Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuun eegale cimsinee itti fufna - paartilee siyaasaa

Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaa Naannoo Hararii hojiiwwan misooma biyyaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuu cimsanii akka itti fufan beeksisan.

Haalaa bu'ura seeraa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa itti hundaa'een, dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa fi naannoo irratti garaagarummaa jiru mariidhaan furuun, ajandaawwan waloo irratti waliin hojjechuun ijaarsa sirna dimokiraasii ta’ee fudhatama.

Haaluma wal fakkaatuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Harariis dhimma misoomaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa irratti ejjennoo waloo calaqqisiisuunsaa, naannichatti aadaa siyaasaa fayyaalessaa fi walitti dhihaatu guddisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf agarsiistuu dha.

Miseensota mana maree waloo keessaa bakka bu'aan Dhaabbata Dimookraasii Hararii (HADIID) Obbo Huseen Suleeymaan akka jedhanitti; paartilee gidduu garaagarummaan ilaalchaa yoo jiraates, misooma biyyaa fi naannoo akkasumas nageenyaaf hojiiwwan bifa tumsaatiin raawwatamaa jiran cimsanii akka ittifufan ibsaniiru.

Keessattuu, carraaqqii gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii sirrii akka argatuuf tattaaffii taassifamuu fi pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa biroo irratti ejjennoo wal fakkaataa kan qaban ta'uu isaanii Obbo Huseen cimsanii ibsaniiru.

Humnoota nageenya biyyaa booressuu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf gurmaa'anii socho'an paartiin isaanii dammaqinnaan hordofaa akka jiru kan eeran Obbo Huseen; humnoota kanneen ummata waliin ta'uun kutannoodhaan akka irratti qabsaa’an beeksisaniiru.

Walitti qabaan Mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi bakka bu'aan Paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hasannat Mummee gama isaaniitiin paartiin isaanii misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dursa kan kennuu fi gochawwan biyya diiganirratti kan qabsa’anidha.

Nagaya fi misooma waaraa biyyaatiif garaagarummaa malee qindoominaan ni hojjanna, kan jedhan Aadde Hasanat, keessattuu hojii humnoota finxaaleyyii kan biyyaaf yaaddoo ta'an manni marichi dammaqinnaan hordofaa fi ejjennootiin kan qabsaoo ta'uusaanii dubbataniiru.

Naannichatti paartilee dorgomtoota socho'an waliin walitti dhufuun fi mari'achuun misooma waaraa, nageenyaa fi guddina hunda galeessa naannichaa irratti paartiin isaanii qindoominaan hojjechaa jira kan jedhan immoo miseensa mana maree waloo fi bakka bu'aa EZEMA Maatileet Zawuduu ti.

Humnoonni biyya jeequu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf yaalan taateewwan darbe irraa kan hin barannee fi uummataaf kan hin yaadne ta'uu eeruun gocha kana irraa akka of qusatanii fi mariin walitti dhihaatanii dantaa uummataa mirkaneessuuf waliin hojjechuun akka irra jiru dubbataniiru.

Naannichatti yeroo kamiyyuu caalaa dameewwan misoomaa adda addaa fi hojiiwwan dantaa biyyaa kabachiisan irratti garaagarummaa siyaasaa dhiisuun waliin hojjetamaa jira kan jedhan immoo, Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararitti Daarektara Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Hasan Abdiiti.

Misoomaa fi nageenya naannichaa mirkaneessuun biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf hojii eegalame cimsanii akka itti fufanis dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015