Yunivarsiitichi Hojii baruuf barsiisuun cinaatti hojiiwwan rakkoo hawaasaa furaniif xiyyeeffannoo kennee hojechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitichi Hojii baruuf barsiisuun cinaatti hojiiwwan rakkoo hawaasaa furaniif xiyyeeffannoo kennee hojechaa jira
Waxabajjii 10 /2018 (ENA) -Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, rakkoolee hawaasa naannichaa furuuf hojiilee adda addaa raawwachaa jiraachuusaa beeksise.
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu abbootii amantii, abbootii Gadaa fi miseensota Poolisii Tiraafikaa Magaalaa Roobeerraa walitti babba’aniif waltajjii hubannoo uumuu balaa tiraafikaa hir’isuuf kaayyeffate gaggeesseera.
Waltajjicharratti kan argaman Daayiretarri Qorannoo, Tajaajila Hawaasaa fi Ce’umsa Teeknoolojii Yuniversiitichaa Dr. Mahammad Jamaal akka ibsanitti, dhaabbatichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti hojiilee rakkina hawaasaa bu’uura godhatan irratti hojjechaa jira.
Qorannoowwan ogeeyyii Yuniversiitichaan yeroo yeroon gaggeeffamanii yaada furmaataa dhiyeessan bu’uura godhachuun, bu’aa qorannichaa gara pirojektiitti jijjiiruun hawaasaan gahuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa akka jirus yaadachiisaniiru.
Keessattuu, balaa tiraafikaa naannichatti mudatu hir’isuuf leenjiiwwan hubannoo uumuu qooda fudhattootaaf kennamaniin bu’aan jajjabeessaan argamaa jiraachuu kan ibsan daayirektarichi, rakkoo kana furuuf leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsu kun itti fufa jedhaniiru.
Waltajjicharratti leenjii hubannoo uumuu kan kennan Dr. Geetaachoo Damisee dhimmicharratti yoo dubbataniin, leenjiiwwan walitti fufiinsa qaban poolisoota tiraafikaa ,Seera kabachiiftotaa fi qooda fudhattoota biroof kennaman balaa tiraafikaa hir’isuuf gumaacha guddaa akka taasisan ibsaniiru.
Kanaafuu, qooda fudhatonni hubannoo argatanitti fayyadamuun balaa tiraafikaa naannoo isaaniitti miidhaa hawaasummaa adda addaatiif sababa tahe ittisuuf gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.
To’ataan Tiraafika Magaalaa Roobee itti aanaa Saajinii Ahimad Nagaash gama isaaniitiin, balaa kana ittisuuf carraaqqii taasifamu keessatti tumsa qooda fudhattootaa cimsuun alatti, hojiin to'annoo nageenya geejjibaas hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hariiroon itti fufiinsa Yunivarsiitichi qooda fudhattoota biroo waliin eegale rakkoo kana hiikuuf deeggarsa guddaa akka tahe eeranii, milkaa'ina hojichaatiif konkolaachiftootaas ta'e lafoo deemtonni seera nageenya daandii kabajuun balaa irraa of eeguu akka qaban dhaamaniiru.
Hirmaattonni waltajjichaa yaada kennaniin; yunivarsiitichi miidhaa balaan tiraafikaa geessisu hir’isuuf carraaqqii taasisaa jiru akka milkaa’uuf gahee fi itti gaafatamummaa isaanii akka bahan mirkaneessaniiru.