Yunvarsitichi omishtummaa guddisuuf teekinooloojiiwwan qonnaa hawaasaaf dhaqqabsiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunvarsitichi omishtummaa guddisuuf teekinooloojiiwwan qonnaa hawaasaaf dhaqqabsiisaa jira
Waxabajjii 10/2018 (ENA)- Yunivarsiitiin Arsii omishtummaa guddisuuf teekinoolojiiwwan qonnaa dhaqqabamaa gochuun fayyadamummaa hawaasaatiif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru beeksise.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Arsii Dr.Fiqaaduu Mitikuu ENA’f akka ibsanitti; Yunivarsiitichi omishtummaa guddisuuf teekinoolojiiwwan qonnaaf gargaaran dhaqqabamaa gochuun fayyadamummaa hawaasaatiif hojjechaa jira.
Keessattuu Yunvarsiitichi sagantaa maaddii guutuu milkeessuuf tajaajila ekisteenshinii qonnaa qotee bulaaf dhaqqabsiisuu irratti hojjechaa jira jedhanii jiru.
Kanaanis dargaggoota hojii dhabeyyii fi qotee bultootaaf cuuciiwwan lukkuu dhiyeessuun fayyadamaa gochaa akka jiru eeranii, humna isaatiin cuuciiwwan lukkuu hawaasaaf dhaqqabamaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis, Yunivarsiitichi lukkuuwan kuma 3 ol galchuun hanqaaquu kuma 40tti dhiyaatu gabaaf dhiyeessaa akka jiru hubachiisaniiru.
Sanyii saawwan aannanii fooyya'an qonnaan bulaaf dhaqqabamaa gochuuf, sanyii kormaa hormaata gaarii qaban mala diqaalomsuutiin (artificial insemination) fayyadamummaa qotee bulaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaanis hojii sanyii beelladootaa fooyyessuu bu'a qabeessa gochuuf, warshaa nyaata horii qopheessu hundeessuun hojii gaarii hojjechaa jira jedhaniiru.
Gama biraatiin, sanyiiwwan qamadii, xaafii fi Aajjaa omisha gaarii kennuu danda'an sadii qotee bulaaf dhaqqabamaa gochuu isaa ibsaniiru.
Haaluma kanaan sanyii filatamaan kuntaala kuma 1 ol qonnaan bulaaf akka dhaqqabu taasifamuu kan ibsan pirezidaantichi, yeroo ammaa kanatti jallisii Bonaatiin lafa hektaara 12 irratti sanyiin filatamaan qamadii misoome walitti qabamaa jira jedhaniiru.
Yunvarsiitichi tarsiimoo misooma qonnaa deeggaruuf hojiiwwan hojjechaa jiru malees, hawaasa fayyaalessa ijaaruuf carraaqqii taasifamu deeggaruuf hojjechaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.