Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Koriidaraa Magaalaa Bishooftuu haala jireenya hawaasaa qabatamaan kan jijjiireefi fayyadamummaa ummataa kan mirkaneessedha

Waxabajjii 10/2018 (ENA): Misoomni Kooridarii Magaalaa Bishooftuu haala jireenya hawaasaa qabatamaan jijjiiree fayyadamummaa isaanii kan mirkaneessedha jedhan itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalattii Obbo Gazzaanyi Dajanee.


 

Ka'umsi misooma koridaraa magaalota mijataa taasisuu, bareechuu fi jireenya jiraattotaa ammayyeessuuf kaayyeffate waan ta’eef, Bishooftuunis Finfinneetti dhiyoo kan jirtu kana hordofaa jirti.

Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gazzaanyi Dajanee akka jedhanitti, magaalattii iddoo jireenyaa filatamaa fi wiirtuu turizimii taasisuuf karoorri qophaa’ee xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira.


 

Pirojektii Misooma Koridaraa marsaa jalqabaa fi lammaffaa irratti daandii asfaaltii, biskileetii fi miilaa kiiloo meetira dhibba tokkoo fi kudha torba ijaaramuu ibsaniiru.

Magaalattii bakka adda addaatti utubaawwan ismaartii kaa’amuu, kaameeraan nageenyaa kaa’amuu, paarkiiwwan adda addaa xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’uu hubachiisaniiru.

Misoomni koridarii kun yaada jiraattota naannoo isaanii eeguu, balfa sirnaan gatuu, misooma magariisaaf xiyyeeffannoo kennuun jijjiirama fideera jedhan.

Akkasumas qilleensa qulqulluu, bakka bashannanaa fi yaa’insa tiraafikaa qajeelfama qabu uumuun fayyaa qaamaa fi sammuu jiraattotaa eeguu akka gargaare ibsaniiru.


 

Itti aanaan kantiibaan kun akka jedhanitti, misooma koridarii kanaan lafti heektaara 336 magariisa ta’uu ibsaniiru.

Sarara tajaajila ibsaa ammayyaa dabalatee bu’uuraaleen biroo hojii daldalaa sa’aatii 24 hojjechiisuu dandeessisuun galii magaalichaa haalaan akka dabalu himaniiru.

Magaalattiin guddina galii waggaa dhibbeentaa 66 galmeessisaa akka turtes eeruun, ji'oota kudha tokko darban qofatti birrii biiliyoona 14.3 akka ta'e beeksisaniiru.

Misoomni koridarii fi seektaroota biroo jiraattota magaalaa hedduudhaaf carraa hojii kan uuman ta’uu ibsanii, hanga ammaatti lammiilee kuma 66 ta’aniif carraan hojii dhaabbataa damee adda addaatiin uumamuusaa ibsaniiru.

Misoomni koridarii kun akkaataa jireenya hawaasaa ammayyeessuun bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa mirkaneessu uumuu danda’eera jedhan.

Itti aanaan kantiibaa magaalattii misoomni koridarii marsaa sadaffaa magaalattii cimee itti fufuu beeksisaniiru.

#TOI #ENA Afaan Oromoo #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015