Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) fooyya'iinsa baajata raggaasise

Waxabajjii 10/2018 (ENA): Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) raawwii karoora ji’oota 11 bara baajataa 2018 bu’uura godhachuun fooyya’iinsa baajata isaaf dhiyaate walgahii idilee isaa irratti raggaasiseera.




Kaabineen Naannichaa fooyya’iinsa baajata Birrii miiliyoona 301 fi kuma 693 fi 178 Biiroo Maallaqaa fi Tumsa Diinagdee naannichaatiin dhiyaate irratti mari’atee raggaasiseera.
Fooyya’iinsi baajataa kun pirojektoota raawwii fiizikaalaa fi faayinaansii gadi aanaa qaban adda baasuun dhimmoota faayidaa diinagdee fi hawaasummaa olaanaa qabaniifi hanqina baajataaf akka oolu himama.

Yeroon bara baajataa hafe pirojektoota raawwii gadi aanaa qaban adda baasuun gamaaggamuun hojiiwwan dursa kennaniif akka oolus hubatameera.

Kaabinichis fooyya’iinsa baajataa itti dhiyaates sagalee guutuun raggaasiseera.
Kaabineen naannichaas dhimmoota adda addaa irratti mari’atee kallattii kaa’uu odeeffannoon ENA’n komunikeeshinii naannichaa irraa argate ni mul’isa.

#TOI #ENA Afaan Oromoo #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015