Godina Baaleetti qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ummata hirmaachise taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Baaleetti qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ummata hirmaachise taasifamaa jira
Waxabajjii 9/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ummanni itti hirmaate taasifamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa ibse.
Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamanitti eegalameera.
Barana biqiltuu biiliyoona 8 dhaabuuf galma qabame milkeesuuf hojii sosochii biyyaalessaa taasifamurratti Itiyoophiyaanonni kutaa hawaasaa hunda keessatti argaman tumsa guddaa akka godhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaamuunsaanii ni yaadatama.
Biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin dhaabamu milkeessuuf naannoo Oromiyaa godina Baaleetti hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jira.
Itti aanaa hogganaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Mu’awiyyaa Fu’aad ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban godinichatti hawaasa hirmaachisuun hojii hojjetameen lafa muka malee hafe bosona gochuun bu’aan qabatamaan argameera.
Hojii kana itti fufsiisuuf ganna kana kan dhaabamu biqiltuu miiliyoona 229 buufata biqiltuu mootummaa, waldaalee fi dhuunfaatti qopheessuun itti fufeera.
Amma ammaatti biqiltuun miiliyoona 211 ol, boolloon miiliyoona 194 kan qophaa’an yoo ta’u hojiin hafe hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Biqiltuuwwan mandhalee fi biyya alaa qophaa’uusaanii kan ibsan ammoo waajjirichatti dursaa garee sululaa fi misooma bosomaa obbo Tasfaayee Oliiqaati.
Naannawichatti waggaatti al lama gannaa fi Arfaasaa kan roobu yoo ta’u, biqiltuun dhaabamu kana hubannoo keessa kan galche ta’uu eeraniiru.
Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa Gaattiraa, Heexoo, Waddeessa, Birbirsa, Giraaviiliyaa, nyaata loonii fi mukeen gaaddisaaf oolan yoo ta’u, harki 8 nyaata namaaf kan oolan kuduraa fi Muduraadha.
Bulchaan aanaa Harannaa Bulluq obbo Ibraahim Hasan ummanni aanichaa ongeef akka hin saaxilamne hawaasa hirmaachisuuf tattaaffiin itti fufuu ibsaniiru.
Haala Kanaan rooba Arfaasaatti gargaaramuun harka 60, biqiltuuwwan dhaabuuf qophaa’an miiliyoona 25 keessaa harka 80 kan caalu dhaabamuu beeksisaniiru.