ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Giddugalichi sanyiiwwan fooyya'oo qorannoon argate 12 gadi lakkise.
May 19, 2026 29
Caamsaa 11/2018(ENA): Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa sanyiiwwan fooyya’aa qorannoon argate 12 gadi lakkisuu ibse. Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuun cinaatti sanyiiwwan walfakkaataa duraan turan oomishtummaa dhibbentaa 14 hanga 33tti caalmaa kan qaban ta'uunis ibsameera. Daarektarri Giddugalichaa obbo Geetaachoo Asaffaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi hojii wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru qorannoon cimsaa jiraachuu himani. Keessumaa waggoottan darban keessatti qamadii fi garbuu dabalatee dameewwan xiyyeeffannoo biroo saddeet irratti qorannoo gaggeessuun bu’aawwan qorannoo 116 fayyadamtootaaf qaqqabsiisuus yaadachiisaniiru. Bara baajataa 2018ttis sanyiiwwan fooyya'aa 12 waggoota jahan darban keessatti qorannoo jala turan fayyadamtootaaf gadi lakkisuu ibsaniiru. Sanyiiwwan gadi lakkifaman keessaa: sanyiiwwan boloqqee 4, sanyiiwwan maashoo 2, mosee 2, akkasumas sanyiiwwan ataraa, baaqilaa, Garbuu akaayyii fi Missiraa keessatti argamu jedhaniiru. Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuu irratti sanyiiwwan duraan turan caalaa fooyya’oo ta’uu isaanii bira darbee oomisha irratti dhibbeentaa 14 hanga 33tti caalmaa akka qabanis himaniiru. Sanyiiwwan kunneen koree mirkaneessa sanyii biyyaalessaatiin beekkamtii erga argataniin booda fayyadamtootaaf gadi lakkifamuu himani. Giddugalichatti dursaa garee fi qorataan qorannoo midhaanii obbo Taaddalaa Taaddasaa gama isaaniitiin, sanyiiwwan haaraa gadi lakkifaman keessaa boloqqeen heektaaraan jiddugaleessaan kuntaala 19 hanga 26, sanyiiwwan mosee ammoo oomisha kuntaala 500 hanga 531 kennuu akka danda’an dirree qorannoo irratti mirkanaa’uu isaa dubbataniiru. Sanyiiwwan kunneen aanota gammoojjii godina Baalee fi badda-daree akkasumas naannoolee biyyaa biroo haala qilleensaa walfakkaataa qaban keessatti kan misooman ta’uus dubbataniiru. Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa bara 1978 erga hundaa'ee irraa jalqabee hanga ammaatti bu'aalee qorannoo midhaanii, buna, midhaan dheedhii fi nyaata beeyladaa irratti xiyyeeffatan 128 fayyadamtoota biraan gahuu ragaan giddugalicha irraa argame ni mul’isa. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 55
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Dorgommii Roobootiksii Idil- Addunyaa guddattoonni Itiyoophiyaanonni Injifatan
May 19, 2026 29
Caamsaa 11/2018(ENA) : Jilli guddattoota Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) Idil-addunyaa irratti hirmaachuun, damee badhaasa filannoo uummataatiin 1ffaa ba'uun xumureera. Dorgommii Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee Idil-addunyaa dargaggootaa "Robofest 2026" Yuunivarsiitii Teekinoolojii Loowuraansii (Lawrence Technological University) Miichigaan, Ameerikaatti gaggeeffame irratti dorgomtoonni Itiyoophiyaa injifannoo boonsaa galmeessisaniiru. Dorgommii barana gaggeeffame kanaan (Robofest 2026 International Championships), guddattoonni Itiyoophiyaa gareewwan 738 biyyoota teeknoolojiidhaan guddatan 39 irraa walitti babba'an waliin dorgomuudhaan dameewwan garaa garaatiin injifachuu danda'aniiru. Dorgommii kanaan damee badhaasa filannoo uummataatiin guddattoonni Itiyoophiyaa dursuun yoo injifatan, damee roobootiksii yaalii fayyaatiin (Medical Robotics) 5ffaa, akkasumas damee agarsiisa kalaqaa fi yaada haaraatiin (Innovation) ammoo sadarkaa 6ffaa qabachuun xumuraniiru. Ji'a tokko dura dorgommii Roobootiksii 'Mino’an' Idil-addunyaa Giriikitti gaggeeffame irratti guddattoonni Itiyoophiyaa sadarkaa 2ffaa argachuun maqaa biyya isaanii waamsisuun isaanii ni yaadatama.
Aadde Adaanech Abeebeen Azerbaajaanitti Tajaajila Giddugala tokkoo diijitaalaa Asaan daawwatan
May 19, 2026 62
Caamsaa 11/2018 (ENA) : Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Fooramii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo Azarbaajaan daawwataniiru. Aadde Adaanech Abeebeefi jilli Itiyoophiyaa kun Waltajjii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Dhaabbata Tokkoo “ASAN” (Azerbaijan Service and Assessment Network) kan Azarbaajaan daawwate ta’uu hubachiisaniiru. Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, nutis hanga ammaatti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob’n jijjiirama olaanaa fidnus, dhimmoota muuxannoo nuuf ta’uu danda’an irratti mari’anneerra jedhan. Kantiibaan magaalattii ergaa dabarsan keessatti Itiyoophiyaan tajaajila dijiitaalaa bakka tokkotti hojiirra oolchuurratti guddina olaanaa galmeessitus ammas dhimmoonni fooyya’uu qaban akka jiran ibsaniiru. ASAN kan waggoota 14 dura jalqabamee fi guyyaatti appilikeeshinii kuma 40 irratti tajaajila ariifachiisaa kan kennu yoo ta’u, awutoobisii socho’aadhaan haga baadiyyaa tajaajila ariifataa fi salphaa ta’ee kennaa jiraachuus himan. Itiyoophiyaattis giddugaloonni 41 ol ijaaramuun hojii eegaluu yaadachiisanii, kanneen keessaa giddugaloonni 6 fi Tajaajilli giddugala tokkoo Awutoobisii diijitaalaa 1 Finfinneetti tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Hojjettoonni Asaan fuula ifaafi naamuusaan tajaajila kan kennan ta’uu eeraniiru. Dargaggoota tola ooltota kutannoofi kabaja olaanaan uummata isaanii tajaajilan hedduus arguu ibsaniiru. Biirookiraasiin keenyas akkaataa eegalleen guutummaatti akka jijjiiramu ni amanna; akka milkaa’uufis ciminaan ni hojjenna jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Paartii Misoomaafi guddina fidu filachuuf qophoofneerra – Jiraattota Godina Wallagga Lixaa
May 19, 2026 196
Caamsaa11/2018(ENA): Filannoo walii-galaa kanaan paartii biyya ceessisuu fi uummataaf misoomaa fi guddina fidu filachuuf qophaa'uu isaanii jiraattonni Godina Wallagga Lixaa ibsan. Jiraattota Godinichaa ENA’n dubbise paartii imala misoomaa fi guddina isaaniif ariifachiisu filachuuf guyyaa sagalee kennan hawwiin eeggachaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Jiraataan Aanaa Laaloo Asaabii obbo Abbabaa Ittafaa yaada kennaniin, paartii misooma ariifachiisuun guddina hunda-galeessa lammiileef fidu filachuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Gama biraatiin, jiraataan Aanaa Beegii obbo Isihaaq Abdulqaadir, gamasaaniin duula filannoo paartiilee siyaasaa miidiyaalee garaa garaa irratti dhihaachaa jiru hordofaa akka jiran dubbataniiru. Haalli dhiheenya akkasii kun uummanni filatu paartiin kam yaada fooyya'aa qabatee akka dhihaate salphaatti akka hubatuu fi paartii caalu filachuuf haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru. Jiraataan Magaalaa Gimbii obbo Taaddasaa Takkaallinyi immoo, paartii guddina hunda-galeessa biyyaatiif fiduuf hojjetu filachuuf hawwiin eeggachaa akka jiran ibsaniiru. Guyyaa filannoon itti gaggeeffamu adeemsichi guutummaatti nagaa fi milkaa'aa akka ta'uuf, nageenya naannoo isaanii eeguun itti-gaafatamummaa lammummaa isaanii akka ba'an mirkaneessaniiru. Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyoolessaatti, filannoon walii-galaa marsaa 7ffaa lammiileen sagalee itti kennu jedhamee eegamu Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuuf guyyoonni 13 qofti akka hafan ni beekama.
Siyaasa

Kaardii fudhanneen paartii biyya guddisuuf hojjetu filachuuf qophoofneerra
May 17, 2026 1302
Caamsaa9/2018(ENA)- Jiraattonni Godina Jimmaa kaardii filannoo fudhataniin paartii biyya ni guddisa jedhan filachuuf guyyaa filannoo eeggachaa jiraachuu ibsan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa baaseetti, filannoon waliigalaa keessaa inni 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 guyyaa filannooti. Paartileen siyaasaas filannoowwan tarsiimoo (fooyya’aa) fi maanifeestoo isaanii yeroo qilleensaa fi fuula gaazexaa bilisaan isaaniif kennametti fayyadamuun beeksisuu itti fufaniiru. Jiraattonni Godina Jimmaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, paartii siyaasaa nu fayyada jedhan filachuuf guyyaa filannoo hawwiin eeggachaa jiraachuusaanii dubbataniiru. Jiraattuun Godina Jimmaa Aanaa Omoo Naaddaa aadde Saaliyaa Yusuuf akka jedhanitti; Filannoon sagaleen carraa gara fuulduraa biyyaa murteessuuf kan gargaaru waan ta'eef, guyyaa sana paartii biyya ni guddisa jedhan filachuuf qophaa'aniiru. Jiraattonni kaardii filannoo fudhatan hundi guyyaa sana ba'anii paartii amanan akka filatanii fi sagalee akka kennan dubbataniiru. Jiraataan biraa aanaa kanaan Obbo Mahaammad Sheek Kadir gama isaaniitiin; Kaardii filannoo fudhataniin paartii biyyaa fi uummataaf fayyada jedhan filachuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Kunis mirga isaanii kan heerarra jiru ta'uu hubatanii warra kaanis hubachiisaa akka jiran eeraniiru. Jiraataan Magaalaa Jimmaa dargaggoon Wandasan Asaffaa filannoon bu'uura deemokiraasii kan kaa'uu fi carraa gara fuulduraa biyyattii karaa deemokiraatawaa ta'een murteessuuf kan gargaaru waan ta'eef, guyyaa sana hawwiin eeggachaa akka jiru ibseera. Kan malees, lammiin hundi sagantaa boordiin filannoo biyyoolessaa baase bu'uureffachuun guyyaa sana sagalee isaa akka kennu waamicha dhiyeessera.
Hojiiwwan misooma waliigalaa mirkaneessuuf Godina Harargee Lixaatti eegalaman ni cimsamu
May 17, 2026 722
Caamsaa9/2018(ENA)-Godina Harargee lixaatti badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf Hojiiwwan paartii Badhaadhiinsaatiin eegalaman caalaatti ni cimsamu jechuun Bulchiituun Godinichaa Aadde Ikiraam Xahaa beeksisan. Sagantaan duula na filadhaa paartichaa har'a sadarkaa godinaatti magaalaa Cirootti gaggeeffameera. Saganticharratti kan argaman Bulchiituun Olantuun Godinichaa fi miseensa mana maree paartichaa Aadde Ikiraam Xahaa akka ibsanitti; paartichi guddina dinagdeetiif bu'uura cimaa kaa'uun ibsaan badhaadhinaa akka ifu godheera. Fakkeenyaaf, waggoottan darban keessa Godina Harargee lixaa qofatti dhaabbilee fayyaa 108 fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa5 ijaaruun hawaasa fayyadamaa bu'uuraalee misoomaa gochuun akka danda'ame eeraniiru. Paartichi waggoottan shanan dhufan keessatti mul'ata ifa ta'e qabatee hojjechaa akka jiru kan ibsan Bulchiituun kun; baadiyaa fi magaalaatti pirojektoota adda addaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasan bocuun bu'aan gaariin galmeeffamuu fi gara fuulduraattis milkaa’inni kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Saganticharratti kan argaman Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gama isaaniitiin; Paartiin Badhaadhiinsaa waadaa seene gara hojiitti jijjiiruun waggoottan darban keessa hojii misoomaa qabatamaa ta'an raawwachuu isaa dubbataniiru. Paartichi seenessa dogoggoraa maddeen garaagarummaa kan turan gara seenaassa walootti jijjiiruun tokkummaa sabootaatiif hojiiwwan gurguddoo hojjechuu isaa kan ibsan Aadde Masarat; sabootaa fi sablammoota gidduutti hirmaannaa siyaasaa wal-qixa mirkaneessuu bira darbee, lammiilee gidduutti fayyadamummaa haqa qabeessa babal'isuuf yoomiyyuu caalaa dhimmuun akka hojjetu hubachiisaniiru. Miseensonni paartichaa fi jiraattonni magaalaa hiriira deeggarsaa kanarratti hirmaatan yaada kennaniin; Paartiin Badhaadhiinsaa pirojektoota gurguddoo jalqabe xumuruun waadaa isaa gochaan agarsiisuu danda'uusaa kaasaniiru. Keessattuu, magaalota keessatti hojiin misooma koriideraa hojjetaman miidhagina magaalaa saffisaan jijjiiruu bira darbee, aadaa hojii haaraa gabbisuuf gumaacha guddaa taasisuu isaa ibsaniiru. Paartichi waggoottan shanan darban keessa damee qonnaatiin hojiiwwan hojjete qonnaan bulaa fayyadamaa misoomaa kallattii gochuun jireenya isaa akka jijjiiru gargaareera jedhaniiru. Keessattuu, misooma qamadii bonaatiin hojiin seena-qabeessi hojjetamaa jiru oomishtummaa sadarkaa olaanaan dabaluu bira darbee, galii qonnaan bulaa guddisuusaa eeraniiru. Sagantaa duula na filadhaa magaalaa Ciroo keessatti gaggeeffame kanarratti miseensonni paartichaa, deeggartonni fi jiraattonni magaalichaa baay'een aanaalee godinichaa adda addaa irraa walitti babahan argamaniiru.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha
May 16, 2026 1346
Caamsaa 8/2018(ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha jechuun ibse tajaajilli komunikeeshinii mootummaa. Ergaan guutuun tajaajilli komunikeeshinii mootummaa baase akka argaan gadiitti dhihaateera. Itiyoophiyaan mari’achaa jirti!! Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa kutannoon siyaasaa mootummaa kan itti mul’atee biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuu kan danda’u tarkaanfii seena qabeessaa fi tarsiimawaadha. Komishiniin marii biyyaalessaa naannolee garagaraatti bakka bu’oota filatee xumuruun akkasumas ajandaawwan marii biyyaalessaaf ta’an bal’inaan walitti qabuun, hojiiwwan mariin duraa hammataa fi walii galtee egereef ta’u raawwateera. Komishinichi bakka bu’oota hawaasaa sadarkaawwan bulchiinsaa biyyattii hundatti adda baafachuuf hojii hojjeteen kutaaleen hawaasaa garagaraa, abbootiin amantaa, paartileen siyaasaa, waldaaleen siviikii fi waldaaleen ogummaa garagaraa dammaqinaan akka hirmaatan gochuun adeemsichi hammataa fi bu’ura hawaasaa kan qabu akka ta’u godhameera. Hojiin kun mootummaan milkaa’ina marichaaf xiyyeeffannoo taasisee fi miira abbummaa lammiilee qabatamaan kan mirkaneesse yoo ta’u, walii galteen biyyaalessaa egeree akka uumamu bu’ura kaa’eera. Ajandaa walitti qabameen bu’aaleen qabatamaa kan galmaa’an yoo ta’u dhimmoonni biyyaalessaa ariifachiisaan baroota dheeraaf wal falmisiisaa turan gara mariitti akka dhufan godheera. Adeemsi kun mootummaan aadaa siyaasaa biyyattii keessatti sirna paartii heddumminaa fi mariin karaa nagaa akka dursu ejjennoo cimaa qabu qabatamaan kan itti agarsiisedha. Adeemsa marii Kanaan paartileen siyaasaa 50 caalan akka itti hirmaatanii fi ajandaasaanii akka dhiheeffatan tattaaffiin taasifame milkaa’ina hammattummaa marichaa wantoota agarsiisan keessaa adda dureedha. Komishinichi humnoonni siyaasaa waltajjii waloomaan itti mari’atan mijeessuun, qaamoleen Kanaan dura ija diinaan wal ilaalan galma tokko keessatti dhimmoota biyyaalessaarratti akka mari’atan godheera. Bu’aan kun adeemsa ijaarsa sirna demokiraasii keessatti “aadaa wal dhaggeeffachuu” gabbisuun akka boqonnaa guddaatti kan fudhatamu yoo ta’u garaagarummaa olaantummaa yaadaatiin furuuf kan gargaaru jalqabbii abdii qabeessa ta’uun galmaa’eera. Hojiiwwan adeemsa marichaa amma ammaatiin hojiiwwan qabatamaan hojjetamanii fi milkaa’inoonni argaman Itiyoophiyaan rakkinootashee caaseffamaa kan turan fulla’insaan furuu fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaa mirkaneessuuf imala itti jirtu kan si’achiisanidha.
Kaardii keenyaan paartii biyyaa fi ummataaf hojjetu filachuuf qophoofneerra – Jiraattota Magaalaa Amboo
May 15, 2026 1554
Caamsaa 7/2018(ENA)- Jiraattonni Magaalaa Amboo yaada isaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, kaardii filannoo waliigalaa 7ffaaf fudhatan fayyadamuun paartii biyyaa fi ummataaf hojjetu filachuuf qophaa'uu isaanii beeksisaniiru. Kanneen Yaada kennan keessaa Obbo Dajanee Bakkashaa akka dubbatanitti, Mirga dimokiraasii Heera Mootummaatiin nuuf kenname fayyadamee, paartii naaf ta’u filachuuf guyyaa filannichaa hawwiin eeggachaan jira jedhaniiru. Paartii biyyaaf fayyadu adda baafachuuf qophiiwwan falmii paartilee siyaasaa miidiyaalee adda addaarra darbaa jiran hordofaa akka jiranis ibsaniiru. Jiraataan magaalattii kan biraan dargaggoo Tasfaa Taaddasaa gama isaatiin, imaammataa fi dambiiwwan paartilee siyaasaa miidiyaalee hawaasummaas dabalatee hordofaa akka jiru dubbateera. Dargaggoonni nageenya, guddinaa fi badhaadhina biyyaatiif qooda guddaa waan qabaniif, paartii dargaggootaaf carraa gaarii fiduuf sagalee koo kennuuf qophaa'eera jedheera. Aadde Baatiree Humnaa gamasaanitiin, nagaa fi tasgabbii filannichaatiif hirmaannaan dubartootaa murteessaa waan ta'eef, dubartoota biroo waliin ta'uun qooda isaanirraa eegamu bahaa akka jiran dubbataniiru. Filannicharratti mirga heera mootummaa koo fayyadamee paartii biyyaaf ni fayyada jedhee amanu filachuuf, sagantaalee falmii paartilee siyaasaa hordofaan jira jedhaniiru.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Argamanitti Gabaasa Raawwii Dhiheesse
May 15, 2026 1223
Caamsaa 7/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa gabaasa raawwii isaa ganama har’aa bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad, qondaaltonni olaanoo federaalaa fi naannoo, akkasumas miseensonni koree dhaabbii mana maree bakka bu’oota ummatootaa argamanitti dhiheesseera. Komishinichi hojiiwwan gurguddoo hanga ammaatti raawwate, qormaata isa mudatee fi furmaata inni kenne dhiyeessuun, akkasumas adeemsichi haala gaariin akka adeemsifamuuf gahee qooda fudhattoota irraa eegamus ibseera. Bu’aawwan ijoo hanga ammaatti galmaa’an keessaa adeemsi marii hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’e akka raawwatame gabaasichi ibseera. Kana malees, adeemsi ajandaa walitti qabuu fi marii biyyattii dhibbeentaa 93 kan uwwifamee fi aanaalee kuma 1 fi 234 keessatti raawwatame milkaa’inaan xumuramuu isaa hubatameera. Gama biraatiin, komishinichi marii marsaa 22 qooda fudhattoota adda addaa waliin taasisus, haala mijataa hin taane irraa kan ka’e aanaalee naannoo Tigraay keessatti marii gaggeessuu akka hin dandeenye komishinichi ibseera. Qormaata kanaaf deebii kennuudhaan qooda fudhattoonni naannoo Tigraay hunda irraa dhufanii fi dhalattoonni naannichaa godinaalee adda addaa irraa Finfinneetti waamuun ajandaa irratti mari’achuu beeksiseera. Komishinichi marii kana marsaa itti aanutti hojiiwwan hojjatus bal’inaan ibseera. Kanneen ijoon hirmaannaa qooda fudhattoota siyaasaa cimsuu, ajandaa marii biyyaalessaa bocuu fi konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuudha. Kana malees, hojiiwwan bu’aa fi yaadonni sadarkaa biyyaatti irra ga’an hojiirra oolchuuf haala mijeessuun hojii isaa gara fuula duraa keessatti hammatamuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'atan
May 14, 2026 1583
Caamsaa 6/2018 (ENA): Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'ataniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Walgahii Ministiroota Dhimma Alaa ‘BRICS’ har’a Hinditti eegale irratti hirmaachaa jiru. Ministirri Dhimma Alaa kun Walgahii Ministirootaa cinatti MM Hindii Naareendiraa Moodii waliin Niiw Deeliitti mari’ataniiru. Walgahiin Ministiroota Dhimma Alaa BRICS mata duree “Cichoomina,kalaqa,Tumsaa fi Itti Fufiinsa ijaaruu” jedhuun dura taa’ummaa Hindiin kan qophaa’edha. Ministirri Dr. Geediyoon Ximootiwoos haasawa walgahii kanarratti taasisaniin sirna idil-addunyaa biyyoota hunda haqaan tajaajilu ijaaruuf dippilomaasii biyyoota hedduu qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Utubaawwan sirna idil-addunyaa haqaa fi tasgabbaa’aa ta’an, nageenya mirkaneessuu fi tasgabbiifi misooma waloo dagaagsuu keessatti BRICS gahee adda duree taphachuu akka qabu dubbataniiru. Walgahiin Ministiroota Dhimma Alaa hanga guyyaa boruutti akka itti fufu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Kaardii Filannoo fudhanneen Paartii misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jennu filachuuf qophoofneerra
May 14, 2026 1326
Caamsaa 6/2018(ENA): Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENAf kennan akka jedhanitti, filannoo biyyaalessa 7ffaaf kaardii filannoo fudhatanitti fayyadamanii, paartii siyaasaa misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jedhaniif sagalee kennuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru. Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin kaa'ametti, filattoonni Caamsaa 24 bara 2018 sagalee isaanii ni kennu. Galmeen filattoota filannoo biyyaalessa 7ffaa baranaa Guraandhala 28 hanga Bitootessa 28 bara 2018 kan gaggeeffame yoo ta'u, guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Ebla 14 bara 2018tti akka dheeratu taasifamee xumurameera. Sagantaa kaa'ameen, namoota biyya keessatti buqqa'anii kaardii filannoo hin fudhatiin, Barattoota Yuunivarsiitii keessatti argamanii fi miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa kaampii keessa jiraniif haala addaatiin hanga Ebla 24 bara 2018tti dheerachuun xumurameera. Filattoonni appilikeeshinii dijiitaalaa "mircaayee" jedhamuu fi buufata filannootti qaamaan dhiyaachuun, filattoonni miiliyoona 50 fi 514 ol sagalee kennuu kan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu danda'aniiru. Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartileen siyaasaa morkattootaa 47 ta’an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934 galmeessisuun, miidiyaaleen fayyadamanii yaada filannoo imaammata isaanii uummataaf beeksisaa jiru. Dhaabbileen biyya keessaa 55 Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa beekamtii taajjabbii filannoo argatan, kutaalee biyyaa adda addaatti bakka bu'oota kuma 60 fi 277 ol bobbaasaniiru. Dhaabbileen Hawaasa siivilii 169 beekamtii qabanis uummata filataaf barnootaa fi leenjii hubannoo uumuu adda addaa kennaa jiru. Jiraattonni Magaalaa Finfinnee filannoo biyyaalessa 7ffaaf galmaa'anii kaardii fudhatan ENA’f akka ibsanitti; paartii biyyaa fi uummataaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru. Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an Obbo Warquu Fiqaaduu, kaardii filannoo fudhachuu irraa eegalee guyyaa filannoo sanas hawwiin eeggachaa akka jiran ibsaniiru. Yaada kennituun biraa Iyyerusaalam Haragawayin gama isaaniitiin, kaardii filannoo isaaniitiin paartii misoomaa fi guddina biyyaa dhugoomsuuf hojjetuuf sagalee isaanii kennuuf qophaa'uu dubbataniiru. Haaluma walfakaatuun, Leellisaa Gaaddisaas kaardii filannoo fudhachuun paartii biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf guyyaa sagalee kennuuf eeggachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Adeemsi filannoos haqa-qabeessa, bilisa, deemokiraatawaa fi nagaadhaan akka xumuramuuf gumaacha isaanii akka gumaachan ibsaniiru. Jiraataan magaalattii Obbo Wadaaree Gabratsaadiq akka jedhanitti , filannoon ijaarsa mootummaa cimaadhaaf murteessaa ta’uu eeranii, filannoo biyyaalessa 7ffaa irratti sagalee kennuuf qophii barbaachisaa gochuu isaanii dubbataniiru. Obbo Dirribsaa Xurunaa gama isaaniitiin, filannoon mirga uumamaa fi dimookiraasii filachuu fi filatamuun mirkanaa’uuf waltajjii murteessaa waan ta’eef filachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru. Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartii nageenya, misoomaa fi guddina biyyaa mirkaneessuuf hojjetuuf sagalee kennuuf dursanii qophaa'uu isaanii kan dubbatan ammoo Obbo Tashoomaa Asfaawu dha.

Hawaasummaa
Rakkoo gaanfa Afriikaa mudatu darbuuf aadaa Marii cimsuun barbaachisaadha
May 18, 2026 694
Caamsaa10/2018(ENA): Gufuuwwan Gaanfa Afriikaatti mudatan ce’uuf, marii hunda hammatee cimsuurratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uusaa barreessaa olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan. Waltajjiin nageenyaa fi tasgabbii Riijinichaarratti xiyyeeffate Naannoo Somaalee magaalaa, Jigjigaatti geggeeffamaa jira. Fooramichi mataduree "Dhaabbilee naannichaa cimsuu nageenya itti-fufiinsa qabu gaanfa Afriikaa mirkaneessuuf" jedhuun geggeeffamaa jira. Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo waltajjicharratti akka ibsanitti, qormaatilee Gaanfa Afriikaatti mudatan injifachuuf marii hunda hirmaachiseef dursa kennuu fi gamtaa naannichaa cimsuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Milkaa’innii fi carraan biyyoota naannichaa walitti hidhata kan qabu ta'uu kan ibsan barreessaan olaanaan kun, hayyoota waliin ta'uun dhimmoota murteessoo ta'anirratti mari’achuu akka qabanis hubachiisaniiru. Rakkooleen Gaanfa Afriikaa furmaata argachuu kan danda'an qindoomina biyyoota naannichaan qofa ta'uu ibsuun, Itiyoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Jibuutii fi biyyoota biroo kan hammate marii gaggeessuun dhimmoota waliinii irratti wal-amantaa uumuun dhimma barbaachisaadha jedhaniiru. Dr. Warqinaa Gabayyaoo qunnamtii jabaa fi hirmaachisummaa riijinii cimsuun rakkoolee nageenyaa mudatan furuuf murteessaa ta'uusaas ibsaniiru.
Sababa qabeessummaan adeemsa nageenya ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamuuf gahee olaanaa qaba
May 18, 2026 254
Caamsaa 10/2018 (ENA): Biyya tokko keessatti adeemsa nagaa ijaaruu fi marii keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa akka qabu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise. Adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti sababa qabeessummaan akkamiin ilaalamaa jira? Adeemsa nagaa ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamu keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa qaba. Labsii hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti qajeeltoowwan marii biyyaalessaa keessaa tokko sababa qabeessummaa ta’uun isaa ni beekama. Gama kanaan adeemsa marii keessatti yaad-rimeen kun akkamitti hojiirra oolaa akka jiru beekuun barbaachisaadha. Haala marii biyyaalessaa keessatti, sababa qabeessummaan qajeelfama naamusaa ijoo ta’ee fi marii gaggeessuu fi murtii sababaa kennuu, ragaa irratti hundaa’uun, yaada miiraan hogganamu irraa bilisa ta’uu, loogii dhiisuu fi yaada jibbinsaa irraa bilisa ta’ee murteessuuf gargaarudha. Kunis fedhii gaarii lammiileen rakkoo biyya isaaniitiif furmaata waloo akka argatan cimsa. Kana yaada keessa galchuun yaadonni armaan gadii adeemsa marii biyyaalessaa keessatti akkamitti sababa qabeessummaa hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsu. 1. Sababaa fi ragaa irratti hundaa’uun Adeemsa kana keessatti lammiileen fi qooda fudhattoonni haala miiraa fi jibba irraa bilisa ta’een marii irratti hirmaatu. Kunis haala marii nagaa taasisuu danda’a. 2. Loogii fi haqummaa irratti kan hundaa’e Adeemsi marii biyyaalessaa hubannoo qabu marii madaalawaa ta’eef haala mijeessuu qofa osoo hin taane qooda fudhattoonni hundi sagalee isaanii walqixa akka dhaga’amuuf balbala bana. 3. Walqixxummaa namoota hundaatti amanu jajjabeessuu Ilmi namaa rakkoo waloo isaa irratti yeroo mari’atu adeemsi marii biyyaalessaa biyya keenya keessatti gaggeeffamaa jiru walqixxummaa fi eenyummaa uumamaan dhala namaa kabajuun gaggeeffamaa jira. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Nyaataan of danda'uun Ajandaa keenya isa guddaadha - Minisira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
May 17, 2026 576
Caamsaa 9/2018 (ENA)- Nyaataan of danda'uun Ajandaa keenya isa dursaati jechuun Ministirri Mummee doktar Abiyyi Ahimad hubachiisan. Ministirri Muummee doktara Abiyyi Ahimad har'a ganama Aliikoo Daangotee waliin ta'uun sadarkaa ijaarsi Warshaa Xaa’oo Yuuriyaa Godeetti ijaaramaa jiru irra ga’e daawwataniiru. Daawwannaa isaanii booda ibsa kennaniin, nyaataan of danda'uuf lafti ni barbaachisa, bishaan ni barbaachisa, namnis ni barbaachisa, isaan kana ammoo qabna jedhaniiru. Sanyii filatamaa fi xaa’oo irratti hojjechaa jirra kan jedhan ministirri Muummee , dhimmoota kana yoo guunne nu qofaaf osoo hin taane warra biraatiifis kan hafu oomishuu ni danda'ama jedhaniiru. Naannoon Somaalee bakka misoomaaf baay'ee mijataa ta'uu isaa eeranii, lafa fi bishaan jiru gara jallisitti galchuun naannoo Somaalee qofatti waanti misoomu namoota hedduudhaaf gahuu akka danda'u ibsaniiru. Kana gochuufis hojii, qabeenyaa fi yeroo kan gaafatu ta'uu ibsuun, isaan kana yoo milkeessine rakkoon keenya baay'een kan furumu ta'a jedhaniiru.
Jireenya Jiraattota Magaalaa Jijjiiruu fi Aadaa Oomishtummaa guddisuuf Sagantaan maaddii guutuu gumaacha guddaa qaba – Itti Aanaa Ministira Mummee Tamesgeen Xurunaa
May 17, 2026 381
Caamsaa 9/2018 (ENA)- Haala jireenya jiraattota magaalaa jijjiiruu fi aadaa oomishtummaa guddisuuf sagantaan maaddii guutuu gumaacha guddaa qaba jechuun Itti Aanaan Ministira Mummee Tamesgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee , hojiiwwan misooma dammaa, aannanii fi horsiisa lukkuu sagantaa maaddii guutuun magaalaa Harar keessatti raawwatamaa jiran irra deddeemanii daawwataniiru. Magaalattii keessatti inisheetiivii kanaan sadarkaa dhuunfaa fi mootummaatti sheedota ijaaruun, gandoonni Dammaa, Aannanii, killee fi qurxummii bal'inaan hundeeffamaa jiraachuu dubbataniiru. Akka biyyaatti sirna soorata keenya bu'uura irraa jijjiiruu fi nyaataan of danda'uuf hojiin hiika guddaa qabu kun cimee kan itti fufu ta'a jedhaniiru. Kana malees, fooyyessuu sanyii beelladootaa, lukkuu fi qurxummii akkasumas warshaalee nyaata horii qopheessan irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Diinagdee
Giddugalichi sanyiiwwan fooyya'oo qorannoon argate 12 gadi lakkise.
May 19, 2026 29
Caamsaa 11/2018(ENA): Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa sanyiiwwan fooyya’aa qorannoon argate 12 gadi lakkisuu ibse. Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuun cinaatti sanyiiwwan walfakkaataa duraan turan oomishtummaa dhibbentaa 14 hanga 33tti caalmaa kan qaban ta'uunis ibsameera. Daarektarri Giddugalichaa obbo Geetaachoo Asaffaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi hojii wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru qorannoon cimsaa jiraachuu himani. Keessumaa waggoottan darban keessatti qamadii fi garbuu dabalatee dameewwan xiyyeeffannoo biroo saddeet irratti qorannoo gaggeessuun bu’aawwan qorannoo 116 fayyadamtootaaf qaqqabsiisuus yaadachiisaniiru. Bara baajataa 2018ttis sanyiiwwan fooyya'aa 12 waggoota jahan darban keessatti qorannoo jala turan fayyadamtootaaf gadi lakkisuu ibsaniiru. Sanyiiwwan gadi lakkifaman keessaa: sanyiiwwan boloqqee 4, sanyiiwwan maashoo 2, mosee 2, akkasumas sanyiiwwan ataraa, baaqilaa, Garbuu akaayyii fi Missiraa keessatti argamu jedhaniiru. Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuu irratti sanyiiwwan duraan turan caalaa fooyya’oo ta’uu isaanii bira darbee oomisha irratti dhibbeentaa 14 hanga 33tti caalmaa akka qabanis himaniiru. Sanyiiwwan kunneen koree mirkaneessa sanyii biyyaalessaatiin beekkamtii erga argataniin booda fayyadamtootaaf gadi lakkifamuu himani. Giddugalichatti dursaa garee fi qorataan qorannoo midhaanii obbo Taaddalaa Taaddasaa gama isaaniitiin, sanyiiwwan haaraa gadi lakkifaman keessaa boloqqeen heektaaraan jiddugaleessaan kuntaala 19 hanga 26, sanyiiwwan mosee ammoo oomisha kuntaala 500 hanga 531 kennuu akka danda’an dirree qorannoo irratti mirkanaa’uu isaa dubbataniiru. Sanyiiwwan kunneen aanota gammoojjii godina Baalee fi badda-daree akkasumas naannoolee biyyaa biroo haala qilleensaa walfakkaataa qaban keessatti kan misooman ta’uus dubbataniiru. Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa bara 1978 erga hundaa'ee irraa jalqabee hanga ammaatti bu'aalee qorannoo midhaanii, buna, midhaan dheedhii fi nyaata beeyladaa irratti xiyyeeffatan 128 fayyadamtoota biraan gahuu ragaan giddugalicha irraa argame ni mul’isa. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Affaar aanaalee adda addaatti Pirojektoonni misooma bishaan dhugaatii fi jallisii keessatti ijaaraman eebbifamani
May 19, 2026 144
Caamsaa 11/2018 (ENA): Naannoo Affaari aanaalee adda addaatti Pirojektoonni misooma bishaan dhugaatii fi jallisii keessatti ijaaraman eebbifamani. Pirojektoota kana kan eebbisanii kan jalqabsiisan pireesidaantii bulchiinsa mootummaa Naannoo Affaar obbo Awal Arbaa, Ministira Jallisii fi naannolee gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay dha. Pirojektoonni eebbifaman kun rakkoo bishaan dhugaatii kanaan dura jiraattota mudachaa ture dhaabbataadhaan kan furan ta’uun ibsameera. Rakkoo horsiisee bultoonni bishaan argachuuf naannoo fagoo deemuun mudatu akka dhabamsiisus himameera. Pirojektiin jallisii kun horsiisee bultoonnii fi qonnaan bultoonni naannichaa lafa bal’aa naannoo sana jiru misoomsuun oomishtummaa akka qabaatan kan taasisu ta’uus ibsameera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Tarkaanfilee kutannoo Mootummaan fudhateen sirna odeeffannoo birmadummaa biyyaa fi Bilisummaa Imaammataa biyyattii mirkaneessu ijaaruun danda'ameera – Minisitiira Dr. Fitsum Asaffaa
May 18, 2026 459
Caamsaa10/2018(ENA)- Tarkaanfilee kutannoo mootummaan fudhateen sirna bilisummaa odeeffannoo fi bilisummaa imaammata biyyattii mirkaneessu ijaaruun danda'amuusaa Minisitiirri karooraa fi Misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Marii biyyaalessaa mata duree "Bilisummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf" jedhuun qophaa'e, bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffamaa jira. Minisitiirri karooraa fi Misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa marii kanarratti haasaa baninsaa taasisaniin, kanaan dura sirni odeeffannoo biyyaalessaa dandeettii ofii irratti kan hin hundoofne, deeggarsa alaa irratti kan hirkatee fi gaafileen amanamummaa kan irratti ka'an akka ture yaadachiisaniiru. Haala Kanaan dura ture jalaa ba'uuf tarkaanfilee murannoo fudhatamaniin, raawwii rifoormii dinagdee mandhaalee fi karoorra misoomaa waggaa 10 hordofuuf kan gargaaran kanneen akka Qorannoo maatii qindaa’aa, Odeeffannoo Turiizimii, fi Lakkoofsa dhaabbata daldala kan dabalatan qorannoowwan adda addaa gaggeessuun, sirna dijiitaalaan ammayyeessuunii fi misooma odeeffannoof invastimantii guddaa gochuun, yaada 'Ida'amuu' irratti kan hundaa'e hoggansa imaammata odeeffannoo irratti hundaa'ee fi murtii kennuu mirkaneessuun danda'amuu isaa hubachiisaniiru. Bu'aan rifoormii akkasii kun, odeeffannoowwan ijoollee Itiyoophiyaatiin akka walitti qabamanii fi akka xiinxalaman gochuun, birmadummaa biyyattii fi bilisummaa imaammata biyyattii kan mirkaneessudha jedhaniiru. Faayidaa biyyaalessaa, nageenya lammiilee fi abdiiwwan misoomaa bu'uura jabaa irratti ijaaruun, hojimaata barame kan deebii kennuu qofa irratti xiyyeeffatu jalaa gara dursee raaguutti ce'uu kan dandeessisu dandeettii dhaabbataa itti fufiinsa qabu uumuun danda'amuu isaa ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan misooma
May 18, 2026 227
Caamsaa 10/2018 (ENA): Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qonna Ganna dhufuun lafti heektaara miiliyoona 1.5 ruuziidhaan akka misoomu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaa turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, naannichi haala mijaa’aa misooma ruuziitiif qabu fayyadamuun bu’aan qabatamaan mul’achaa jira jedhani. Naannichatti bara omishaa 2014/15tti lafa heektaara kuma 100 irratti kan eegalame misoomni ruuzii amma guddinaan olaanaa irra jiraachuun, fayyadamummaa diinagdee ummataa mirkaneessaa jira jedhan. Misoomni ruuzii kun keessumaa Godina Lixa Oromiyaa keessatti bal’inaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru. Bara darbe lafa heektaara miiliyoona 1.2 irraa ruuziin kuntaala miiliyoona 63 kan oomishame yoo ta’u, bara omishaa 2018/19tti lafa heektaara miiliyoona 1.5 misoomsuun kuntaala miiliyoona 100 oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru. Naannichatti naannoowwan misooma ruuziitiif mijatoo ta’an qorannoodhaan adda baafamuu fi jalqabbiin kunis guutummaatti hojiirra oolaa jira jedhaniiru. Xaa’oo fi sanyii fooyya’aa qonnaan bultootaaf barbaachisu yeroo ammaa baay’ina gahaa ta’een dhiyaachaa jiraachuu ibsuu,; deeggarsaafi hordoffiin ogummaas dhiyeenyaan taasifamaa jira jedhani. Qonnaan bultoonni ruuzii oomishanis wabii nyaataa isaanii mirkaneessuu bira darbee oomisha isaanii gabaaf dhiyeessuun faayidaa olaanaa argataniiru jedhan. Kaka’umsi qonnaan bultootaa naannoo misooma kanaa haalaan guddachaa dhufeera jedhan; ce’umsi teeknooloojii qonnaa ammayyaa babal’atee qonnaan bultoonnis misooma ruuzii irratti muuxannoo fooyya’aa horachaa jiraachuu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Dorgommii Roobootiksii Idil- Addunyaa guddattoonni Itiyoophiyaanonni Injifatan
May 19, 2026 29
Caamsaa 11/2018(ENA) : Jilli guddattoota Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) Idil-addunyaa irratti hirmaachuun, damee badhaasa filannoo uummataatiin 1ffaa ba'uun xumureera. Dorgommii Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee Idil-addunyaa dargaggootaa "Robofest 2026" Yuunivarsiitii Teekinoolojii Loowuraansii (Lawrence Technological University) Miichigaan, Ameerikaatti gaggeeffame irratti dorgomtoonni Itiyoophiyaa injifannoo boonsaa galmeessisaniiru. Dorgommii barana gaggeeffame kanaan (Robofest 2026 International Championships), guddattoonni Itiyoophiyaa gareewwan 738 biyyoota teeknoolojiidhaan guddatan 39 irraa walitti babba'an waliin dorgomuudhaan dameewwan garaa garaatiin injifachuu danda'aniiru. Dorgommii kanaan damee badhaasa filannoo uummataatiin guddattoonni Itiyoophiyaa dursuun yoo injifatan, damee roobootiksii yaalii fayyaatiin (Medical Robotics) 5ffaa, akkasumas damee agarsiisa kalaqaa fi yaada haaraatiin (Innovation) ammoo sadarkaa 6ffaa qabachuun xumuraniiru. Ji'a tokko dura dorgommii Roobootiksii 'Mino’an' Idil-addunyaa Giriikitti gaggeeffame irratti guddattoonni Itiyoophiyaa sadarkaa 2ffaa argachuun maqaa biyya isaanii waamsisuun isaanii ni yaadatama.
Aadde Adaanech Abeebeen Azerbaajaanitti Tajaajila Giddugala tokkoo diijitaalaa Asaan daawwatan
May 19, 2026 62
Caamsaa 11/2018 (ENA) : Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Fooramii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo Azarbaajaan daawwataniiru. Aadde Adaanech Abeebeefi jilli Itiyoophiyaa kun Waltajjii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Dhaabbata Tokkoo “ASAN” (Azerbaijan Service and Assessment Network) kan Azarbaajaan daawwate ta’uu hubachiisaniiru. Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, nutis hanga ammaatti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob’n jijjiirama olaanaa fidnus, dhimmoota muuxannoo nuuf ta’uu danda’an irratti mari’anneerra jedhan. Kantiibaan magaalattii ergaa dabarsan keessatti Itiyoophiyaan tajaajila dijiitaalaa bakka tokkotti hojiirra oolchuurratti guddina olaanaa galmeessitus ammas dhimmoonni fooyya’uu qaban akka jiran ibsaniiru. ASAN kan waggoota 14 dura jalqabamee fi guyyaatti appilikeeshinii kuma 40 irratti tajaajila ariifachiisaa kan kennu yoo ta’u, awutoobisii socho’aadhaan haga baadiyyaa tajaajila ariifataa fi salphaa ta’ee kennaa jiraachuus himan. Itiyoophiyaattis giddugaloonni 41 ol ijaaramuun hojii eegaluu yaadachiisanii, kanneen keessaa giddugaloonni 6 fi Tajaajilli giddugala tokkoo Awutoobisii diijitaalaa 1 Finfinneetti tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Hojjettoonni Asaan fuula ifaafi naamuusaan tajaajila kan kennan ta’uu eeraniiru. Dargaggoota tola ooltota kutannoofi kabaja olaanaan uummata isaanii tajaajilan hedduus arguu ibsaniiru. Biirookiraasiin keenyas akkaataa eegalleen guutummaatti akka jijjiiramu ni amanna; akka milkaa’uufis ciminaan ni hojjenna jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Mul'ata biyyaalessaa "Dijitaala Itiyoophiyaa 2030" galmaan ga'uuf hojiileen hojjetamaa jiran daran cimuu qabu
May 19, 2026 101
Caamsaa 11/2018 (ENA): Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Pabliik Sarviisii Itiyoophiyaa Doktar Nigus Taaddasaan akka himanitti, hojiiwwan mul'ata biyyaalessaa "Dijitaala Itiyoophiyaa 2030" galmaan ga'uuf dandeettii dijitaalaayizeeshinii dhaabbilee mootummaa guddisuun cimee itti fufa jedhan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 bara bajataa kanatti ifoomsuun isaanii ni beekama. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 daldala ammayyeessuun qaqqabummaa tajaajilaa babal’isuu irratti argama. Tarsiimoon kun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu tilmaamuun alatti, hammatamummaa maallaqaa kan mirkaneessu, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa kan uumu yoo ta’u, hojii mootummaa sirreessuudhaan jireenya lammiilee salphisa. Dhaabbileen barnoota olaanoo Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf gahee olaanaa kan qaban yoo ta’u, madda beekumsaa, dandeettii, kalaqaa fi imaammata ta’uun socho’uutu irraa eegama jedhani. Turtii ENA waliin taasisaniin Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Paablik Sarvisii Itiyoophiyaa Dr. Nigus Taaddasaan Itiyoophiyaan dorgomtummaa addunyaa ishee daran guddisuuf karaa dijitaalaayizeeshiniin of humneessuuf carraaqqii gochaa jirti jedhan. Kun akka ta’uuf gaheen dhaabbilee barnoota olaanoo baay’ee barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Hojii dhaabbilee mootummaa ammayyeessuun kenniinsa tajaajilaa sirreessuun ergama biyyaalessaa dhaabbilee barnoota olaanoof kennamu keessaa isa jalqabaa ta’uu ibsuun, kana galmaan ga’uuf ammoo dijitaalaayizeeshiniin furmaata guutuu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi guddina hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf tarsiimoo dijitaalaa hojiirra oolaa jiru galmaan ga’uuf dandeettii dhaabbilee mootummaa fi teeknooloojii ijaaruuf hojiiwwan hedduu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Kanneen keessaa sirni keessoo fi sirni kenniinsa leenjii yunivarsiitichaa guutummaatti teeknooloojiin deeggaramaa akka jiruu fi dhaabbileen mootummaa tajaajila dijitaalaa akka kennan dandeettii uumuuf kolleejjii addaa gurmaa’aa jiraachuu eeraniiru. Barsiisota gahumsaa fi dorgomaa ta’an damee kanarratti qaban oomishuuf hojiin bal’inaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Dhaabbileen mootummaa hojii isaanii bu’a qabeessa ta’een akka raawwataniif sagantaalee leenjii haaraa damee dijitaalaa waliin walqabatan banuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, kutaa Bu’uuraalee ‘IT’ fi Nageenya Saayibarii banuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Tajaajilli dijitaalaa dhaabbilee mootummaa keessatti hojiirra ooluu fi humna namaa gahumsa qabu damee kana keessatti oomishuuf yoo danda’ame sirna mootummaa ammayyeessuun qofa osoo hin taane hojii badaa fi malaammaltummaa dhaabbataadhaan dhabamsiisuuf carraa guddaa akka uumu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ijaarsa warshaa anniisaa niwukilaraaf bakka mijaawaa ta’e ada baasu irratti hojiin qorannoo jalqabameera
May 18, 2026 439
Caamsaa 10/2018 (ENA): Komishiniin Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa keessatti warshaa anniisaa niwukilaraa ijaaruuf iddoo mijatu irratti hojiin qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera. Komishinichi Ejensii Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) waliin ta’uun, ijaarsa warshaa anniisaa niwukilaraa irratti barbaachisummaa fi ulaagaalee dursaa irratti xiyyeeffate qorannoo isaa (workshop) gaggeessaa jira. Qorannoo (Workshop) guyyoota afuriif gaggeeffamu kana irratti ogeeyyii fi qooda fudhattoonni damichaa hirmaachaa jiru. Akka Itti aanaan Komishinara Komishinii Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa obbo Shifarraa Taliilaa jedhanitti, Itiyoophiyaa keessatti misoomni damee hundaan itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf dhiyeessiin humnaa amanamaa fi itti fufiinsa qabu murteessaadha. Itiyoophiyaan yeroo ammaa waggaatti humna sa’aatii teeraawaat (TWh) 40 akka barbaaddu Itti aanaan Komishinarichaa ibsaniiru;.Kanaanis waggoota kurnan dhufan keessatti fedhiin humnaa gara sa’aatii teerawaati 77tti ol guddata. Babal’inni indaastiriiwwan, bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni damee tajaajilaa biyyattii dhiyeessii anniisaa olaanaa akka barbaadu hubachiisaniiru. Fedhii anniisaa humna niwukilaraa irraa argamu kana gartokkoon uwwisuuf karoorri hojjetamaa jira jedhan. Komishinichi Akkaadaamii Saayinsii Itiyoophiyaa waliin ta’uun iddoo ijaarsa warshaa anniisaa niwukilaraatiif mijatu adda baasuuf qorannoo gaggeessaa akka jiru ibsameera. Obbo Shifarraan qorannoon kun yeroo ammaa xumuramaa akka jiru ibsuun, ijaarsa kanaaf bakka sirrii ta’e filachuuf qorannoon bal’aan dabalataa ni gaggeeffama jedhan. Workshopiin adeemsifamaa jiru ulaagaalee fi hojimaata filannoo iddoo barbaachisoo ta’an irratti galtee faayidaa qabu argachuuf kan gargaaru ta’uus hubachiisaniiru. Itti dabaluunis damicha keessatti dandeettii namoomaa ijaaruu fi bu’uuraalee seeraa barbaachisoo ta’an hojiirra oolchuuf hojiin qophii hojjetamaa jira jedhan. Ejensii Annisaa Atoomikii Idil-addunyaatti Ogeessi Olaanaa Nageenya Niwukilaraa Mikaa’el Saalmoon gama isaaniin akka himanitti; Itiyoophiyaan humna niwukilaraa guddina ishee saffisiisuuf hojjechuuf hojiin eegalte kan dinqisiifatamu dha jedhani. Karoora ijaarsa anniisaa niwukilaraa Itiyoophiyaa milkeessuuf ejensichi deeggarsa teeknikaa fi ogummaa barbaachisu taasisuu akka itti fufu mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Itiyoophiyaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 koorniyaa lamaaniinuu warqee injifatte
May 16, 2026 886
Caamsaa 8/2018 (ENA): Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa 5ffaa isaa qabateera. Atileet Misgaanaa Waaqumaa dhiirotaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 injifateera. Waancaa Shaampiyoonaa Afrikaa yeroo lammataaf walitti aansuun sadarkaa tokkoffaa bahuun kabaja isaa eeggachuu danda’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Abdulsalaam Abdulwahib sadarkaa sadaffaa bahuun biyya isaatiif meedaaliyaa naasii injifateera. Dubartootaan atileet Wubaalem Shigguxee dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee injifatteetti. Dorgommii wal fakkaatuun atileet Hiwot Ambaawu 4ffaa yoo baatu,atileet Maaree Bitawu ammoo 8ffaa bahuun xumurteetti. Bu'aa kana hordofuun lakkoofsi meedaaliyaa warqee Itiyoophiyaan injifatte shan gaheera. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kanaan hanga ammaatti walumaa galatti meedaaliyaa 11 kan injifatte yoo ta’u, warqee shan, meetii tokkoo fi naasii shan, walumaa galatti meedaaliyaa 11 argatteetti. Shaampiyoonichi boru xumurama. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiiwwan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa Atileetonni Itiyoophiyaa irratti hirmaatan
May 15, 2026 618
Caamsaa 7/2018 (ENA)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa 24ffaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera. Galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 5tti dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 10000 ni gaggeeffama. Asaffuu Abrihaa, Simrat Barhee fi Zeyin Ayyeliny Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti ni hirmaatu. Atileet Zeyin Ayyeliny dorgommii dubartootaa meetira 5000’n meedaaliyaa naasaa mo’achuunshee ni yaadatama. Atileet Geetaahuun Taaddasaa dorgommii gulaallii gufachiisaa dhiirotaa meetira 110 irraati ni hirmaata. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan amma ammaatti meedaaliyaa warqee sadii, meetii tokkoo fi naasa sadii walumaa gala meedaaliyaa torba mo’atteetti. Shaampiyoonaan Atileetiksii kun iftaan xumurama.
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 1395
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 1040
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a. Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 55
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa waldhaanaa akka jiru Haroon Hara Mayaa agarsiiftuudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
May 18, 2026 450
Caamsaa 10/2018 (ENA)- Haroon Hara Mayaa deebi’ee bayyanachuunsaa sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa wal’aanaa jiraachuusaaf agarsiiftuu akka ta’e itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin, Haroon Hara Mayaa deebi’ee bayyanachuunsaa bu’aawwan ashaaraan magariisaa buuse keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Haroon Hara Mayaa bara 1996 guutummaatti gogee kan ture yoo ta’u tattaaffii ashaaraa magariisaa fi eegumsa qabeenya uumamaatiin har’a bakka turetti deebi’uusaa ibsaniiru. Milkaa’inni kun Ashaaraa magariisaa qaamolee bishaanii Itiyoophiyaa fi misooma sululaaf inisheetiivii ijoo qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu itti aanaan ministira muummee dubbataniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa wal’aanaa akka jiru Haroon Hara Mayaa agarsiiftuudha jedhaniiru. Itti fufuunis bu’aan argame kun yaadama ida’amuutiin misooma mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dhiibbaa uumamaa damdamachuu fi madaqsuun akka danda’amu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Itti aanaan ministira muummee ergaa xumuraa dabarsaniin bakkicha wayita gahan simannaa taasifameefiif galateeffataniiru.
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misooma sululaa raawwatameera
May 18, 2026 344
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera. Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru. Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru. Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru. Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru. Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru. Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru. sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru. Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.
Birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf odeeffannoo ofii ofiin walitti qabuu fi xiinxaluun murteessaadha – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
May 18, 2026 155
Caamsaa 10/2018 (ENA): Birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf odeeffannoo ofii ofiin walitti qabuu fi xiinxaluun murteessaadha ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad himani. Injifannoo guddaa Itiyoophiyaan imala birmadummaa karaa odeeffannoo fi istaatistiksiitiin galmeessite kan kabajan Yaa’ii fi Agarsiisa Biyyaalessaa mata duree ‘‘Odeeffannoon birmadummaa Bilisummaa Imaammataaf’’ jedhuun ergaa dabarsan keessatti, guddinni damee kanarratti argan baay’ee jajjabeessaa akka ta’e ibsaniiru. Odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi utubaa birmadummaa ijoo mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee guddaa akka ta’e Ministirri Muummee ibsaniiru. Odeeffannoon ergifannaa ykn qaamolee biraa irratti hirkate fedhii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; odeeffannoo ofii matuma ofiin walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu dubbataniiru. Hundaa ol ammoo beekumsaa fi dandeettii lammiilee keenyaan odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluun gaggeeffamu arguun kan nama boonsu dha jedhaniiru. Xiyyeeffannoon keenya baay’ina odeeffannoo bu’aan ibsamu qofa irratti xiyyeeffachuu osoo hin taanee, jijjiirama qabatamaa lammiilee irratti kan xiyyeeffatee fi qabatamaan jireenya lammiilee kan jijjiiru irratti ta’uu akka qabus dubbataniiru Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 1866
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 4212
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.