Tamsaasa Kallatti:

Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filataman

Ebla 23/2018 (ENA)- Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamaniiru.

Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan ta’an doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaanii odeeffannoon mana marichaa ni mul’isa.

Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaaniitti gammaduusaa ibsee bara hojii gaarii akka ta’uuf hawweera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015