Tamsaasa Kallatti:

Kolleejichi Dameewwan Ogummaa Fayyaa Adda Addaatiin Barattoota Leenjise 556 Eebbisiise

Ebla25/2018(ENA):- Kolleejiin Medikaalaa Hospitaala Miliniyeemii Qidduus Phaawuloos  barattoota dameewwan ogummaa fayyaa adda addaatiin leenjise 556 har'a eebbisiiseera.

Eebbifamtoonni kolleejichaa kanneen ogummaa fayyaa, Ispeeshaalayizeeshinii fi dameewwan saayinsii fayyaa adda addaatiin leenji'an ta'uun ibsameera.

Barattoota eebbifaman kanneen keessaa 204 dubartoota yoo ta'an, 14 immoo biyyoota Afriikaa adda addaa irraa kan dhufan ta'uun beekameera.

Sirna eebbaa kana irratti Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, Hoggantoonni olaanoo Mootummaa, keessummoonni affeeramanii fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru.


Piroovostiin Koollejii Medikaalaa Hospitaala Miliiniyeemii Qidduus Phaawulor Dr. Muluuqan Tasfaayyee wayita sana akka ibsanitti; Koollejichi waggoota 13’n darban keessatti ogeessota damee fayyaa keessatti gumaacha olaanaa taasisan horachuu danda'eera.

Dhaabbatichi barnootaa fi leenjii qulqullina isaa eege kennuu irratti hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hojjachaa turuu isaas eeraniiru.


 

Yeroo ammaa kanas ogeessonni koollejichatti leenji'an dhaabbata fayyaa adda addaa keessatti bobba'uun rakkina fayyaa hawaasaa furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran Dr. Muluuqan  dabalanii ibsaniiru.

Kolleejjichi   sagantaa eebbaa har'aa kan gaggeesse yeroo 13ffaaf ta'uunsa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015