Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa, tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’eera - ENA Afaan Oromoo
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa, tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’eera
Ebla 24/2018 (ENA): Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa tattaaffii Itiyoophiyaan hawaasa saayinsii ijaaruuf taasiftu bu’uura kaa’uu isaa itti aanaa ministira muummee duraanii fi eegaan olaanaa Amaanaa waldichaa obbo Dammaqaa Mokonnon himaniiru.
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2004 kan hundeeffame yoo ta’u, yaa’ii Waliigalaa 21ffaa isaa gaggeessaa jira.
Obbo Dammaqaa Mokonnon waltajjicharratti argamuun ergaa adabarsaniin, Waldaan kun qajeelfama Itiyoophiyaan dhaloota saayinsii ni ijaarti jedhu hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhani.
Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutannoo mootummaatiin dhaabbileen akka Saayinsii Hawaa fi Inistiitiyuutii Ji’oospaasii guddina saayinsiitiif murteessoo ta’an haala qindaa’een hundeeffamaniiru jedhan.
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa dargaggoota saayintistootaa fi astiroonoomaroota sadarkaa idil-addunyaatti beekamoo ta’an oomishuu himaniiru.
Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti dargaggoota hedduu oomishuu fi hojiiwwan qorannoo abdachiisaa ta’an raawwachuu isaa hubachiisuun, sadarkaa addunyaatti dorgomtummaa isaa mirkaneessuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Warraaqsa dijitaalaa fi guddina hubannoo namtolchee waliin tarkaanfachuuf qonni saayinsii murteessaa ta’uu ibsuun, qophiin yeroon taasifamuu qaba jedhaniiru.
Dargaggoota saayinsii fi astiroonomiitiin humneessuuf tattaaffiin taasifamu cimee biyyoota guddachaa jiran waliin damee kanaan qaawwa jiru dhiphisuu akka qabus hubachiisaniiru.
Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Dr. Yishiruun Alamaayyoo akka ibsanitti, Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa guddina saayinsii hawaatiif imaanaa guddaa akka ta’e ibsaniiru.
Saayinsiin hawaa dhimma birmadummaa, wabii nyaataa, dippilomaasii, fayyaa fi siyaasa idil-addunyaa ta’uu hubachuun, Saayinsii hawaa malee jiraachuun akka hin danda'amne ibsaniiru.
Saayinsiin hawaa dinagdee fi jiraachuu biyyattii itti fufsiisuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileen adda addaa hawaasni dargaggoota misoomsuuf tattaaffii taasisaa jiru deeggaruun tumsaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA