Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa filannoo imaltoota APEX 2026tiin badhaasa ‘Afriikaarraa daandii qilleensaa filatamaa’ mo’ate - ENA Afaan Oromoo
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa filannoo imaltoota APEX 2026tiin badhaasa ‘Afriikaarraa daandii qilleensaa filatamaa’ mo’ate
Ebla 26/2018 (ENA)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa filannoo imaltoota APEX 2026tiin badhaasa ‘Afriikaarraa daandii qilleensaa filatamaa’ mo’ateera.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa filannoo imaltoota APEX 2026tiin badhaasa ‘Afriikaarraa daandii qilleensaa filatamaa’ (Best Airline in Africa) mo’achuudhaan adda duree Aviyeeshinii ta’uusaa mirkaneesseera.
Beekamtiin kun balalliiwwan daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa guutuu addunyaatti taasisuun tajaajila si’ataa, mijataa fi amansiisaa kennuuf kutannoo qabu kan agarsiisu yoo ta’u, badhaafni ku kan argame guutummaatti muuxannoo dhugaa imaltootaatiin sagalee kennameenidha.
Daandii qilleensichaa karoorasaa tarsiimawaa ‘mul’ata 2040’ jedhamuun gareewwan Aviyeeshinii adda duree addunyaarra jira 20 keessaa tokko ta’uuf hojjechaa kan jiru yemmuu ta’u, daandiiwwan qilleensaa Toogoo, Maalaawii, Zaambiyaa fi Koongootti argaman waliin ta’uun tarsiimoo wiirtuuwwan hedduu (multi-hub) hojiirra oolchaa akka jiru beekameera.