Tamsaasa Kallatti:

Warshaan Shukkaara Fincaa'aa Inisheetiiviiwwan garaa garaa hojiirra oolchuun Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira

Ebla 26/2018(ENA) - Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Warshaan Shukkaaraa Fincaa'aa Inisheetiviiwwan Misooma Qonnaa bocaman adda addaa hojiirra oolchuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira.


 

Godina Horroo guduruu Wallagaa Aanaa Sulula Fincaa'aatti kan argamu Warshaan kun omisha Shukkaaraa fi Itaanoolii cinaatti inisheetiviiwwan garaa garaa misoomsuun bu'aa gaarii argamsiisaa jira.

Warshichi Inisheetiviiwwan muduraa fi kuduraalee kanneen akka Muuzii, Avokaadoo, Anaanasii, Pappaayyaa akkasumas Habaabiif kanneen biroo oomishuun callaa gaarii argamsiisaa jiraachuu hojii gaggeessaan Warshaa Shukkaaraa Fincaa'aa obbo Mangistuu Haayilamaariyaam ibsaniiru.


Inisheetiviiwwan hojiirra oolaa jiran kunis qaala'insa gabaa tasgabbeessuu fi madda carraa hojii ta'uu cinaatti galii warshichaa guddisaa akka jirus himaniiru.

Waggoottan jijjiiramaa keessatti rakkoowwan bulchiisaa warshicha keessa ture furuun oomishaa fi oomishtummaa warshichaa guddisuun akka danda'ame Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee himaniiru.

Kennaa lafaa fi Bishaanii Aanicha keessa jiru caalmaatti hojiitti jijjiiruun guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee isaa akka bahatu gochuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uus himaniiru.

Waajjira Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015