Inistiitiyuutiin Qorannoo kun Qorannoo Medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesiseera - ENA Afaan Oromoo
Inistiitiyuutiin Qorannoo kun Qorannoo Medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesiseera
Ebla25/2018(ENA):-Kompileeksiin Laaboraatoorii Qorannoo Ammayyaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti ijaarame, qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesise giddugala madaallii olaanaa (excellence center) ta'uu isaa Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsaniiru.
Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhaabbaticha wayita eebbisan akka jedhanitti, dallaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen keessatti giddugalli ammayyaa ijaarame kun, ijaarsa bu'uraalee misoomaa irra darbee, Itiyoophiyaa of dandeesse fi fayyaalessa taate dhugoomsuuf kan hojjatu giddugala beekumsaa olaanaadha.
Dhaabbatichi qorannoo gara imaammataatti, kalaqa immoo gara furmaata qabatamaatti jijjiiruun, oomisha qorichaan of danda'uuf, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hunda caalaa immoo milkaa'ina hanga ammatti galmeessisne caalaatti guddisuuf tarkaanfii guddaa gargaarudha jedhanii ibsuun isaanii ni yaadatama.
Gidduugalli kun Ikkooloojii Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa kan banu dhaabbata qorannoo ammayyaa ta'uusaas mirkaneessaniiru.
Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansen Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ENA’f akka ibsanitti, inistiitiyuutichi qorannoo dhukkubootaa, qorannoo laaboraatoorii fi sodaa fayyaa dhibeewwan weeraraa ka'an adda baasuuf dandeettii biyyaalessaa guddaa ijaareera.
Dhaabbatichi teeknoolojii ammayyaa fi humna namaa leenji'een deeggaramee hojii qorannoo medikaalaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu hojjachaa akka jiru eeraniiru.
Kompilaaksiin qorannoo dhiheenya kana eebbifame bu'uraalee misoomaa Laaboraatoorii Ammayyaa fi humna namaa leenji'e kan hammate ta'uusaa ibsuun; sadarkaa qorannoo wal’aansa Itiyoophiyaa keessa jiru guddisee jira jedhaniiru.
Dandeettiin dhukkuboota haaraa fi turan sirriitti adda baasuu isaa damee yaalaatiif deeggarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru.
Dhukkuboota akka weeraraatti ka'an qorannoon xiinxaluu fi adda baasuuf, akkasumas nageenya fayyaa uummataa eeguuf qophaa'ummaasaa cimsuu isaa daarektarri olaanaan kun eeraniiru.
Toftaaleen qorannoo inistiitiyuutichi hordofu sadarkaa addunyaa kan eege ta'uun isaa Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane, Naannoo Gaanfa Afriikaatiifis faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.
Kompilaaksiin laaboraatoorii haaraa kun Laaboraatooriiwwan hedduu walitti kan qabate fi dandeettii biyyaalessaa guddaa kan uume ta'uu ibsuun; keessumaa dandeettiin xiinxala sanyii (Genetic analysis) gaggeessuu isaa qorannoowwan kanaan dura biyya alaatti ergamanii hojjetaman biyya keessatti akka hojjetaman kan taasisudha jedhaniiru.
Giddugala kana keessatti hojiiwwan qorannoo fi xiinxala adda addaa dandeettii biyya keessaan hojjechuuf kan dandeessisan teeknoolojiiwwan ammayyaa adda addaa guutamuu isaanii ibsuun; amma sadarkaa Itiyoophiyaa irra darbee biyyoota Afriikaa tajaajiluu dandeessisuun hojiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Dhaabbatichi jalqaba irratti dhukkuba lamxii /gogaa/ (leprosy) ittisuu fi to'achuuf kan hundeeffame ta'us, amma irratti dhukkuba Tiibii (TB) qoricha barate, busaa fi hojiiwwan qorannoo biroo hedduu gaggeessaa jira.
Qorannoon alatti, qorichoonni biyya keessatti oomishaman qulqullina isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuuf hojiin qorannoon adda baasuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Giddugalni qorannoo kun Laaboraatooriiwwan 40, kutaa jinoomiksii (genomics) fi baayio-infoormatiksii (bioinformatics) olaanoo, akkasumas giddugala baayio-Ikuuwiivaalensii (bioequivalence) qorichoota biyya keessatti oomishaman qulqullinaa fi dandeettii isaanii mirkaneessu kan hammateedha.
Itiyoophiyaa fi guutuu Afriikaa keessatti babal'ina Ikkoosiistemii saayinsii fi ijaarsa dandeettiitiif madaallii haaraa kan kaa’e dhaabbatichi, iddoowwan leenjii fi qorannoof ramadaman qabachuu isaa ibsameera.