Tamsaasa Kallatti:

Dhaqabamummaa elektrikaatiif bal’isuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru

 

Ebla 26/2018(ENA): Babal'ina dhaqqabamummaa elektrikaa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Hojii raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaa ENAtti akka himanitti, tajaajilichi dhaqqabamummaa elektiriikaa haqa qabeessa ta'e mirkaneessuuf hojiiwwan damee hedduun hojjeteen, bakkeewwan hedduu sarara guddaa/ giddu-galeessaa/ (giriidii) fi sarara giddu-galeessa dhaban haaraa fayyadamoo gochuun danda'ameera jedhani.

Bara baajatichaatti baatiiwwan saglan darbanitti , magaalotaa fi gandoonni baadiyaa haaraa 103 tajaajila elektirikaa argachuu isaanii beeksisaniiru.

Isaan keessaas 82 sarara elektirikaa guddaarraa (giriidii) irraa kan argatan yoo ta'u, warri hafan ammoo humna anniisaa aduutiin (off-giriidii) kan walitti hidhaman ta'uu ibsaniiru.

Dhaqqabamummaa babal'isuu irratti baatiiwwan saglan darban keessatti maamiltoota haaraa kuma 423 fi 200 tajaajila humna elektiriikaa fayyadamoo gochuun akka danda'ame eeraniiru.

Isaan keessaas kumni 31 fi 298 magaalotaa fi gandoota baadiyaa haaraa elektiriika argatan keessaa fayyadamoo kan ta'an ta'uusaanii ibsaniiru.

Maamiltoota haaraa elektiriika argatan keessaas dhibbeentaa 74.2 kan ta'an fayyadamtoota lakkooftuu kaffaltii boodaa (post-paid) yoo ta'an, dhibbeentaa 25.8 kan ta'an ammoo fayyadamtoota lakkooftuu kaffaltii duraa (pre-paid) ta'uu isaanii hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015