Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun nageenya naannoo eegsisuu fi misooma guddina waloof murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun nageenya naannoo eegsisuu fi misooma guddina waloof murteessaadha
Ebla 26/2018 (ENA): Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun nageenya naannoo Afrikaa bahaa eegsisuu fi misooma guddina waloof murteessaa ta’uu hayyoonni ibsaniiru.
Akka hayyoonni ENA’n dubbise himanitti, gaaffiin hulaa galaanaa biyyattii dhimma lubbuun jiraachuu fi guddina naannooti.
Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan diinagdee Dr. Dhugasaa Mulugeetaa gama isaaniin, Itiyoophiyaan karaa nagaa fi dippilomaasiitiin hula galaanaa argachuuf tattaaffiin taasiftu kan jajjabeeffatamu ta’uu himani.
Hulaa galaanaa argachuun dhimma lubbuun jiraachuu akka ta’e ibsuun, hojii daldala al-ergii fi galtee akkasumas guddina hawaasummaa fi dinagdeef murteessaa ta’uu eerani.
Akkasumas gaaffiin hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhugaa haqa qabeessa, seera qabeessa, seenaa fi teessuma lafaa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Imaammanni Itiyoophiyaan hulaa galaanaa irratti qabdu qajeelfama walitti hidhamiinsa naannoo cimsuu fi faayidaa waloo irratti kan hundaa’ee fi nageenya itti fufiinsa qabuu fi misooma waloo biyyoota naannichaaf iddoo guddaa akka qabu eeraniiru.
Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa qabeenya bishaanii kan ta’an Dr. Sisaay Dammaquu akka ibsanitti, bu’aan buufanni galaanaa qabu sochii meeshaalee daldalaa irra darbee yaa’insa yaadaa, teeknooloojii fi turizimiif haala mijeessuu keessatti qabu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hulaa galaanaa kanarratti gaaffiin abbummaa qabdu walitti hidhamiinsa naannoo Afrikaa Bahaa, nageenya cimaa, guddina diinagdee fi teeknooloojiitiif iddoo guddaa qaba jedhaniiru.
Gaaffiin hula galaanaa Itiyoophiyaa furmaata argachuun baasii loojistikii hir’isuu, dorgomtummaa daldala galtee fi al-ergii guddisuu, nageenya naannoo mirkaneessuuf carraa guddaa akka uumuus ibsaniiru.