris meedaaliyaa meetii kan argatte Tigisti Asaffaan dorgommii dubartootaa Maraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo lammataaf walitti aansuun injifatte.
Fiigicha kana atileet Tigisti Asaffaan sa’aatii 2:15:41’n injifattee, atileet Keeniyaa Helen Obiriin lammaffaa, atileetiin Keeniyaa kan biraa Joyseliyin Jepkosgi ammoo sadaffaan xumurteetti.