Paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jennu filachuuf qophoofneerra – Barattoota - ENA Afaan Oromoo
Paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jennu filachuuf qophoofneerra – Barattoota
Ebla 22/2018(ENA)- Paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jennu filachuuf qophoofneerra jedhan Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barattootni kolleejii fayyaa fi saayinsii waldhaansaa.
Filannoo walii galaa 7ffaatiin paartii nuuf ta’a jedhan filachuuf marsariitii galmee addaatti fayyadamuun galmaa’uusaanii ibsaniiru.
Barattoota keessaa kolleejichatti barattuun wagga 3ffaa Makliit Shaawul akka jettetti marsariitii galmee addaa boordichi qopheessetti gargaaramuunpaartii naaf ta’a jettu filachuuf galmaa’uushee ibsiteetti.
“Filachuuf yoon galmaa’u kun kan jalqabaati” kan jettu barattuun kun, paartii biyyaaf ni fayyada, anaanis bakka ni bu’a jedhu nan filadha jetteetti.
Kolleejichatti barataan waggaa sadaffaa teknishaanii laaboraatoorii Murteessaa Diinii barattoonni carraa kana argachuun keenya carra qabeessa nu taasiseera jedheera.
Barataan Faarmaasii wagga afraffaa Amiiraa Makkii gamasheetiin, paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jettu filachuuf qophaa’uushee dubbatteetti.
Kolleejichatti pirezidaantiin gamtaa barattootaa fi barataan saayinsii waldhaansaa wagga shanaffaa Adinaan Abdusalaam, gabatee yeroo boordiin filannoo baasee fi marsariitii galmee addaatti fayyadamuun barattoonni filmaata jiran hundaan akka galmaa’an gochaa jirra jedheera.
Yeroo ammaa barattoonni marsariitii galmee addaatti fayyadamuun galmaa’aa akka jiran dubbateera.