Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan tola ooltummaa garagaraa magaalaa Finfinneetti hojjetaman

Tola ooltummaan rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi naannawaa furuuf kan gargaaru hojii namoomaati.

Magaalaa Finfinneetti sagantaaleen tajaajila tola ooltummaa baatii gannaa fi bonaa bocamanii tola ooltota, dureeyyii, dargaggootaa fi jiraattota magaalaa hirmaachisuun danda’ameera.

Tola ooltonni humnasaanii, maallaqasaanii, yeroo fi beekumsasaanii akka gumaachan gochuuf tajaajiloota namoomaa garagaraa karaa qindaa’een hawaasaaf kennaa jiru.

Tola ooltonni rakkoo uumamaa fi nam tolcheen uumamu, qormaataa fi haala rakkisaa keessatti adda durummaan qaqqabuudha.

Sagantaawwan tola ooltummaa ijoon 15 ol magaalaa Finfinneetti bocamanii hojjetamaniin aadaa fi qaqqabummaan tajaajila tola ooltummaa guddachaa dhufeera.

Hojiilee tola ooltummaa Kanaan hojiin tola ooltummaa birrii biiliyoona 55 tuqaa 7 ol raawwatamaniiru.

Waggaa waggaadhaan jiddu galeessaan tola ooltota miiliyoona 2 tuqaa 6 ol hirmaachisuudhaan irra deddeebiidhaan kutaalee hawaasaa garagaraa miiliyoona 9 tuqaa 3 ta’an fayyadamoo gochuun danda’ameera.

Hojiilee tola ooltummaa Finfinneetti hojjetaman keessaa sagantaa ijaarsa manaatiin maneen kuma 46 fi 441 ijaaramanii maanguddootaa fi kanneen biyyaaf oolmaa oolaniif kennamaniiru. Irra deddeebiidhaan namoonni miiliyoona 6 tuqaa 1 maaddii qooddataniiru.

Sagantaa deeggarsa daa’immaniitiin daa’imman maatiisaanii dhaban kuma 2 fi 351 deeggarsa addaatiin fayyadamaniiru. Lammiileen kaffalanii waldhaanamuu hin dandeenye kuma 525 fi 531 tolaan waldhaanamaniiru.

Dhiigni yuunitii kuma 354 fi 938 tola ooltotaan kan gumaachame yoo ta’u, barattoota kuma 632 fi 497’f barnoonni dabalataa fi deeggarsi leenjii taasifameera.

Waggaa waggaan tola ooltonni kuma 20 ol nageenya tiraafika daandii, sagantaawwan tola ooltummaa ogummaa irratti hirmaatanii odeeffannoon waajjira kantiibaa ni mul’isa.

Sagantaan tola ooltummaa duudhaa wal gargaarsaa fi wal deeggarsaa magaalattii keessa ture guddisuurra darbee lammiilee harka qalleeyyiif wabi ikan ta’e sagantaa namoomaati.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015