Naannoo Hararitti tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti pirojektoonni misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu ni hojjetamu - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Hararitti tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti pirojektoonni misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu ni hojjetamu
Waxabajjii 10 /2018 (ENA): Biiroon Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota naannichaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti pirojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu Naannoo Hararitti akka hojjetamu beeksise.
Itti Aantuun Hoggantuu Biiroo Dubartoota, Daa'immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Maftuhaa Aliiy yaada ENA’f kennaniin akka himanitti, hojii tola ooltummaa ji'oota Gannaa naannichatti hojjetamaa tureen bu'aa hedduun galmaa'uu ibsaniiru.
Haala kanaan dargaggoonni deggersaa fi tumsaan guddinni argamuu akka danda’amu qabatamaan agarsiisuu danda’aniiru jedhani.
Tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa naannichatti kennamu irratti dargaggoonni tilmaamaan kuma 47 akka hirmaatan ibsuun kunis kan bara darbee akka caalu dubbatani.
Lakkoofsi dargaggoota tola ooltota tajaajila tola ooltummaa kanarratti hirmaatan waggaa waggaan dabalaa akka jiru himaniiru.
Naannichatti ji’oota Gannaa dhaabbii biqiltuu, gargaarsa nyaataa, tajaajila fayyaa, barnoota sirreeffamaa, arjooma dhiigaa, akkasumas haaromsaa fi suphaa manneen namoota harka qalleeyyii ta’an dabalatee dameelee 14 keessatti tajaajilli tola ooltummaa ni raawwatama jedhan.
Bara kana keessattuu ijaarsa, haaromsa, suphaa manaa namoota harka qalleeyyii naannichaaf gaggeessuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Bara kana tajaajila tola ooltummaa kanaan hojiin misoomaa Birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu ni hojjetama jedhaniiru.
#Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa
#GreenLegacy