Ashaaraa magariisaatiin cichuunii fi jabaatanii hojjechuun gootummaa yeroon barbaadu - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraa magariisaatiin cichuunii fi jabaatanii hojjechuun gootummaa yeroon barbaadu
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Bishooftuutti eegalchiisaniiru.
Sagantaan kun birmadummaa fi badhaadhina kan mirkaneessu inisheetiiviibiyyaalessaa ta’uusaas wayita kana ibsaniiru.
Kana malees kallattii misoomaa isa murteessaa birmadummaa bosonaa, midhaanii fi hunda galeessaati.
Ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 8 kan qophaa’e yoo ta’u, egeree magariisaaf, hundi keenya abdii haa dhaabnu jechuun biyyaaf dhaamaniiru.
• Inisheetiivii biqiltuu dhaabuun olitti faayidaa dacha qabu
Biqiltuuwwan Inisheetiivii ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mandhalee, kuduraa fi muduraa faayidaa dinagdee qaban, mukeen miidhaginaaf oolan, lafti muka malee hafe akka bayyanatu kan gargaaranii fi baay’ina bosonaa guddisuun qilleensi naannawaa akka sirraa’u gumaacha olaanaa የgumaachaa jiran kan ittiin dhaabamanidha.
Adeemsa Kanaan biyyoon dhiqamu hir’ateera, balaan lolaa hir’ateera, lubbu qabeeyyiin manca’aa jira hir’ateera, lafti qullaattihafaa jiru hir’ateera, qaamni bishaanii lolaan guutamuu fi baduurraa baraaramaa jira, gama biraan ammoo oomishnii fi oomishtummaan dabaleera.
Boru bu’aan kana caalu akka dhufu har’a Itiyoophiyaanonni fayyadama ummataa kan mirkaneessu sagantaa ashaaraa magariisaa irratti baay’inaan hirmaachuun irraa eegama.
Ashaaraan magariisaa erga eegalamee kaasee waggoota darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 caalu dhaabuun bosonni jijjiirama biyyaa dura dhibbantaa 17 tuqaa 2 ture yeroo ammaa gara dhibbantaa 23 tuqaa 6tti guddateera.
Ummanni sagantaa ashaaraa magariisaa dhimma uumama kunuunsuu qofa osoo hin taane, dhimma birmadummaa dinagdee biyyaa fi wabii nyaataa mirkaneessuus godhamee fudhatamuu qaba.
Faayidaan hunda galeessi kun qabatamaan mul’achaa kan jiru inisheetiiviin ashaaraa magariisaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalamuunsaa ni yaadatama.